Mariin Sudaan Kibbaa ammas hinmilkaa’iin hafe

Mariin hoggantoota Sudaan Kibbaa gidduutti nagaa ni buusa jedhamuun taa'amee ture waliigaltee malee xumurame.

Wal'ta'insi biyyoota Afrikaa IGAD jedhamu aangoo pirezidaantii itti-aanaa sadii qondaaltota kaaniif akka qoodamu yaada dhiheessee ture.

Angoowwan haaraa sadan keessaa tokko qondaala duraanii biyyatti ala jiran, Riik Machaarif haa kennamu jedha yaadi dhihaate.

Miseensi garee fincilaa SPLA-IO jedhamu kan ta'an Maabiyor Garaang yaadi dhihaate siriri miti akkasumas mootummaa aangorra jiruuf aangoo dabalataa kenna jedhan.

Pirezidantiin biyyatti Salvaa Kiir fi itti -aanaan isaanii duraanii Rik Machaar erga waggaa shan dura adda bahani as lammiileen miiliyoona afur qe'ee isaanirraa yeroo buqqa'aan kumaatama kan ta'an ajjeefamaniiru.