Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee ayyaana Iid Al Adahaa Ustaaz Ahmaddiin Jabaliifi Haji Jawaar Mohaammad maal jedhu?
Ayyaanni Idil Adahaa baranaa har'a kabajamee oole addadhaa jedhan dubbi himaan koree fala barbaadduu hawaasa Muslimaa, Ustaaz Ahmaddin jabal.
''Guyyaa Idii kana waltajjii sagalee itti dhageessisani morman ture. Har'a garuu wanti kaleessa dabarfame dagatamee jaalalaan waliin kabajamaa jira,'' jedhaniiru.
Ustaaz Ahamaddiin akka jedhanitti, ayyaana kana si'a kudha tokkoof mana hidhaatti dabarsani. Isa bara darbeellee mana hidhaa turuu himu.
''Ammammoo baanee ummataa fi maatii keenya waliin ayyaana dabarsaa jirra,'' jedhan.
Barana keessumaa lammiilee sababa adda addaatiin qe'ee irraa buqqa'aniifi mana hidhaatii hiikaman gargaaruun ayyaana akka dabarsuun barbaachisa jechuun himu.
Xinxalaan Siyaasaa fi hoji gaggeessaan olaanaa Oromiyaa Miidiyaa Netwoork, Hajii Jawaar Mohaammad qabsoo darbeen Waaqa galateeffachuuf Hajii deemu himu.
''Akkuman ummata keenya galateeffadhe rabbi nu milkeessees galata galchuufiin as dhufe. Hamman danda'u hamman beeku biyya saniif hojjedheen jira. Kan hafe immoo rabbi itti nuuf haa guutuuf kadhachuufiin as dhufe.''