Kiristiyaan Eriksen: Taphataan Deenmaark tapha irratti dirree keessatti erga of wallaalee amma 'dammaqeera'

Kiristiyaan Erikseniif [ karaa mirgaa 2ffaa irra] fi Denmaarki tapha jalqabaa isaanii Waancaa Awurooppaa 2020f taaisan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristiyaan Erikseniif [ karaa mirgaa 2ffaa irra] fi Denmaarki tapha jalqabaa isaanii Waancaa Awurooppaa 2020f taaisan

Taphataan sarara gidduu Denmaarki Kiristiyaan Eriksen tapha Waancaa Awurooppaa Finlaandi waliin taasisaa turan irratti erga of wallaalee dirree keessatti kufee wal'aanamaa turuun hospitaalatti ''of bareera'' jedhe Waldaan Kubbbaa Miilaa Denmaark.

Haalli fayyaa taphataa ganna 29 kilaba Inter Miilaan amma ''fooyya'eeraa' jedhe qindeessaan dorgommichaa Uefa.

Taphni Kooppenhaagenitti gaggeeffamaa ture osoo boqonnaa hin gahiin addaan citee ture.

Taphataan duraanii Tootenaam, Eriksen xumura tapha boqonnaa duraa irratti kubbaan yoo itti darbatamu ofumaan dhaabbachuu dadhabee kufe.

Hakiimonni wal'aansa ariifachiisaa dirree keessatti erga kenaniifi hospitaala galchan.

Finlaandi taphicha galchii 1-0'n yoo mo'attu erga sa'a tokkoo ol adda citee itti fufuun taphatame.

Taphattootni Denmaarki yeroo gara dirreetti deebi'an morkattootaa isaanii irraa dinqisifannaa argataniiru.

Uefa'n taphicha itti fufsiisuuf kan waliigale '' taphattoota garee lameenii irraa erga gaaffiin dhiyaateeti,'' jedhe.

Daqiiqaan marsaa jalqabaa irraa hafte shan taphatamuun daqiiqaa shaniif boqonnaa fudhatanii gara dirreetti deebi'uun kan boqonnaa boodaas taphatan.

Waldaa Kubba Miilaa Denmaarki irraa Piiter Mooler raadiyoo Danmaark jedhamutti akka himetti, '' isa waliin wal qunnamneerra. Taphattootnis isa waliin dubbataniiru. haala gaarii irra jira. Taphicha Kiristiyaaniif taphatu.''

Leenjisaan Denmaarki Kaasper Hulmaandi taphaan booda imimmaniin hudhamaa ture.''Dhugumaan halkan ulfaataadha. Jireenya keessatti kan baay'ee murteessaa tahe maali kan jedhu kan itti yaadannedha. Hariiroo hiika qabudha. uummata kanatu nutti aana. Maatiifi hiriyootadha,'' jedhe.

''Yaadni keenya hunduu Eriksenii fi maatii isaa waliin jira'' jedhe. Kilabni isaa Tootenaam, kan amma taphataafii jiru Inter Miilaaniifi jaallattotni ispoortii hedduun Erikseniif jajjabina hawwaa turan.

Eriksen Inter Miilaan waggoota 11 booda akka waancaa Serie A injifatu gargaareera. Miiltoon isaa Inter Miilanitti waliin taphatan Roomelu Lukaakuun tapha Beeljiyeem Raashiyaa waliin taphattee sadiif o'n mo'atte irratti galchii lama galchuun Erikseniif yeroo gammachuu isaa ibsachuuf jedhu kadhata gochaa ture.

Akka dafee bayyanatee ka'us hawwii qabuuf ibseeraaf. Waancaan Awurooppaa 2020 sababa koroonaavaayirasiin waggaa tokko darbe amma gaggeefamaa jira.