Riyaal Maadiriid Mbappe'f £137m dhiyeesse, Kristiyaanoo Roonaaldoon Maan Siitii galuuf

Madda suuraa, Getty Images
Riyaal Maadiriid taphataa PSG Kiliyaan Imbaappee fudhachuuf paawondii miliyoona 137 dhiyeesse. Taphataan lammii Faransaay Waancaa Addunyaa 2018 mo'ate Imbaappeen, bara 2017 Moonaakoo irraa paawondii miliyoona 165.7'n PSG gale.
Yeroon waliigaltee PSG waliin qabu xumuramuuf waggaa tokko qofatu isa hafe. PSG'n taphaticha amma hin gurguru taanaan bara dhufu maallaqa tokko malee dhabuuf deema.
Imbaappeen taphoota 174 PSG'f taphatee galchiiwwan 133 lakkoofsiseera. Waancaa Liigii 1 sadii fi waancaa liigii Faransaay [French Cup] sadii PSG waliin mo'ateera.
Riyaal Maadirid rakkoo maallaqaa keessa galuu kan ibse yoo tahu, bara kana Deevid Alabaa qofa Baayern Munik irraa bilisaan mallatteesise.
Haa tahu malee miindaa guddaa kan argatan Serjiyoo Raamosii fi Raafaa'el Vaaraan kilabicha gadhiisaniiru. Kana irraa ka'uun Maadirid haala baajata isaanii ilaalanii taphataa baay'ee barbaadan Imbaappee mallatteesisuu danda'u.
Haala kaffaltii isaa irratti kilabootni lamaan waan ibsan hin qaban. Imbaappeen Maadirid galuuf fedha akka qabu kana dura ibsuun kontiraata haaraa PSG'n si'a sadii dhiyeesseef hin fudhanne.
Kiliyaan Imbaappeen PSG kan bahu taanaan kilabichi taphataa Everteen lammii Biraazil Richaarlisan mallatteesisuu danda'a.
Gama kaaniin Kiristaanoo Roonaaldoon Yuvantas gadhiisee bahuu akka barbaadu miidiyaaleen gabaasaa jiru.
Roonaaldoon gara Piriimer Liigiitti deebi'uu barbaada. Maanchister Siitiin taphaticha fudhachuuf fedha qaba jedhama.
Kilabni isaa duraanii Maanchister Yuunaayitid kana dura deebisuu akka barbaadu himamaa ture. Garuu Roonaaldoon taphattoota lammii Poorchugaal Maan Siitiif taphatan akka Ruuben Diyaaz, Bernaando Silvaa fi Jayo Kaanseloo waliin mari'ateera. Jijjiirraa isaa keessatti Ayemirik Laappoorti yookaan Silvaan dabalamuun Yuvantasiif kennamuu danda'u.
Maan Siitiin miindaa Roonaaldoon barbaadu kaffaluuf fedha qabu. Garuu gatii jijjiirraa isaa guddaa baasuu hin barbaadan.
Maanchister Yuunaayitid taphataa Boruushiyaa Doortimoondi Erling Haalaand bara dhufu mallattesisuuf abdiin qabu dabaleera jedhama.
Taphataan ganna 21 Haalaand taphoota 63 irratti galchii 62 Dortimondiif lakkoofsiseera.












