'Itoophiyaan biyyoota akka malee gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko' - CPJ

Madda suuraa, AFP
Dhaabbanni US buufatee mirga gaazexeessitootaafi walabummaa miidiyaaf falmu CPJn Itoophiyaan biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadii akka malee gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko jedhe.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti uumamee mootummaan gaazexeessitootarratti irree akka jabeeffatu godheera jedhe dhaabbanni kun.
Akka ibsi dhaabbatichi Kibxata baase jedhutti yoo xiqqaate gaazexeessitoonni fi ogeeyyiin miidiyaa 63 erga Sadaasa bara 2020 as hidhamaniiru.
Kanneen keessaa 8 ammallee mana hidhaa jiru jedhe.
Hidhaan gaazexeessitootaa kun magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee fi Tigraay dabalatee naannoole shan keessatti raawwate jedhe.
Aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa ibsa yeroo gara garaa hidhamuu gaazexeessitootaa ilaalchisee kennaniin, gaazexeessitoonni kunneen yakka waan raawwataniif malee gaazexeessitoota waan ta'aniif qofa hin hidhamne jedhu.
CPJn akka jedhutti mootummaan gaazexeessitoota hidhuurratti kan fuulleffate, seenessa waraana Kaaba biyyattiitti adeema jiru to'achuuf jedheeti.
Gaazexeessitoonni akka garaatti gara dirree waraanaa imalanii gabaasuuf iree dhabuu irraa kan ka'e, waraanni kun irra hedduun ija miidiyaa idil-addunyaa jalaa dhokatee gaggeeffame.
Waraana baatilee 20 ol lakkoofsise kanaan lammileen kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'anii deeggarsa nyaataa eeggachuuf dirqamaniiru.


















