Ajjeefamuun Sinwaar Hamaasiif kufaatiidha, ta'us xumura waraanichaa miti: MM Israa'el

Hoogganaan Hamaas waggaa tokkoo oliif loltoota Israa'eliin adamsamaa ture Yahyaa Sinwaar ajjeefamuu hordofee ''ajjeefamuunsaa Hamaasiif kufaatii, nuuf ammoo milkaa'ina guddaa ta'us, garuu xumura waraanichaa jechuu miti,'' jedhe MM Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu.

Ji'oota muraasa dura hoogganaa Hamaas Iraan, magaalaa Tehraanitti ajjeefame Ismaa'el Haniyaa kan bakka bu'e Yahaa Sinwaar kibba Gaazaatti ajjeefamuu ibsite Israa'el.

Hamaas waa'ee ajjeefamuu hoogganaa isaa hanga yoonaa ibsa hin kennine.

Beenjaamiin Netaaniyaahuu loltoota hoogganaa Hamaas kana ajjeesan faarsuun, tarkaanfiin kun biyyasaaf milkaa'ina guddaa ta'uu ibse.

''Kanneen nu miidhan maaltu akka isaan mudatu har'a ifa gooneera. Har'a hammeenyummaan gaarummaa mo'achuu akka hin dandeenye addunyaaf mirkaneessineerra. Garuu waraanichi hin xumuramne. Ulfaataadha. Gatii guddaas nu baasisaa jira,'' jedhe Netaaniyaahuun.

MM Israa'el kun lammiileesaa Gaazaatti ugguramanii jiran qe'eesaaniitti deebisuuf maatiif waadaa galeera.

Netaaniyaahuun ajjeefamuun Yahyaa Sinwaar xumura waraana Gaazaa ta'uu baatus ''garuu jalqabbii xumura waraanichaa akeeka,'' jedhe.

Israa'el Gaazaatti marsitee waraana qindaa'aa fi itti fufiinsaa gaggeessaa jirtuun hanga ammaatti lammiilee Filisxeem kuma 42 ol ajjeesuu ministeerri fayyaa Gaazaa ibseera.

Kanneen ajjeefaman irra caalaan daa'immanii fi dubartoota ta'uu ragaan ministeera fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamuu kun ni agarsiisa.

Yahyaa Sinwaar bara 2017 irraa eegalee garee hidhattoota Hamaas Gaazaa keessa socho'an dursaa ture.

Haleellaa Onkoloolessa 7 kibba Israa'el irratti raawwate kan qindeessee fi adda-durummaan kan gaggeesseedha jechuun Ameerikaa, UK fi Israa'el himataniiru.

Kibba Gaazaa naannawa Raafaa jedhamutti loltoota Israa'eliin kan ajjeefame Yahyaa Sinwaar duula haala addaan irratti gaggeeffamaa tureen kiyyoo Israa'el seene.

Suuraan bakka Sinwaar itti ajjeefamee kaafame nama suurri isaa qondaala Hamaas kana fakkaatu gamoo taankiidhaan rukutamee jijjige jalatti kufee akka jiru mul'isa.

Reenfi suuraa irraa mul'atu mataansaa akka malee akka miidhame agarsiisa.

Humni waraanaa Israa'el qondalli Hamaas kun ajjeefamuu battaluma sana akeekanis, nama waggaa tokkoof adamsaa turan kana ajjeesuu isaanii mirkaneessuuf qorannoo qaccee sanyii (DNA) taasisuuf dirqamaniiru.

Waraanni Israa'el qorannoo DNA booda hidhattoota Hamaas kibba Gaazaa, Raafaatti ajjeefaman sadi keessaa Sinwaar tokko ta'uu ibseera.

Hidhattoonni sadeen mana manatti baqataa akka turan loltoonni Israa'el arguu dubbi himaan waraana Israa'el Daani'eel Haagaarii himeera.

Dhukaasi erga eegalee booda hidhattoonni sadi ta'anii asii fi achi fiigaa turan gargar ba'uu kan eere waraanni Israa'el, dhumarratti Yahyaa Sinwaar addatti ba'uun gamoo tokko seenuu ibse.

Wayita loltoonni Isaraa'el gamochatti seenan Sinwaar ittisa rasaasaa uffatee, shugguxii qabatee akkasumas paawondii kuma 8 fi 240 waliin argameera.

Hoogganaan Hamaas ajjeefame kun Yahyaa Sinwaar ta'uusaa mirkaneessuuf qorannoo DNA, ashaaraa qubaa fi qorannoowwan ilkaanii waan barbaachisuuf oduun kun yeroof barfatee ture.

Israa'el bara 1988 hanga 2011 Yahyaa Sinwaar hiitee waan turteef qorannoo qaccee sanyii (DNA) isaa of harkaa qabdi.

Gamoo Sinwaar keessatti ajjeefame keessatti lammileen Israa'el ugguraman jiraachuu garuu wanti akeeku hin jiru.

Sinwaar eegumsaaf jecha lammiilee Israa'el Hamaas uggure waliin socho'aa akka ture dubbatamaa ture.

Namni umrii waggaa 62 Sinwaar mooraa baqattootaa Kaan Yuunis kan kibba Gaazaatti argamu keessatti dhalate.

Umriisaa gara caalu manneen hidhaa Israa'el keessatti kan dabarse Sinwaar bara 1988 yeroo sadaffaaf wayita hidhamu adabbiin hidhaa umrii guutuu afur irratti murtaa'ee ture.

Haata'u malee bara 2011 sagantaa booji'amtoota waliif deebisuu Israa'el fi Hamaas gidduutti raawwateen wayita lammiileen Filisxeem 1,026 harka Israa'elii baafaman innis gadhiifame.

Yeroo sana Israa'el loltuu ishee tokkicha Gilad Shalit jedhamu qofa gadhiisisuuf lammiilee Filisxeem haga kana gadhiiste.

Bara 1990 keessaa eegaluun Israa'el hooggantoota Hamaas hedduu ajjeesaa yoona geesse, garuu yeroo hunda kan bakka bu'u dhabamee hin beeku.

Yeroo Israa'el ajjeefamuu Yahyaa Sinwaariif gammachuu ibsataa jirtu kanattillee Hamaas namoota uggure gadhiisuuf eyyamamaa hin taane, ammallee cimsee Israa'eliin lolaa jira.