Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaarraa eenyufaatu dubartoota 100 addunyaarratti dhiibbaa uuman waggaa waggaan BBCn filatu keessa jira?
BBCn waggaa waggaadhaan addunyaarratti dhageettii kan qaban, dhiibbaa uumuu kan danda'aniifi sagalee isaanii namoomaaf warra dhageessisan dubartoota 100 filata.
Dubartoota 100 bara kana filatamanis ifa godheera.
Itoophiyaarraa bara kana hudeessituun tajaajila taaksii RIDE kan taate Saamiraawwit Fiqiruu fi namoota waraana Tigraay keessa tureen warra miidhaman gargaaraa kan jirtu Wegaahitaa Gabreyohaannis filatamaniiru.
Eertiraa irraa ammoo YouTube gargaaramuun dhaloota barsiisuun kan beekamtu Qisaanneti Tediroos itti makamteetti.
Saamiraawwit Fiqiruu - Itoophiyaa- Tekinooloojiidhaan hojii kan uumte
Hanga umuriin ishee waggaa 17 guututti kompiitara fayyadamatee kan hin beekne taatus, Pirograamar Saamiraawwit Fiqiruun hundeessituu saxaxa dizaayinaa tajaajila geejibaa hundeessiteetti.
Kun ammoo kaampaniiwwan app taaksii RIDE duuba jiran keessaa tokkodha.
Mudannoo yeroo hojiidhaa galtu taaksii qabattee deemuun sodaa itti uumeefi fajoo konkolaachistoota darbaa kaffalchiisan ishee mudatu akka app kana hudeessituuf ishee kakaase.
Hojii kanas maallaqa $2,000 hin caalleen jalqabde. Kaampaniin dubartii kanaa amma hojjetoota garri caalan dubartoota ta'an bobbaasee jira.
Industirii teekinooloojii Itoophiyaa keessa dubartoota lakkoofsaan muraasa ta'anitu jira kan jettu Saamiraawwit Fiqiruu, dhaloota itti aanu shamarran ol adeemoo hojii akka uuman kakaasuun fedha jetti.
"Biizinasoonni abbaan qabeenyummaa isaanii dubartoota ta'an amma lakkoofsaan dabalaa jiru; amma ijoollee durbaa ol adeemoo ta'an carraa maallaqaa argachuun kalaqa yaada mataa isaanii milkeeffatan dabalataa barbaadna," jetti.
Wagaahitaa Gabreyohaannis - Tigraay, Itoophiyaa
Hojjettuu gargaarsa namoomaa kan taate Wagaahtaa Gabreyoaannis Abarraa dhaabbata bu'aaf hin hojjenne hanqina nyaataa sababa waraan Tigraay keessa tureen uumame balleessuuf kaayyeffate Hdrina jedhamus hundeessiteetti.
Hdrina sagantaa nyaata attatamaa namoota qe'ee keessatti buqqa'anii kaampii jiran (IDP) fi pirojektii qonna magaalaa dabalatee pirojektoota dubartootaafi daa'imman waraanaan miidhaman gargaaruu kaayyeffate qaba.
Kana malees, dhaabbatichi pirojektii dubartoota miidhaa saal-qunnamtii waraanaan wal qabate irra gahe aangessuu, akkasumas dubartoota warra sababa waraanaa hiyyummaa keessatti kufanii hojii daldala saal-qunnamtii keessaseenanis ni gargaara.
Walumaagalatti dubartoota 100 hojii mirgoota namoomaaf qabsaa'uu, siyaasa keessatti dhiibbaa uumuu, kalaqawwan teknoloojii, hojii-tola ooltummaa, barnootaafi hojiiwwan biroo fakkeenya qabaniin golee addunyaa arfanirraa fialatamaniiru.
BBCN waggaa waggaan dubartoota 100 addunyaa keenya kanarratti dhiibbaa uuman yoo filatu kan bara kanaa (2022) marsaa 10 ta'uu isaati.