Hamii Ispoortii: Roonaaldoo gara Baarseloonaatti fiduun Liyonel Mesi waliin taphachiisuu

Liyonel Mesii fi Roonaaldo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Liyonel Mesii fi Roonaaldo

Tibbana oduun pirezidaantiin Baarseloonaa haaraan Kiristiyaanoo Roonaaldoo gara kilabichatti fiduun Liyonel Mesii waliin taphachiisuu barbaada jedhu bahaa ture.

Roonaaldoon amma ganna 36 yoo tahu Juventas keessaa bahuu akka barbaadu himama. Taphatichi garuu morkataa isaa yeroo hundaa fi taphataa waliin badhaasa Balon d'Or kudhan ol qqooddatan kana waliin kilaba tokko keessa taphataa? kan jedhu gaaffiidha.

'Teamtalk' barruun ispoortii jedhamu akak gabaasetti pirezidaantiin Baarseloonaa taphaticha Mesii waliin taphachisu barbaadu.

Kana qofa osoo hin taane seenaa keessatti taphattootni ciccimoon kileba lamaan masaanuu walii tahan Baarseloonaa fi Riyaal Maadiridiif yeroo garaagaraatti taphatan muraasa.

Roonaaldoon gara kilaba isaa duraanii Maanchister Yuunaayitiditti deebi'uu danda'a hamiin jedhus jira.

Oduu biraan taphataan Boorishiyaa Doortimondi umurii 17'n gahumsa guddaa irra jiru Jude Beelingihaam kontiraata isaa irratti dabalataan waggoota lamaaf mallatteessuuf waliigaluu himama jira. [Sun].

Maanchister Siitiin yoo Haarii Keeniin Tootenaham irraa mallatteesisuu daddhaban fuula isaanii gara taphataa Baarseloonaa Antooyin Gireezmaanitti deebisuu barbaadu. [Fichajes, afaan Ispaanish].

Maanchister Yuunaayitid walakkaa bara dorgommii darbeetti Westi Haam ergisaan deemuun gahumsa gaarii kan agarsiise Jeesee Lingaardiif kontiraata waggaa sadii kennuu barbaadu. West Haam taphaticha dhaabbiin mallatteesisuu barbaadu. [Mirror].

Liiverpuul ''taphataa Baayern Munik, Kiingsli Koomaan mallatteesisuuf ''fedha guddaa'' qabu jedhame. Taphataa kana Man. Yuunaayitidis haalaan ni barbaada. [Metro].

Inter Miilaan bakka bu'aa taphataa sarara ittisa cinaa Arsenaal Hektor Beleriin qunnameera. Inter taphataa ganna 26 kana bakka Ashraaf Hakiimii, taphataa PSG galuuf waliigalee buusuuf barbaadu.

Dabalataan taphataan sarara gidduu Arsenaal fi Iswiizerlaandi Giraanayit Zhaakaan kilabichaa akka bahu mirkaneesse. Roomaa, kilaba Joosee Mooriinoon leenjisummaan qabatantu taphaticha barbaada.

Xumura irratti Jadon Saanchoo paawondii miliyoona 77 oliin Doortimondi irraa mallatteesisuuf qarqara irra gaheera kan jedhamu Maanchister Yuunaayitid amma immoo taphataa Reenes gahumsa dinqisiisaa irra jira jedhamu Idwaardoo Kamaviingaa ganna 18 kan tahe malattesuf jedha. Torban dhufu waliigalte xumurus jedhama. [Mirror]

Beeljiyeem

Dhaloota warqee' Beeljiyeem jedhamuun kan waamamaa jiran taphattootni Beeljiyeem ammaa waancaa tokkollee akka biyyaatti hin injifatiin jiru. Garuu guyyoota 1000 caalaniif walitti aansuun akka sadrkaa Fifa'n baasutti akka adunyaatti cimina kubba miilaan 1ffaa irra jiru.

Eda Poorchugaaliin kan mo'atanii gara biyyoota saddet Waancaa Awurooppaaf darbaniitti makaman Beeljiyeem yerootti waancaa mo'atan amma yookaan ammoo tasuma hin jiru jedhamaa jiru beektota kubba milaan.

Marsaa itti aanu keessatti Xaaliyaanii [Itaalii] waliin kan taphatan yoo tahu taphattootni isaanii murteessoon akka Eden Haazaardii fi Keevin De Biruun ammoo miidhamanii bahan. Tapha itti aanuuf ni gahumoo hin gahan kan jedhu hin baramne.