Dargaggeessi Dubaay deemuuf birrii 420,000 nyaatame maal hima?

Dargaggoo Galaanoo Araggaa Shawaa kaabaa aanaa Kuyyuu jiraata. Dargaggoon kun ammaan dura miidhaan jaalallee isaa duraanitiin irra gahe miidiyaa irratti miira boo'ichaan guutameen erga ibseen booda nama beekamtii horate.
Tibbana ammoo hojiidhaaf Dubaayi deemuuf yaalii taasise irratti kisaaraa maallaqaafi xiinsammuuf isa saaxile mudachuu BBC'tti hime.
Galaanoon ammaan dura yeroo miidhama jaalalaa irra gahe ibsetti miidiyaalee hawaasummaa irratti hordoftoota hedduu horate.
Waa'ee mudannoo jaalalaa isaa irratti kanneen goota jaalalaati jedhanii dinqisiifatan akkuma jiran kan qeeqanis turan.
Dargaggoon kun miidiyaa hawaasummaa irratti erga beekamtii argateen booda biyyoota adda addaa irraa namoonni biyya adda addaa 'koottu siif mijeessina' jechaanii turuu hima.
Galaanoon maatii harka qalleessa keessaa kan bahe yoo ta'u, maatii isaatiif mucaa dhiiraa tokkicha.
Kanaaf jechas ofii fi maatii isaa gargaaruuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa turulleen jireenyi laayyoo hin taanef.
"Maatiinkoo harka qalleessa. Haadhakoo anumatu gargaara. Yeroo namootni biyya adda addaa koottu hojjedhu naan jedhan yaanni biyya biraa deemee hojjedhee ofiifi maatiikoo jijjiiruu kuni naaf dhufe" jedha.
Namni miidiyaa hawaasummaa irratti beeku tokkos Viizaa fi baasiiwwan barbaachisu akka kaffaltii isa gargaaru erga waadaa galeefiin booda gara Dubaayi deemuuf ji'ootaan dura sochii jalqabe.
"Nama maallaqa barbaachisu na gargaare kana qaamaan wal hin beeknu miidiyuma hawaasummaa irratti seenaakoo sana erga dhagahee booda walbarre. Waan barbaachisu akka naaf guutu waadaa naaf gale," jedha.
Baasii Viizaa fi kaffaltiiwwan barbaachisu kanaaf kan oolus namni Ispoonsara ta'eef kuni Birrii kuma 400 fi kuma 20 kanfaluufin dhaabbata imala kana mijeessufitti kaffaltiin raawwatamuus dubbata.
Adeemsi imala gara Dubaayi kuni yeroo Itoophiyaadhaa bahu Viizaa tuuristiitin, biyyichatti ammoo viizaan jireenyaa akka mijatuuf dhaabbaticharraa waadaan galameef.
Galaanoon bakka amma Jiraatu Magaalaa Garba Gurraachaatti hojii hin qabu. Kanaaf carraan amma argame kuni isaaf tarkaanfii jireenya maatiisaa ittiin fooyyessu akka ta'eef amaneera.
Adeemsa jalqabe kanas haadha isaa hubachiisuun ji'a tokkoof qophiin imalaa jalqabame.
"Adeemsichi akka milkaa'u keessikoo amaneera waan ta'eef haatikoo waanuma qabdurraa imala kiyya kanaaf waan nabarbaachisu naaf qopheessaa turte" jedha.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imala kanaafis barbaree, shiroon, buddeen gogfamee fi bassoon qophaa'eera.
Galaanoonis guyyaan itti imalu tikeetii fi Viizaan ergameefii waan jiruuf guyyaa fi sa'aatii imalaa eeguutti aduun baatee hanga lixxuufitti guyyaan itti dheerata.
Kibxata torbee darbe guyyaa imala gara Dubaayi ta'ee tikeetiin xiyyaaraa murameera.
Galaanoon lafa qalbiin isaa dursitee geesse, Dubaayitti balali'uuf barbaree fi bassoo, shiroo fi buddeen gogaa shaanxaa isaatti qixeeffatee gara Buufata Xiyyaara Booleetti imala jalqabeera.
Harmeen isaas mucaa dhiiraa tokkichi isaanii Dubaayi deemee hojjetee akka ofjijjiiruuf hawwii qabaniif isa gaggeessuuf Garba Gurraacharraa Finfinnee Buufata Xiyyaara Boolee isa waliin qaqqaban.
Firoonnii fi hiriyoonni Galaanoos gaggeessaa isaa kanaaf walumaan buufata xiyyaara Boolee jiru.
