Dargaggoota hojii dhabeeyyii garuu akka waan hojii qaban of fakkeessuuf kanfaltii raawwatan

Eenyumtuu mindaa osoo hin argatin hojjechuu hin barbaadu, siruma ammoo bakkichaatti argamuuf dhaabbileef kaffaltii kaffaluu kan barbaadu hin jiraatu.
Haata'u malee, Chaayinaa keessatti dargaggoonni hojii hin qabne akka waan hojii qabanii of fakkeessuuf dhaabbileef kanfaluun baratamaa dhufeera.
Kunis baay'inni lakkoofsa dhaabbilee dhiyeessitoota waan akkasii akka dabalu taasiseera.
Haalli akkasii kun kan dhufe diinagdee fi carraan hojii Chaayinaa keessatti laafaa jirtutiin walqabateetti. Chaayinaa keessatti baay'inni dargaggoota hojii dhadootaa ol'aanaa ta'ee jira, %14 ol ta'a.
Hojii dhugaa argachuun baayʼee rakkisaa waan taʼeef, dargaggoonni tokko tokkos akkasumaan mana keessa oluu irraa gara waajjira ta'e galuudhaaf kaffaltii kaffalu.
Shuu Zhuu dargaggeessaa waggaa 30 yoo ta'u, dhaabbanni daldala nyaataa isaa bara 2024tti hojii dhaabe. Bara kana baatii Eblaa keessaa guyyaatti maallaqa biyyaa Yoon 30 (dolaara 4.20) kanfaluudhaan gara waajjira akka waan hojjatuu itti fakkeessuu (Pretend To Work Company) jedhamuun dhaqee oola.
Dhaabbanni kunis Magaala Donguwaan kan Kaabaa Hong Koongiitti fageenya km 114 irratti argamtuudha.
Achittis ''waahillan'' shan kanneen akkumasaa hojjatan waliin oola. ''Baayyeen gammachuun natti dhagahama'' jedha Zhuu. ''Akka waan gareedhaan waliin hojjataa jirruu fakkaataa.''
Hojiin akkanaa kunis amma magaalota gurguddoo Chaayinaa kaan kan akka Sheenzhen, Shaangaayi, Naanjiing, Wuhaan, Cheengduu fi Kunming fa'i keessattis mul'achaa jiru.
Yeroo baayyee waajjiraalee kunneenis waan guutummaatti hojjetan fakkaatu. Akkasumas kompiitara, intarneetii, kutaa walgahii fi kutaa shaayii fa'is ni qabu.
Hirmaattonni garuu taa'anii qofa osoo hin taane, kompiitara fayyadamuun hojii barbaaddatuu, ykn daldala mataa isaanii jalqabuuf yaaluun ni danda'u.
Yeroo tokko tokkos kaffaltiin guyyaa, laaqana, nyaata salphaa fi dhugaatii dabalatee yeroo baayyee Yuuwaan 30 hanga 50 gidduudha.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Niiw Ziilaand Yunivarsiitii Viiktooriyaa Weelliingtanitti, Mana Barumsaa Manaajimantii keessatti barsiisaa olaanaa kan ta'an Kiristaan Yaa'oon ogeessa dinagdee Chaayinaati.
"Taateewwan akka waan hojii hojjatan fakkeessuu amma baay'ee baramaa ta'eera," jedha. "Jijjiirama dinagdee fi walsimuu dadhabuu barnootaa fi gabaa hojii gidduu jiru irraa kan ka'e, dargaggoonni tarkaanfii jireenyaa ittaanan yaaduuf ykn akka ce'umsaatti hojiiwwan hin baramne hojjechuuf iddoowwan kanneen barbaadu."
"Dhaabbiileen waajjira fakkeessuu kunneen furmaata ce'umsaa keessaa isaan tokkodha."
Obbo Zhuun osoo miidiyaa hawaasaa irra barbaaduu waa'ee Dhaabbilee Hojii Itti Faakkeessuu kana dhagahe. Naannoo waajirraa akka naamusa eenyummaasaa eeguuf isa gargaaruutti yaada. Erga baatii sadiitii kaasees waajirra kana keessa oola.
Obbo Zhuu suuraalee waajira isaa maatiisaanii erguun, waa'ee hojii dhabummaasaa akka baayyee hin yaaddoofne akka taasise hima.
Hirmaattoonni yeroo barbaadaniitti dhaquufi bahuu kan danda'an yoo ta'u, Obbo Zhuu garuu yeroo hunda ganama sa'aatii 2-3 jidduu biiroo gaha. Yeroo tokko tokkos hanga halkan sa'aatii 5tti hin bahu. Erga abbaan qabeenyaa dhaabbatichaa bahanii booda bakka hojiitii baha.
Itti dabaluunis namoonni achiitti waliin jiran amma isaaf hiriyoota. Yeroo baayyee ko'omatan,fakkeenyaaf hojii barbaaduudhaan, hundi cimanii hojjatu. Yeroo wayita qaban ammoo ni haasa'u, ni baacuu ykn tapha ni taphatu. Darbee darbees hojiin booda waliin irbaata nyaatu.
Hariiroo kana waan jaalateef yeroo duraan qofaa jiru caalaa baayyee gammadaa ta'u dubbata Obbo Zhuun.
