Fayyaan Kiristiyaan Eriksen Waancaa Awurooppaarratti dirree keessatti kufee of wallaalee maalirra jira?

Kiristiyaan Eriksen

Madda suuraa, @chriseriksen8/Reuters

Erga dirree keessatti kufee of walaalee hospitaala galee taphataan duraanii Kilaba Tootinhaam Kiristaan Eriksen fayyaan isaa ''haala amma jiruun gaariidha'' jedhame.

Taphaataan kun erga hospitaala galee yeroo jalqabaaf siree hospitaalatti irra ciisurraa suuraa isaa maxxanseera.

Eriksen dirree keessatti of wallaalee kufuun wal'aansi ariifachiisaan erga godhameef booda hospitaalatti qorannoo gaggeeffameefiif rakkoon isa mudate dhibee onnee tahuu hakiimni himeera.

Taphataan umuriin isaa ganna 29, Eriksen Sanbata darbe tapha waancaa Awurooppaa biyyi isaa Denmaarkiifi Finlaandi taphatan irratti osoo taphataa jiruu ture tasa kan kufe.

Eriksen deeggartoota adunyaarraa isa deeggaraa turan hundaa galateeffateera.

'' Amma, tapha itti aanu irratti taphattoota garee biyyaalessaa Denmaarki nan dubbisa'' jedhee ''Denmaarki hundaaf taphadhaa'' jechuun barreesse.

'' Haala amma jiru keessatti akka gaariittan jira. Ammas hospitaalatti qorannoo dabalataa biraa gaggeessa. Garuu miira gaarii natti dhagahama.''

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Tapha Kooppenhaagenitti gaggeeffame irratti osoo boqonnaan hin gahiin yeroo of wallaalee kufu, dirree keessatti akka dammaquuf hakiimonni deeggarsa gochaaf turan.

Hakiimni garee Denmaarki, Moorten Boo'iz,'' Hammam isa dhabuuf dhiyaannee ture? Hin beeku, garuu ariitiin akka harganuu dandahu gochuun isa deebisanneerra. Qorannoon hanga ammaatti taasifame gaarii fakkaata. Maaliif akka tahe ibsa kenninu hin qabnu.''

Yeroo Eriksen hospitaalatti dammaquu isaa baramu ture taphattootni dorgommicha itti fufuun taphachuuf kan murteessan.

Erga taphataan duraani Tootenahaam kun kufee gara sa'a lamaa adda citee tureen booda ture taphichi kan itti fufuun taphatamuu jalqabe.

Finlaandi taphicha 1 fi0'n mo'atte. Taphataan denmaarkiif Baarseloonaa Maartiin Biraayitwaayit taphicha taphachuuf murteessuun '' waan hamaa isa dhumaati'' jedhe.

Leenjisaan Denmaarki Hulmaandi,'' Kiristiyaan haala gaarii irra jira. Shakkii guddaa baay'eenbooda kun taphattootaaf oduu gaariidha. Akka qarqara mo'amuuu irra turre shakkii hin qabu,'' jedhe.

Denmaarki tapha lammaffaa isaanii Kamisa dhufu achuma Kooppenhaagenitti Beeljiyeem waliin taphatu.