Mormii Boobii Waayin: Raayyaan waraanaa Ugaandaa reebicha gaazexeessitootaaf dhiifama gaafate

Bobi Wine greets supporters

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Boobii Waayin

Raayyaan waraanaa Ugaandaa erga viidiyoon loltoonni gaazexeessaa reebaa jiran agarsiisu gadhiifame booda dhiifama yeroo baay'ee hin baratamne gaafateera.

Gaazexeessaan kunis mormii hidhamuu miseensa paarlaamaa Boobii Waayin gabaasuuf achitti argame.

Gaazexessitoonni biroos mormii kana wayita gabaasaa turanitti reebamaniiru.

Ibsi raayyaan kun baase waan jettu, ''loltoonni kunniin gocha ogummaa sanaan ala tahe agarsiisaniiru.'' To'annoo jalas ni oolu jedha.

Ugaandaatti torban dabre, erga miseensonni paarlaamaa Boobii Waayinii fi afur biroo, to'annoo jala ooluu hordofee muddamni siyaasaa hammaateera.

Boobii Waayin miseensa paarlaamaa tahee osoo hin filamiin dura weellisaa beekamaa ture. Waayin mormii dargaggootaa isa jalqabaa jedhamuu danda'u, pireezidantii biyyattii Yoweerii Museeveenii irratti gaggeeffamu olaantummaan hoogganaa jira jetti gaazexeessituun BBC, Catherine Byaruhanga.

Lammiileen Ugaandaa har'a jiran hedduun wayita Museveeniin 1986 ALA gara aangootti dhufan, hin dhalanne.

Viidiyoon intaneetarra gadhiifame, gaazexeessaa suuraa Reuters'f hojjetu Jeems Akeenaa, daandii Kaampaalaatti wayita loltoonni lama uleen reeban agarsiisa.

Erga gaazexeessaan kun harka olqabee jilbeenfatee boodas reebichi itti fufee ture.

Maxxansa YouTube irra dabri
Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa YouTube

Gaafa Wiixataa namni tokko yoo du'u, kanneen 100 ol tahan to'annoo jala oolaniiru.

Yeroo mormii gommaan wayita gubatu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Wiixata, mormitoonni daandiiwwan magaalaa guddittii Kaampaalaatti Boobii Waayin akka gadhiifamu gaafachaa turan