‘Qorannoon UNn deeggaramu adeemsa, hojiirra oolmaa marii nagaa gufachiisuu mala’ - Dammaqaa Makonnin

Madda suuraa, AU
Itoophiyaan yaaliiwwan sarbama mirga namoomaa tibba waraana kaaba biyyattiitti gaggeeffametti raawwatame qorachuudhaaf UNn deeggaramu, waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF jidduutti baatiiwwan dura mallattaa’e gufachisuu akka danda’u akeekkachiifte.
Ittaanaan Ministira Mummee fi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnin, qorannoon Komishinii Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramun taasifamu, ''karaa holola dubbii hammeessutiin adeemsa nagaa Gamataa Afriikaatiin durfameefi hojiirra oolmaa waliigaltichaatti gufuu ta’uu mala,'' jechuun yaaddoo isaanii dubbatan.
Mootummaan federaalaafi humnootiin Tigraay waraana Kaaba biyyatiitti waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuudhaaf Sadaasa 2022 keessa Afriikaa Kibbaatti waliigaltee nagaa mallatteessuun ni yaadatama.
Obbo Dammaqaan haasaa kaleessa-Guraandhala 15, 2023 sirna baniinsa walgahii idilee 42ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftota Gamtaa Afriikaa irrratti Finfinneetti taasisaniin, waliigalteen nagaa Piritooriyaatti mallattaa’e haala gaariin deemaa jiraachuu kaasaniiru.
Itti dabaluunis, waliigalticha guutummaan hojiirra oolchuus tajaajilliwwan bu’uuraa sababa waraanaatiin naannichatti adda citanii turan deebiisanii tajaajila eegaluu, deeggarsi namoommaa gara naannichaatti haalaan seenaa jiraachuu akkasumas hojii to’annoo fi miraknneessuu deeggaruudhaafis Gmataa Afriikaa waliin hojjataa jirra jedhan.
Warana waggoota lamaan dura Tigraay keessatti eegaluun boodarra gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti baballatee tureen namoonni hedduun ajjeefamanii, kaan ammoo rakkoo namoonaa olaanaaf saaxilamuu dhaabbileen mirga namoomaaf falaman ni himu.
Eksipertoonni Komishinii Mirga Namoomaa kan Mootummaa Gamtooman (UN)iin deeggaramu gabaasa isaa jalqabaa bara darbe Fulbaana keessa baaseen, ragaa gama hundaanuu yakkoota waraanaa fi namoomaa jechiisiisuu raawwatamu mul’isan argachu ibsuun isa ani yaadatama.
Haata’u malee mootummaan Itoophiyaa gabaasicha kuffisuun komishinichi akka hojiisaa dhaabuuf biyyoota kaan irraa deeggarsa argachuuf hojii dippilomaasii gaggeessaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ammas Obbo Damaqa Makoonniin haasaa isaanii kanaan, komishinichi mataansaa osoo mootummaa haaluma yaada qorannoo waloo Mana maree mirga namoomaa Itoophiyaafi Waajjiira Olaanaa Mirga Namoomaa UN fudhachuun osoo tarkaanfii itti gaafatamummaa fudhataa jiruudha jechuun komatan.
Itti dabaluunis ''mootummaan karaa taaskifoorsii hundeesseetiin tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhataa turulleen komishinichi garuu kana gara maddiitti dhiisuun gabaasa ajandaa siyaasaa qabu baasee'' jedhan.
Kanaafu, komishiin eksipartoota mirga namoomaa UNn deeggaaramu kanaa kun adeemsaa fi hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa Gamataa Afriikaatiin hogganamuun Piritoriyaatti mallattaa’e gufachiisuu akka danda’u akeekkachiisan.
Kana malees, ''adeemsi komishinichaa kan yaaliiwwan dhaabbilee biyyaaleessaa gadi xiqqeessuudha'' jechuun, qorannoo dhimmichaarratti duraan gaggeeffamee tureefis iddoon akka hin kennamne yaadatan.
Haata’u malee Miseensonni Komishinii Manni Marii Mirga Namoomaa UNn hundeeffamees mootummaa Itoophiyaa, Kan Itoophiyaa waliin hiriiruun waraana Kaaba biyyattii keessatti hirmaate mootummaa Ertiraa fi TPLF akka sarbama waraanicha keessatti raawwatame qorachuun kanneen badii raawwatan seeratti akka dhiyeessaniif gaafachaa turan.
Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii haala hin baramneen wayita dhiheenya kana Naayiroobii-Keeniyaatti gaaffii gaazexessitootaaf deebii kennaniitti, himannaan mirga namoomaa loltoota isaa irratti waraanaa Itoophiyaaan wal qabatee ka’u ‘‘dhara’’ jechuun deebiisunsaanii ni yaadatama.
Obbo Isaayaas akkas haa jedhan malee dhaabbileen mirga namoomaa loltoonni Ertiraa mootummaa itoophiyaa maddii hiriisuun waraana Tigraay keessatti hirmaataa turan naannicha keessatti badiiwwan hedduu raawwachuun himatu.
Haaluma walfakkaatunis humnootiin TPLFs akkasumas naannoolee ollaa keessatti badii mirga namoommaa qaqabsiisuun maqaansaanii ni ka'a.












