Poolisiin Federaalaa miidiyaalee onlaayinii qoqqoodiinsa uuman jedhe 111 akeekkachiise

Miidiyaaleen onlaayinii 111 oduu sobaa fi jibbiinsaa dabarsaa jiraachuu poolisiin hime

Madda suuraa, Getty Images

Poolisiin Itoophiyaa miidiyaaleen karaa onlaayinii qabiyyeesaanii dabarsan keessatti odu sobaa fi haasaa jibbiinsaa tamsaasan hedduun jiraachuu himate.

Poolisiin Federaalaa ibsa Roobii har'aa, Waxabajjii 1, 2022, baaseen miidiyaaleen onlaayinii 111 ta'an mootummaa fi uummata gidduutti akkasumas saboota gidduutti qoodiinsa uumaa jiru jechuun himateera.

Miidiyaaleen kunneen harkasaanii amantii keessa galchatanii oduu qoodiinsaa facaasaa jirus jedheera ibsi kun.

Ibsi poolisii federaalaa kun Itoophiyaa keessatti lakkoofsi gaazexeessitoota mootummaadhaan hidhamanii 18 ga'uun wayita gabaasamaa jiruttidha.

Itoophiyaa keessatti ogeeyyii fi hooggantoonni miidiyaa heddumminaan mana hidhaatti guuramuun kan yeroo kamuu caalaa dhiheenya kana mul'ataa jira.

Kunis mootummaan Itoophiyaa mirga odeeffannoo argachuu fi sagalee uummataa sarbaa jira komii jedhu kaasiseera.

Akka ibsa poolisiitti miidiyaaleen onlaayinii kunneen eeyyama hojii seera qabeessa osoo hin qabaatin, seeraan ala hojjechuun hawaasa burjaajessaa, odeeffannoo dogoggoraa tamsaasaa jiru.

Dubbi himaan poolisii federaalaa BBCtti wayita dubbatan, maqaa miidiyaalee himatamanii dhahuurraa of qusatan.

Dhimma miidiyaalee kunneenii ammoo qoratamaa jira jedhan.

Qaamoleen miidiyaalee gosa garagaraa fayyadamuun odeeffannoo hawaasa biraan ga’an seera biyyattii kabajuu qabu kan jedhe ibsi kun, namni kamuu miira itti gaafatamummaan hojjechuu akka qabu akeekkachiise.

Hawaasnis odeeffannoo argate maraa akka dhugaatti fudhatee itti fayyadamuurra xiinxaluu akka qabu yaadachiise.

Namoota karaa miidiyaalee onlaayinii odeeffannoowwan qoqqoodiinsa uuman tamsaasanis adda baasuun dabarsanii seeraaf kennuu akka qaban gaafateera.