Beeljiyeem vs Poorchugaal, Roomelu Lukaakuu vs K. Roonaaldoo-Waancaa Awurooppaa

Taphataa Beeljiyeem Lukaakuu fi kan Poorchugaal K.Roonaaldoo

Madda suuraa, Reuters

Kubbaa miilaan adunyaa irraa 1ffaa irra kan jirtu Beeljiyeemii fi Shaampiyoonaan Waancaa Awurooppaa darbee Poorchugaal, har'a Ispeenitti wal arguun gara marsaa itti aanuutti darbuuf wal morkatu.

Iji hundumtuu taphataa sarara duraa Beeljiyeem Roomeluu Lukaakuu fi dursaa garee biyyaalessaa Poorchugaal Roonaaldoo irra jira.

Lamaan isaanii dorgommii waancaa bara kanaa irratti galchii saddeet lamatti lakkoofsisaniiru.

Roonaaldoon waancaa Awurooppaa 2020 kana irratti galchii shaniin dursaa jira.

Rikardii gama dhiirotaan garee biyyaalessaaf lakkoofsisuun jiru haaraa galmeessuuf galchii tokkotu isa hafa.

Morkiin kun Ispeen Siiviyaa irratti gaggeeffama.

Oduu garee

Taphataan Leester Siitii Yuurii Tiilemaansi, Beeljiyeemiif kan deebi'u taha. Taphichi hanga daqiiqaa 90tti qixa taanaan gara yeroo dabalataatti ce'a.

Sananis yoo wal hin mo'anne gara rukuttaa peenaaliititti ceha jechuudha.

Tiilemaansi taphoota jalqabaa lamaan irratti taphatus kan Finlaandi waliin taasisan irratti hin hiriirre.

Taphataan sarara ittisaa Woolvis Neelsan Semedoo yeroo Poorchugaal, Firaansi waliin taphatte miidhameera. Garuu ergasii gara shaakalaatti deebi'eera.

Taphataa sarara gidduu Maanchister Yuunaayitid Buruunoo Fernaandez tapha darbe irratti taa'umsa jijirraa irraa ka'uun eegale. Amma jalqaba irartti hiriira jedhamee eegama.

Beeljiyeem sadarkaa 1ffaa irra haa teessu malee ammatti waancaa injifatte hin qabdu. Garuu taphoota sadan darban dirreen ala taphachuun hunda mo'attee qabxii sagal argatte.

Poorchugaal ammoo Waancaa Awurooppaa 2016 kan mo'atte yoo tahu, biyyoota sadii qabxii gaarii qaban keessaa tokko tahuun marsaa kanaaf darbite.

Dorgommii sarara duraa jiru eenyu mo'ata?

Erga Waancaan 2018 xumuramee Lukaakuun biyyasaa Beeljiyeemiif taphoota waliigalaa 21 irratti taphatee galchii 23 lakkoofsise. Akkasumas kubba afur galchiif mijeessee kenneera.

Taphataan Inter Miilaan kun tapha garee keessaa darban irrattis galchii sadii qaba. Galchii lama Raashiyaa irratti lakkoofsise.

Roonaaldoo, kan amma ganna 36 tahe, dorgommii jajjabaa akka Waancaa Adunyaa fi Awurooppaa irratti taphataa galchee hedduu lakkoofsise taheera.

Rikardii qabatee kan ture Mirislaav Kiloosaa [19] caaluun 21 lakkoofsiseera.

Galchii lama Firaansi irratti lakkoofsise. ''Umurii kanaan gahumsa isaa agarsiisuu ittuma fufeera. Gahumsa isaa kanatti kan siqu galmeesisuuf nan yaala,'' jedhe Lukaakuun taphataan ganna 28, waa'ee Roonaaldoo yoo dubbatu.

Tilmaama Laawuroo

''Wow. Kun dorgommii guddaadha. Garee adunyaa irraa jalqaba irra jiran. Gareen lamaan taphattoota galchii mo'annaa lakkoofsisuu danda'an qabu. Beeljiyeem taphattoota fuulduratti deeman qabdi. Garuu ittisni isaanii ni dogoggora,'' jedhe.

Kanaaf garee kana mo'ata jechuun ni ulfaata garuu qixa xumuruun rukuttaa peenaalitiin adda bahu jedhe Laawuroon.

Beeljiyeem 1/ 1 Poorchugaal- Sa'a dabalataa irrati. Iisnis tilmaamaa.