Harmeesaa fi hiriyootasaa waliin akkuma imaltoonni hedduun godhan suura ka'anii walitti maramani nagaa walitti dhaaman.
Galaanoon paaspoortii, tikeetii xiyyaaraa fi viizaa ergameef qixeeffatee shaanxaasaa harkisaa gara keessoo buufata xiyyaaraatti qajeele.
Maatii fi hiriyoonni isaas gaggeessanii gara manaatti imala jalqaban.
'Viizaan kee foorjidiidha gara manaa gali'
Imalli gara Dubaayi gaafas galgala naannoo sa'aatii 4tti. Galaanoon garuu dursee sa'aatii 12 yoo ta'u gara buufata xiyyaaraatti seenuu hima.
"Shaanxaa kiyya qabadheen bakka sakatta'iinsaa paaspoortii fi tikeetii kiyya agarsiisee tokko bira darbe. Sakatta'iinsa itti aanus darbeen bakka viizaan itti ilaalamu gahe. Viizaa kiyya ilaalanii achi dhaabadhu naan jedhan" jedha.
"Imaltoota kaanirraa achi siqsanii dhaabadhu bakka naan jedhan kana namootni biro 10 ta'an jiru. Isaanis akkuma kiyya warra ta'ani. Dhaabadhaa nuun jedhanii sa'aatii tokkoo ol turan. Maaltu ta'e jedheen dhaqee gaafadhe. Qoyi achuma turaa naan jedhani" jedha.
Turtii muraasaan booda hojjettoonni buufata xiyyaaraa viizaa isaa ilaalaa turan oduu rifaatuun dugda nama kutu Galaanootti hima.
"Baayyee turanii jennaan ammas dhaqeen gaafadhe. Achumaan 'viizaan kee foorjidiidha gara manaa gali' naan jedhan jedha.
Yeroo kuni itti himamu warri isa gaggeessanii deebi'anuu mana hin geenye. Amma gara manaatti deebi'uufuu rakkoo biraatu jira.
"Silaa biyya biraan deema jedheen birrii tokkoyyuu qabadhee hin jiru. Bilbila kiyyarraas, kaashis homaan qabu. Buufata xiyyaaraa keessaa bahee deemuuf waan ittiin geejiba kanfalu hin qabu" jedha.
Bassoo fi barbareenkoo gara Dubaayi deeme…
Galaanoon buufata xiyyaaraa keessatti osoo Viizaan isaa foorjidii ta'uu hin baramin dura shaanxaa bassoo, barbaree, shiroo fi buddeen gogaa akkasumas uffatasaa itti qabate dursee kara shaanxaan ergamuun gara xiyyaaraatti ergeera.
"Baqqaa gara manaan deema shaanxaan kiyyahoo jennaan kara shaanxaan bahuun sii dhufa lakkoofsa akkasii deemii eegi naan jedhan. Achitti osuman shaanxaa eeguu halkan keessaa sa'aatii torba ta'e"
"Itti deebi'ee gaafadhee jennaan shaanxaankee xiyyaaran gara Dubaayi deemeera naan jedhan. Maal wayya jennaan gaafa xiyyaarri deebi'u fudhatta jedhani" jedha.
"Lubbuukoo baasuu yaadaan ture"
Galaanoon wanti isa mudate hedduu isa jeequu hima. Yeroo buufata xiyyaaraa keessa turettis, erga maatii fi hiriyoonni kiyya nagaggeessanii suura ka'ee deeme jedhamee hafe jedhee himuuf hedduu akka rakkate hima.
"Imalli kun erga hafee lubbuukoo baasuu kan jedhuyyuu yaadaan ture. Booda silaa wanti ta'e ta'e jedheetuman oftasgabbeesse" jedha.

Waan isa mudate kana haadha isaatti erga himees haatisaa hedduu akka gaddanii fi ta'us homaa miti dhiisi jedhanii akka isa jajjabeessan hima.
Galaanoon imala kanaaf birrii kuma 400 fi kuma 20 nyaatamee viizaa foorjidiidhaan gowomfame Kanaan hedduu akka aaree fi xiinsammuu isaa akka miidhe hima.
Waan isa mudate kanas erga miidiyaa dhuunfaa isaarratti gadhiisee namoonni hedduun hamilee kennuufin isa jajjabeessaa jiraachuu dubbate.
Imala biyya alaa kanaan walqabatee akkuma isaa kana namoonni hedduun maallaqa nyaataman jiraachuu fi namootni biroo yeroo imala akkanaa yaadan karaa seera qabeessaa fi dhugummaa isaa sirritti mirkaneeffachuu qabu jechuun dhaama.












