Ogeeyyiin Mirga Namoomaa UN Itoophiyaatti yakki namoota nagaa ajjeesuu dhaabbataa hin jiru jedhan

Madda suuraa, WFP
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) keessatti komishiniin sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa qorachuuf ijaraame biyyittii keessa ammallee yakki namoota nagaa ajjeesuu (atrocity crimes) waan dhaabatu mitii jedhan.
Yeroon ogeeyyiin kun haala qabinsa mirgaa fi yakka namoomaa Kaaba Itoophiyaa qorachuuf hayyamameef guyyaa har'aa (Onkoloolessa 04, 2023) xumurama.
Ogeeyyii kanaaf yeroon dabalataa kennameefii hojii isaanii itti fufuufi dhiisuun isaanii ammatti hin murtoofne.
Komishiniin Mirga Namoomaa Idila-addunyaa ogeeyyii UN kun jala bultii yeroon hojii qorannoo isaanii itti raawwatutti ibsa baasaniin, Itoophiyaa keessa ammallee yaaddoon yakka namoota nagaa ajjeesuu (atrocity crimes) ni jira jechuun akeekkachiisaniiru.
Kanaafis komishinichi haala qabinsa mirga namoomaa 'yaaddessaa' Itoophiyaa hordofuufi qorachuu akka itti fufuu qabu ibse.
Dura taa'aan Komishinichaa Mohaammed Chandee Otimaan ''haala Itoophiyaa keessa jiruun nama fixuun itti fufuu mala jennee hedduu yaaddofneerra'' jedhan.
Itti dabaluunis gabaasaaleen argatan wantootni fuula duratti namni wal fixuuf ka'umsa ta'uu danda'an hedduun akka jiran kan agarsiisan ta'uu dubbataniiru.
Sarbamootni mirgaa, walitti bu'iinsi bakka hedduu, tasgabbii dhabuufi gaafatamummaarraa bilisa ta'uu' akka ka'umsaatti eeraniiru.
Akeekkachiifni komishinii kanaa erga waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa bara 2020 eegalee booda yakkoota raawwataniifi qabiinsa mirgaa jiru irratti bu'aa qorannoo gaggeessaa tureerratti ji'a darbe ibsa baaseen dhagaahame.
Ibsichi erga waliigalteen Piritooriyaa mallatteeffamee waraana waggaa lamaa goolabee boodas yakki waraanaafi yakki namoomaa raawwatamuu itti fufeera jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaa'ii 78ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii torban muraasa dura gaggeefameen walqabatee bakka buutotni biyyoota Afrikaa Komishiniin addaa UN dhimma Itoophiyaa qoratu kun yeroon isaaf kennamu akka xumuramu gaafatanii ture.
Mootummaan Itoophiyaas gama isaan sarbama mirga namoomaa biyyattii keessatti raawwataman ofiin qorachuun gaafatamummaa mirkaneessuuf akka hojjetu irra deddeebiin ibsee, gabaasa komishinii ogeeyyii UN kana akka hin fudhanne deddeebisee ibsaa ture.
Ittaanaan Ministira Mummee fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnin, qorannoon ogeeyyii kanaa, ''adeemsa nagaa Gamtaa Afriikaatiin durfameefi hojiirra oolmaa waliigaltichaatti gufuu ta’uu mala,'' jechuun yaaddoo isaanii dubbatan.
Gaafatamni komishinii kanaa har'a ifatti kan raawwatu yoo ta'u, dheereffamuu fi dhiisuun isaas hin murteeffamne.
Dhaabbileen idila addunyaa mirgaaf quuqaman dhaabbatichiiifi biyyootni gahee olaanaa keessaa qaban yeroo dabalataa akka kennaniif gaafachaa jiru.
Hiyuumaan Raayits Waach ibsa Kibxata baaseen yeroon hojii komichinichaa akka dheereffamu gaafateera.
Kaawunsiliin Mirga Namoomaa UN yeroo hojii komichinichaa akka dheeressu Gamtaan Awurooppaa tumsa gochuu akka qabu dhaabbatichi ibsa isaan gaafateera.
''Yeroo hojii dabalataa hayyamuun sarbamoota amma duraafi ammas itti fufan irratti qorannoo idila addunyaa gochuu itti fufuun'' kaawunsilichi miidhamtoota gargaaruufi wanta dhaabateefis galmaan gahuu qaba jedha ibsi Hiyuuman Raayits Waach.












