Garaa laafuun akka hin milkoofne nama taasisaa?

Namoonni gara laafeyyiin waanta milkaa’uuf barbaachisu hin qaban jennee hubanna ta’a.

Kun yeroo hundaa dhugoomaa laata?

Tarii hundi keenya garaa laafuun gaaariidha jennee yaadna ta’a, garuu jireenya keessatti milkaa’inatti nama geessaa?

Gara laafummaan fedha nama biraatiif dursa laachuudhaa? Wareegama nama kaffalchisuu hin qabuu?

Ministirri Muummee Niwuzilaand Jasindaa Ardin, leenjisaan garee kubbaa miilaa dhiiraa Ingilaand Garez Saawuzgeet fi dhaabbata suphaa kophee Toomsan Cheen jedhamu kan hogganu Jaames Toomsan, namoota sadan gara laafeyyiidha jedhaman keessaayi.

Sadan isaaniiyyuu damee hojii hojjatan keessatti namoota milka’aanidha, milka’inaaf gara laafummaa akka tarsimootti lakkaawwatu.

Wanti jarri kunneen hubatan biizinasii keessatti namaaf yaaduun, siyaasaafi ispoortii keessatti tooftaa ’’laafaa’’ jedhamu hordofamu ta'uulle bu’aa gaarii ta'e qaba.

Bu’aan isarraa argamu warreen namoota kunneen jalatti hojjataniif qofaa otoo hin taane, isaanuma warra hojjachiisuufillee ni fayyada.

Ragaaleen saayiinsii bahaa jiran akka agarsiisanitti, namoonni gara laafeyyiin milkaa’uu danda'u jedha.

Bara 2021 gareen qorattoota Yunvarsiitii Suseeks hubannoo hawaasni garaa laafummaarratti qaburratti qorannoo gaggeessaanii turan.

Namoota 60,000 ta’anitu biyyoota 144 irraa qorannoo gara-laafumaa ilaaallatu kanarratti hirmaate.

Namoota qorannoo kanarratti hirmaatan keessaa % 96 iddoo hojittii garaa laafuun akka barbaachisu deeggaran.

Dhaabbanni tokko akka milkaa'uuf gara laafumni akka barbaachisaa ta’e qorannoon kun kan akeekeera.

Yaada kana ogeessi Saayikoloojii Ameerikaa jiraatu JooyFoolkmaan qorannoodhaan deeggare.

Foolkmaan, ogeessaa damee qoraannoofi madaallii Saayikoomeetirishiyaan jedhamuti.

Foolkmaan qorannoo hoggantoota 50,000 ol ta’an hirmaachise gaggeesseerratti hooggantoota hojjattoota isaanitiin madaalaman caalaatti milkaa’oo akka ta’an eeran.

Foolkmaan akka jedhutti, biizansiin hooggantoonni isaanii madaalamanii qabxii gaarii galmeessisan bu’aa gaariis akka galmeessaniifi itti quufinsa maamilaa gaarii akka qabatan eere.

Amalli gaariin iddoo hojiitti ni daddarbas jedhan.

Qorannoo bizinasii keessatti hoggansi arjaan akka nama ‘’naamusa qabuutti’’ kaafama.

Qorannoowwan akka agarsiisanitti, iddoo hojiitii haala hojii gaariin yoo jiraate hojjattootni caalaatti kaka’umsaan hojii isaanii hojjatu.

Amallii gaariin iddoo hojiitti nama tokkorraa kaanitti darba jedha ogeessi Saayikolojii Mikaayilanjeeloo Viyanelloo jedhamu, Yunvarsiitii biyya Xaaliyaanii Paaduyaa jedhamurraa qorannoo gaggeesse.

Ogeessi kun hospitaala hawaasa Paaduyaa cinaatti argamu dhaquun narsoonni hooggantoota isaanirrattii hangam akka amanaan, fedhii nama biraaf hangam dursa akka laataniifi akka gareetti gurmuun isaanii maal akka fakkaatu gaafataa ture.

Siyaasa keessattillee nama arjaa ta‘uun ol nama guddisa, akkuma Ministira Muummee Niwuzilaand Jasindaa Adernitti.

Haaluma kana fakkaatuun bara 1996 fi 2015 gidduutti qorataan Jeremii Firimer jedhamu haasaa miseensota Kongireesii Ameerikaa wayita falmii siyaaasaa gaggeessanii qo'ataa ture.

Qorannoo isaa keessatti, miseensonni Kongireensii yeroo haasaan isaanii akka namoota sivilii hin taane fudhatamni isaanii ni hir'ata; wayita arjummaafi qajeelummaan dubbatan deeggarsi isaanii ni dabala jedhe.