Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoggantoonni Sudaan Kibbaa 'walii galan'
Pireezidantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir fi hogganaan mormitootaa Riik Machaar marii nagaa Sudaan, Kaartuum keessatti taa'an irratti walii galteerra gahuu gabaafamaa jira.
"Qabxiilee muraasa" irratti waliigalaniiru, qabiyyeen waliigaltichaa ifa ta'a," jechuun Ministirri Haajaa Alaa Sudaan, Al-Dirdirii Mohammad Ahimad dubbataniiru.
Mariin kun jaarsummaa pireezidantii Ugaandaa Yuweerii Museveeniifi kan Sudaan Omar Al-bashiriin taa'ame.
Lola wal-dhabdee namoota lamaan kanaan bara 2013 biyyitti keessatti ka'een namootni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjefaman, namootni kitilaan lakkaa'aman qe'ee isaani irraa buqqaafamaniiru.
Marii amma hoggantoonni lamaan itti jiran kan qindeessaa jiru IGAD.
Miidiyaaleen Afriika tokko tokko waliigalteen amma irra gahamee guutummaan guutuutti waraana dhabuu akka ta'e gabaasaa jiru.
Torbee darbe waggoota lama booda yeroo jalqabaaf ture hoggantoonni lamaan Finfinneetti kan wal argan.