Dhabbanni Fayyaa Addunyaa maal hojjataa? Maal milkeesse?

Daareektara Olaanaa WHO Dr Teediroos Adaanoom

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo kamiittuu addunyaarratti yeroo rakkoon fayyaa mudatutti biyyoonni, ogeessoonni fiyyaafi namoonni kaan qajeelfamaafi deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) barbaadu.

Ergamni dhaabbata kanaas haala fayyaa fooyya’aa dhiyeessuufi ‘‘hundumaaf bakka jiranitti jireenya haala walqixa ta’een nageenyummaansaa eegamee fayyaan akka jiraatu’‘ eeguudha jedha.

Dhaabbanni addunyaa wiirtuun isaa Siwizarlaandiitti argamu kun wagga 79 dura bara 1940tti ture kan hundeeffame.

Dhaabbanni Fayyaa Addnyaa qaama Dhaabba Biyyoota Gamtomaniiti. Kaayyoonsaa addunyaarratti nageenyaafi fayyummaa namootaa hoofuudha.

Kana qofaas osoo hin taane haala dhibeewwan ittiin balleeffaman karorsuudhaaf itti gaafatamummaa qaba.

Dhaabbanni kunis biyyoota miseensa 194 qaba. Dhaabbata kanas olaantummaan kan waggaa 10 oliif dursaan daareektarri olaanaan ammaa kan irraa dhufan Itoophiyaas biyyoota miseensaa keessaa tokko.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa duula talaallii, yeroo balaa tassaatti namoota gargaaruufi biyyoota damee fayyaatiin deeggaruu dabaltee, pirojektoota hedduurratti hojjata.

Dabalataanis nageenya nyaataa, adeemsa yaalii qorichootaa, sadrkaalee wallaansa dhukkubootaa dabalatee qajeelfamoota adda addaa qopheessuudhaan hojiirra akka oolfamu hordoffii akka taasisu ibsa.

Biyyoonni miseensaafi dhaabbileen gargaarsaa madda maallaqa dhaabbata kanaati. Bara darbe keessa hojii waliigalaatiif bajata doolaara biiliyoona 6.72 ramadeef ture.

Bara 2017 irraa kaasee dhaabbanni kun dipplomaatii olaanaa duraanii Itoophiyaan durfamaa jira. Jechuunis dhaabbatichi Ministirra Dhimma Alaa Itoophiyaafi Ministira ministeera Fayyaa Itoophiyaa duraanii kan turan Dr Teediroos Adihaanomiin hogganamaa jira.

Deebii yeroo balata tasaa

Deebii yeroo balaa tasaa

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni kunis tibba balaawwan umamaa, balaan namoommaa fi weerarroonni mudataniif Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN) waliin ta’un hojjata.

Qaxanaawwan waraanaa akka Gaazaa fa’i keessatti namoota rakkoo keessatti argamaniif gargaarsa fayyaa ni dhiyeessa.

Gama biraatiin ammo, biyyoota guddatan keessatti sirna fayyaa fooyyeessuuf ni hojjata. Kanas kan raawwatu hojjeessoota fayyaatiif biyyasaanii keessatti leenii kennuudhaan.

Akkasumas odeeffannoo kennaniifi odeeffannoo imaammataaf galtee ta’u danda’aniifi agarsiiftuuwwan dhugaa (factsheets) ni qopheessa.

Sagantaalee talaalliwwanii

Talaallii

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hordoffii, ittisa, qorannoo, kunuunsaa fi wallaansa dhukkuboota dadarboofi daddarboo hin taanee irratti hojjata. Kunis rakkoo fayyaa sammuu ni dabalata.

Kana maleess dulawwan addunyaa eegaluu fi wal taasisuun dhukkuboota dhabamsiisuuf ni hojjata.

Fakkeenyaaf, sagantaan dandeettii dhukkuba dandamachuu namootaa cimsuudhaaf bara 1966 keessa ifa taasise kaasuun ni danda’am.

Sagantichi wayita eegalamuutti addunyaa maratti daa’immana jidduugala gochuudhaan dhukkubboota jahaa talaalliin kennamaa ture.

Isaanis garaa kaasaa, qakkee cimaa, laamsheessaa, talaallii sombaa, maariiyyee fi mangaa jalloo (tetanus) dabalata.

Sagantaan kunis booda keessa talaaliiwwan gara biraa soddooma dabalateera. Isaan keessayis 13 sadarkaa addunyaatti kan kennaman yoo ta’an, kan hafan 17 ammoo adeemsa garaa garaatiin biyyoota muraasa qofaa keessatti kennamu.

Wantoota WHOn itti milkaa’e maaliidha?

Talaallii ittiin dhaabbatichi milkaa'e keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukkubni gudufii (smallbox) sadarkaa addunyaatti akka haalaan hir’ate himama. Kunis milkaa’ina dhaabba Fayyaa Addunyaa olaanaadha.

