Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaan Kibbaa: Loltootni dirqiin dubartoota gudeedan adabaman
Manni murtii humna waraanaa sudaan Kibbaa loltoota 10 hojjatoota biyya biraa irraa deemuun gargaarsa kennan gudeedan hidhaa waggaa torbaa hanga umurii guutuu tahuun adabe.
Manni murtichaa dabalataan mootummaan Sudaan dubartoota gudeedamuun lubbuun oolaniif beenyaa doolaara 4000 tahu akka kaffalamuuf murteessera.
Yakkichi kan raawwate bara 2016tti magaalaa Juubaa Hoteela Teeraan abbaan qabeenyummaan saa kan lammii Biriiteen tahe keessatti ture.
Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii garuu nagaa kabachiistonni achi turan iyya nu gargaaraa jedhu dhagahuun birmachuu dhiisuusaanii komachuusaa agarsiisa.
Loltuun tokko mana hidhaa keessatti dhukkubsatee du'eera. Tokkos akkasuma eeyyamaan yaalamaa jira.
Yakki kun kan raawwate yeroo wal waraana mootummaafi garee finciltootaa gidduutti magaalaa Juubaa keessatti gaggeefamaa ture dha.
Waraana guyyaa sadii ture kana irratti namootni 70 ol fi kan nagaa kabachiistonni Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii lamas akkasuma ajjeefamaniiru.
Yeroo sana lammiileen biyya alaa gargaarsa namoota miidhamaniif kennaa turan yoo xiqqate dubartoota shan tahan dirqiin gudeedamaniiru.
Dabalataan loltootni Hoteelicha waan weeraraniif mootumaan beenyaa abbaa qabeenyaa lammii Biriiteen Maayik Wuudwaardiif Doolaara miiliyoona lama akka kaffaluuf ajajeera.