Warri Sudaan kibbaa aangoo qooddachuurratti walta'an

Sudaan kibbaatti gareeleen wal waraanaa turan lamaan waliigaltee araaraa isa dhumaa aangoo qoodachuurratti hundaa'e mallatteesan. Waliigalteen kun waraana waliinii waggoota shaniif ture goolabuu mala jedhameera.

Walgahii IGAD kaleessa Finfinneettii ta'amerratti Pireezidantiin biyyattii Salvaakiiriifi hoogganaan finciltootaa Re'iik Maachaar waliigaltee ji'a tokko dura Sudaan Kaartuumitti mallaateessan cimsuun waliigaltee isa xumuraarra gahan.

Akka waliigaltee kanaatti Pireezidant Kiir aangoodhuma amma qabaniin kan itti fufan yoo ta'u, Machaar aangoowwan pireezidantii itti aanaa jiran shan keessaa isa tokko qabachuun aangoo mootummaatti deebi'u.

Waliigalteen akka kanaa bara 2015ttis mallata'ee kan ture yoo ta'u ji'a tokkoo booda hojiirra oluu dhabuun jeequmsi ture itti fufeera.

Bilisummaa biyyattii waggaa 2 booda waraana waliinii dhalateen lammiileen biyyattii kumoota kudhaniin lakkaawamna du'aanii miiliyoonaan kan lakkaawamanqe'eesaniirraa buqqa'aniiru.