Dhukkubni kunis madda du’a namoota miiliyoonaotaa kan turedha.

Kanaafu duulli Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkuba kana balleessuuf bara 1967tti taasise jijjiramaa olaanaa fideera. Duula kanaanis addunyaa maratti dhibee kana to’achuufi hordofuudhaaf hojiiwwan hedduun raawwtamaniiru.

Dhaabbatichi kanaan booda dhibee kun sadrkaa yaaddoo hin taane irratti akka argamu ifa taasiseera.

Dhibeen gara biraa ammo laamsheessaa (polio)dha. Yaalii qindeessummaa Dhaabbata Fayyaa Adunyaatiin taasifameen, Paakistaaniifi Afgaan keessaan alatti biyyoota hunda keessaa dhibeen kun badeera. Kanaanis dhababanni WHO ni galateeffama.

Haata’u malee sagantaan busaa balleessuuf bara 1955 fi 1969tti ifa taasifame bu’aa barbaadamu osoo hin argamsiisiin harkiifateera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyoota hunda keessa bakka bu’aa qabuufi wagga waggaan yaa’iidhaaf ta’us, bara 1955 irraa kaasee hanga kan dhiyeenya kanaa bara 2015tti walgahees kaayyoosaa dhibee kana balleessuuf bara baraan waadaa isa ani haroomsa.

Dhaabbatichis talaalliin ittisa busaa jalqabaa daa’immaniif akka kennamuuf yaada dhiyeesseera. Waggaa lamaan booda ammo bara darbe duula talaallii buusaa eegalchiiseera.

Sagantaan kunis talaalliin busaa inni jalqabaa biyyoota Afriikaa 12 keessatti, bara dhufaatti doozii miiliyoona 18 kennuuf karoorfateera.

WHOn maaliin qeeqamaa?

Dhimmoota WHO ittiin qeqame keessa tokko Covid

Madda suuraa, Getty images

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa xiyyeeffannaani inni weerara Eboolaa biyyoota Afriikaa Lixaa keessatti bara 2014tti keennee gadaanaadha jedhamee qeeqama.

Dhaabbatichi odeeffannoo gahaa kennuu dhiisuusaatti fi odeeffannoon kennees gahaa waan hin turreef qeeqameera.

Kanneen dhaabbatichaaf falman garuu yaada faallaa kanaa yoo dubbatan dhagahamu. Qeequmsi yeroo sana dhaabbaticharratti ka’e kan hin malleefi deebiin namoonni eegaa turans kan qabatamaarraa fagaateedha jedhu.

Dhaabbanni fayyaa Addunyaa odeeffannoofi xinxala dhukkubootaa kennuu danda’ulleen, kallattiidhaan tarkaanfii fudhachuuf garuu aangoo hin qabu. Kana gochu kan danda’u yoo biyyoonni miseensa ta’an deeggarsi akka taasifamuuf gaafatan qofaadha.

Akkasumas Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deebii weerara Koronaatiif kenneen addunyaa mararratti qeequmsi bifa garaagaraa irratti dhiyaateera.

Bara 2020tti pirezidantiin Ameerikaa yeroo sanaa Doonaald Tiraamp biyyisaanii dhaabbaticha gadhiiftee akka baatuuf dhaadatanii ture. Sababiinsaa ammo yaaliin WHOn weerara Covid ittisuuf taasise gadaanaadha kan jedhu ture.

Dabalataanis himannaa dhaabbatichi to’annoo Chaayinaa jalatti kufeera jedhu dhiyeessan.

Astixaa WHO

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan kan dhaabbatichaaf deeggarsa maallaqa olaanaa taasiftu waan taateef, oduun sunis dhaabbaticharratti yaaddoo olaanaa umee ture.

Waggaa itti aannu bara 2021tti ammo aangoo kan qabatan Pirezidanti Joo Baayidan, karoora Tiraamp dhiisan.

Deeggarsa biyyisaanii dhaabbatichaaf taasiftu akka itti fufaniifi deeggarsa siyaasaas akka itti fufan mirkanneessan.

Gareen oggeessootaa dhaabbatichi hundeesse weerara Covid dursee ittisuu akka danda’u ibseera. Haata’u malee wal ta’insii dhaabbatichaafi biyyoota jidduu ture gahaa akka hin turreefi weerarichi akka cimuuf sababa akka ta’e kaase.

Garichi Koreen yeroo balaa tasaa WHO, dhukkuba Chaayinaatti mudate weerara addunyaa jechuun labsuuf ni ture jedhe. Akka garee oggeessootaatti, Covid-19 weerara addunyaa jedhamuun labsamu kan qabaatu torban itti labsameen duraa ture.

Garichi tamsaatiin vaayirasii Covid, weerara ittaanu ittisuuf bulchiinsa Idil-addunyaa fooyya’aa fi WHO’f deeggarsa maallaqa dabalataa akka barbaachisu kan agrsiiseedha jedheera.