Tilmaama Priimeerliigii: Laawroo fi taatota beekamoo Idriis Eelbaa fi Aml Ameen

Kilabni Joozee Morinihoo Manchistar Yunaaytiid tapha torbee darbeen Braaytaniin erga injifatamee booda, dirreesaarratti Totanhaam irraa qormaata guddaatu isa eeggata. Totanhaam taphoota lamaan hanga ammaatti taphataman mohataniiru.
Xiinxalaan Ispoortii Maark Laawrensen taphni kun tapha warri Portugaal jaalatan ta'a jedheera.
''Deeggartoota isaarraa dhiibbaan irra jiraachuu mala haala barbaadeen taphachuun isa rakkisuu mala garuu Joozeen uumama akkasi hin qabu. Toftaa taphaasaa waan jijjiiru miti'' jedha.
Taphoota ulfaatoo akkasiirratti Maanchistar qabxii gaarii galmisisa jechuunis dubbata.
Laawroon, taphoota gurguddoo liigichaa 380 kan tilmaamu keessummoota adda addaa affeeru waliini.

Madda suuraa, Getty Images
Keessummotni torbee kanaa Laawroo Idriis Eelbaa fi Aml Ameen, fiilmii Yaardi'ee jedhamu Eelbaan daayreekarumman irratti qooda fudhateefi Ameen irratti hirmaatedha.
Eelbaan deeggaraa kilaba Arsenaali.
Ameen taphni waancaa addunyaa ji'oota muraasa dura xumurame gammachuu kan kenneef ta'u dubbata.
Sanbata xiqqaa

Wolves fi Maanchister Siitii
Bara kana Woolves gaarii fakkaata garri duubaa laafaa ta'us.
Jalqabbiin Siitii nama sodaachisa. Taphoota lamaan darban irratti gahuumsa ajaa'ibaan Injifannoo argatan.
Siitiin tapha kana ni mo'ata jedheen yaada.
Laawroon 0-3
Idriis 1-2

Arsenaal fi Weest Haama
Leenjisaa haaraa Unaay Emery waliin toftaa taphaa haaraa lafa qabsiisuu malee garee afur jalaqaba ta'uun xumuran keessaa tokko tauuf of cunquu hin qaban.
Leenjisaa waggaa 20f kilaba sana qabatee tureen booda leenjisaa haaraa waliin garee cimaa ijaaruun rakkisaadha.
Weest Haam dhugumatti na yaaddesssa. Tapha Livarpooliifi Boornimaawuz waliin taphataniin ittisaani isaanii waan abdii qabu hin fakkaatu. Taphattoota gaarii mallateessiftus ittisni kee cimuu baannan rakkoo keessa galta.
Tilmaama Laawroo 2-0
Idriis 6-0 ''kun salphaadha''

Boornimaawuz fi Eevertan
Boornimaawuuz kilaba kubbaa taphatuudha yeroo mara, Eevartaniis, hooggansa Maarkoo Silvaa jalatti akkumasaaniitti taphachaa jiru.
Tilaama Laawroo 2-1
Idriis 1-0

Hadersfiild fi Kaardiif
Hadersfiild bu'uurraa baraaramuuf qabsoo guddaa godhe baranas hiree sanaan adda ta'e hin qabu.
gareeleen lamaan waan qabxii qooddatan natti fakkaata.
Tilaama Laawroo 1-1
Idriis 1-2

Saawuzaaptan fi Leester Siitii
Tapha Wolviziin injifatan irratti kaardii diimaa kana argate Vaardiin tapha kan irratti hin hiriiru. leenjisaan kilabichaa eenyuun bakka isaa buusu mala? kan akkuma isaa goolii lakkoofsisa.
Islaam Sliimanii, Liyoonardoo Ulaa fi Ahmad Musaa kan dabarsee kenne Leester qaawwa qabu.
Laawroo 2-1
Idriis 0-1

Liivarpuuliifi Braayten
Braaytan bara kana gaarii dha.
Tapha jalqabaa irratti rakkoo qaban sirreessuun Maanchisar injifachuu danda'aniiru.
Liivar pool baayyee cimoodha. qabxiin qofa osoo hin ta'iin sochiin taphaa ariifataa qabu. Braayten sana ni dandamata jedhee hin yaadu.
Laawroo 3-0
Idriis 3-2
Dilbata

Waatfoord fi Kristaal Paalaas
Waatfoord jalqabbii gaarii agarsiiseera Braaytanii fi Barnleey injifachuun.
Andreey Graay fi Trooy Deeney sarar fuulduraarratti baayee qaroo ta'aa jiru goliis lakkoofsisuu danda'aniiru.
Paalaas tapha isa jalqabaarratti kan injifataman dogoggora gara xumuraarratti hojjetaniin ta'uus Livarpuuliif morkataa cimaa turan.
Laawroo 1-0
Idriis 2-3

Fuulhaam fi Barnileey
Barnileey tapha jalqabaa Saawuzhaampitan waliin taphatan irratti carraa hedduu uumanii turan injifachuun isaaniif mala ture.
Taphni Fuulhaam banaa dha kilaba taphatuudha garuu taphoota lama irrattii gooli tokko qofa galchan. Waan addaa ni uumu jedhee hin yaadu.
Jabina qaamaa warra Barnileey dandamachuunis qormaata biraadha.
Laawroo 1-1
Idriis 2-10

Niiwkaasilifi Cheelsii
Bara kana Niiwkaasil carroomoo hin fakkaatan. Gahuumsa gaarii tapha Tootanhaamiifi Kaardiif waliin agarsiisan irraa qabxii argachuu hin dandeenye. Rukuttaa peenaalitiss goolitti jijjiiruu hin dandeenye.
Raafa'eel Beeniteez garee cimaa dirreesaatti hin injifatamne ijaaruun milkaahaniiru.
Cheelsii Koontee malee Kilaba abdii qabuudha, ittisarratti garuu rakkoo wayii qaba.
Leenjisaan haaraan kilabichaa Ma'ureziyo Saariin toftaa taphaa dhibbaa uumuu hordofu. Carraa goolis ni uumu.
Laawroo 1-1
Idriis 0-2
Wiixata

Maanchistar Yunaaytidii fi Tootanhaam
Olditraaforditti Tootanhaam seenaa bareedaa hin qaban. Tapha dhiyeenya dirree kanarratti taphatan shan hunda gooli tokko qofa lakkofsisuun injifatamaniiru.
Braayitaniin injifatamuun booda Maanchistar waan miira haaloo bahuun taphatu fakkaata.
Moriinihoon tooftaa Haariikeen, Deel Alii fi Eriksaniin itti dhaaban maluu qaba.
Laawroo 2-1
Idriis 0-2













