Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zumaa Afrikaa Kibbaa: Manni maatii soreeyyii polisiin marfame
Kutaan poolisii Afrikaa Kibbaa haalauma qorannoo gaggeefamaa jiruun walqabateen miseensota maatii soreeyyii (Guptaa), maatii Pirezedaantii Jaakoob Zumaa waliin walitti dhufeenya qabu jedhaman qabuun isaa gabaafameera.
Kunis kan raawwatame yeroo biyyattiin akka paartiisaaniitiin ajajamaniin Zumaan aangoo gadi dhiisu jedhamee eegaa jirtutti. Gabaasaan keenya Andiriiwu Haardiingi Johaannisbargi mana Guptaarraa gabaaseera.
Poolisoonni hidhatan ganama har'aa dhufanii mana jireenyaa Guptaa buufatan. Namoota qabuuf akka dhufanii turan; miidiyaaleen biyyattiis obboleessa Guptaa tokkoofi kan inni waliin daldalu akka qabamaniifi miseensonni maatii kanaa biroon ammo poolisiitti arka kennuu akka danda'an gabaasaa jiru.
Shakkamtoota qabuun kun qorannoo himannaa malaammaltummaa misooma annanii Afirikaa Kibbaa- kan kachachala ballinaan "state capture" jedhamuun beekamu waliin akka walqabatu amanama.
Guptaan Pirezedaanti Zumaa waliin hiriyyaa dhiyoofi ilma isaanii Duduzaan hojii qacaraniiru.
Yeroo kun yeroo Obbo Zumaan akka aangoo gadi-dhiisuuf dhiibbaan cimaa irra taasifaa jiru waan ta'eef baayyee murteessaadha.
Tarkaanfiin poolisiin kunis sodaa Guptaan biyyaa baqachuu danda'a jedhamee kan fudhatame ta'uufi dhiisu ifa hintaane.
Qabuun lammiileen Afirikaa Kibbaa bebbeekamoo biroo itti fufa ta'uufii dhiisaa, akkasumas Obbo Zumaan akka paartiin biyya bulachaa jiru, ANCn, attattamaan aangoo gadi dhiisuuf gaafate hojiirra oolchuufi dhiisuu isaanii dhiyeenyaan hordofaa jiru.