Xiaowen Taang jalqaba bara kanaa Shaangaayitti keessatti dhaabbata hojii fakkeessaa Shaangaay tokko keessa ji'a tokkoof buufata hojii kireeffate.
Shamarreen ganna 23 tun bara darbe yunivarsiitii irraa kan eebbifamte yoo ta'u, hanga ammaatti hojii yeroo guutuu argachuu hin dandeenye.
Yuunivarsiitiin isheen itti barattees seera hin barroofne kan barattoonni erga eebbifamanii waggaa tokko keessatti waliigaltee hojii mallatteessuu ykn ragaa leenjii hojiisaanii dhiyeessu akka qabana; kun yoo hin taane, dippiloomaa hin argatan jedhu qaba.
Isheenis waajjira sanaa akka ragaa bakka leenjii hojii (internship)tti gara mana barumsichaatti ergite. Qabatamaadhaan garuu, guyyaan kanfaltii raawwachuun, waajjira keessa ooltee asoosama toora interneetii irratti barreessuun maallaqa muraasa ittiin argataa jirti.
"Yoo fakkeessuuf deemta ta'e hanga dhumaatti itti fakkeessi," jetti Shamarree Taang.
Biyya Jarmanitti daayreektarri Dhaabbata 'Max Planck Institute for Social Anthropology,' Dr Biyaawo Xiang akka jedhanitti, taateen Chaayinaatti hojii fakkeessuu hojjachuu kun carraa hojii dhabuu ilaalchisee ''miira mufannaa fi humna dhabuu'' irraa kan dhufedha.
"Hojii hojjachuu fakkeessuun dahoo dargaggoonni ofiisaaniif argataniidha. Hawaasa idilee irraa fageenya xiqqoo uumuu fi bakka xiqqoo ofiif kennuudhaafiidha."
Abbaan qabeenyaa dhaabbata 'Pretend To Work Company' magaalaa Dongu'aan keessatti argamu nama ganna 30 Feeyiyu (maqaa fakkeessaa) jedhama. "Ani wantin gurguraa jiru buufata hojii osoo hin taane, kabaja nama faayidaa hin qabne ta'uu dhabuuti," jedha.
Inni matansaa kanaan dur hojii dhabee ture, erga dhaabbanni daldalaa inni hogganu sababa weerara kovidiin cufameen booda. ''Baay'een waanan dhiphadheef xiqqoo of miidheen ture" jechuun yaadata. "Haala kee jijjiruuf barbaadda, garuu humna hin qabdu."
Ji'a Ebla bara kanaa keessa dhaabbata 'Pretend To Work' jedhamu beeksisuu kan jalqabe yoo ta'u, ji'a tokko keessatti buufataaleen hojii hundi guutaman. Namoonni haaraan itti makamuu barbaadan iyyachuu qabu.
Feyiyu akka jedhanitti, maamiltoonni isaa gara %40 ta'an kan dhiyeenya yunivarsiitii irraa eebbifaman yoo ta'u, muuxannoo leenjii isaanii barsiisota isaanii duraaniif suuraa ka'uuf kan dhufaniidha.
Muraasni isaanii ammoo dhiibbaa warra isaanii irraa dhufu dandamachuuf kan dhufan ta'u dubbata.
Kaan warri %60 ta'an biroo ammoo, namoota bilisaan hojjetan yoo ta'an, baay'een isaanii dhaabbilee daldala elektirooniksii gurguddoo keessatti hojjetanii fi barreessitoota saayibarii dabalatee, godaantoota dijitaalaadha. Umuriin isaanii giddu galeessaan naannoo 30 yoo ta'u, inni quxisuun ammoo 25dha.

Akka ofiisaatti hojjettoonni kunneen "ogeessota qaxarrii jijjiramaa" (flexible) jedhamanii waamamu yoo ta'u, gareen kun konkolaachiftoota konkolaataa fe'umsaa fi dadeebiisa namaa kan hammatedha.
Yeroo dheeraa keessatti daldalli kun bu'aa qabeessa ta'ee turuu fi dhiisuu isaa gaaffii keessa jira jedha Feyiyu. Kanarra akka yaalii hawaasummaatti ilaaluu fedha.
"Kabaja eeguuf soba fayyadama, garuu namoonni muraasni dhugaa akka argatan taasisa," jedha. "Fayyadamtoonni dandeettii taatoo isaanii akka dheeressan yoo gargaarre adeemsa keessa dhugomfachuu ni danda'u."
"Yaaliin hawaasummaa kanaan akka waadaa isaanii guutuu danda'u taasisuudhaan bakka hojii isaanii sobaa gara ka'umsa isa dhugaatti akka jijjiiran taasisuun ni danda'am."
Obbo Zhuu amma yeroo isaa irra caalaa dandeettii AI isaa fooyyessuu irratti dabarsaa jira. Dhaabbileen tokko tokko yeroo qacaran ogummaa meeshaalee AI ibsuu isaanii hubadheera jedha.
Kanaafuu ogummaa AI akkasii argachuun hojii yeroo guutuu akka argatu "salphata taasisa" jedhee yaada.












