Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zumaa Afriikaa Kibbaa dhiibbaa paartii isaantiin aangoo gadhiisan
Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa paartiidhuma isaanitiin dhiibbaan baayyeen irratti taasifamaa ture Jaakoob Zumaan aangoo gadhiisan.
Ibsa TV kennaniin akka jedhanitti atattammaan aangoo isaanii gadhiisu garuu murtee paartii isaanii ANCn walii hingalan. I
ANC ammoo akka aangoo gadhiisanii yookan ammoo paarilaamaa keessattii sagaleen sirratti kennama ittiin jedhe ture. u
Gaheessi umurii 75 kunis aangoosaanii itti aanaa fi oggannaa paartii ANC kan ta'an Siyriil Raamaafosiif akka dhiisaniif waamichi taasifamaaf tureera.
Mr Zumaan bara 2009 irraa kaasanii aangoo kan qabatan yoo ta'u himannaawwan malaamaltummaa hedduu irratti kaafamaa ture.
Roobii ganamas, mana jireenyaa maatii dureeyyoota managaalaa Johaansbargi kan Guptaa Zumaa waliin walitti dhufeenya qabu jedhamanii sakkata'aa turan.
Zumaan attamiin aagnoo gadhiisuu isaanii himanii?
Haasaa isaanii kolfaafi qosaan eegalan miseensoota midiyaa waliin, maaliif akkasi waan artan fakkaatanii jedhanii gaafachuun ture.
Mr Zumaan erga kanneen waliin bara dheeraaf hojjachaa tureen galateefataniin boodas, jeequnsaafi adda qoodiinsa ANC keessaa murte isaa mo'achuunakka aagnoo gadhiisan taasisuu himaniiru.
''Maqaa kootiif jecha lubbuun badu jiraachuu hinqabaatu. Akkasumas ANCn adda qoodamu hinqabuus jedhaniiru. Kanaafuu, pirezidaantii Afriikaa Kibbaa ta'un koo battalumatti akka dhaabatu murteesseera'' jedhaniiru.
''Murtee oggantoota dhaaba koo waliin waliigaluu baadhulleen, ani yeroo hundumaa miseensa naamusaa ANC. Yoo gadhiisee illeen ummata Afriikaa Kibbaafi ANC, dhaaban umurii kiyya guutuu tajaajile...annas tajaajiluu ittin fufa''.