Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormii Boobii Waayin: Raayyaan waraanaa Ugaandaa reebicha gaazexeessitootaaf dhiifama gaafate
Raayyaan waraanaa Ugaandaa erga viidiyoon loltoonni gaazexeessaa reebaa jiran agarsiisu gadhiifame booda dhiifama yeroo baay'ee hin baratamne gaafateera.
Gaazexeessaan kunis mormii hidhamuu miseensa paarlaamaa Boobii Waayin gabaasuuf achitti argame.
Gaazexessitoonni biroos mormii kana wayita gabaasaa turanitti reebamaniiru.
Ibsi raayyaan kun baase waan jettu, ''loltoonni kunniin gocha ogummaa sanaan ala tahe agarsiisaniiru.'' To'annoo jalas ni oolu jedha.
Ugaandaatti torban dabre, erga miseensonni paarlaamaa Boobii Waayinii fi afur biroo, to'annoo jala ooluu hordofee muddamni siyaasaa hammaateera.
Boobii Waayin miseensa paarlaamaa tahee osoo hin filamiin dura weellisaa beekamaa ture. Waayin mormii dargaggootaa isa jalqabaa jedhamuu danda'u, pireezidantii biyyattii Yoweerii Museeveenii irratti gaggeeffamu olaantummaan hoogganaa jira jetti gaazexeessituun BBC, Catherine Byaruhanga.
Lammiileen Ugaandaa har'a jiran hedduun wayita Museveeniin 1986 ALA gara aangootti dhufan, hin dhalanne.
Viidiyoon intaneetarra gadhiifame, gaazexeessaa suuraa Reuters'f hojjetu Jeems Akeenaa, daandii Kaampaalaatti wayita loltoonni lama uleen reeban agarsiisa.
Erga gaazexeessaan kun harka olqabee jilbeenfatee boodas reebichi itti fufee ture.
Gaafa Wiixataa namni tokko yoo du'u, kanneen 100 ol tahan to'annoo jala oolaniiru.