Yaahiyaa Sinwaar: Hogganaan Hamaas kan turan eenyudha?

Israa'el loltoonnishee Gaazaa keessa jiran hogganaa Hamaas Yaahiyaa Siinwaar, arkiteektii olaanaa haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 fi nama biyyattii keessatti baay'ee barbaadamaa ture ajjeesuu beeksiifte.

Ergasii Israa'el gaggeessitoota Hamaas kanneen irratti xiyyeeffate keessaa tokko Yaahiyaa Siinwar ture.

Siinwaar jalqaba haleellaa Hamaas kan namoonni gara 1,200 ta’an kan ajjeefaman kaan 251 ammoo ittiin booji’amaniitiin booda ifatti mul'atanii hin beekam.

Loltoonni Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman diroonii, meeshaalee elektirooniksii dhaggeeffachuu fi odeeffattoota namaatiin deeggaramuun, bakka inni jiru baruuf waan yaalaniif, bira gahuunsaanii waan nama ajaa'ibu hin turre.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) Reer Admiraal Daani'eel Haagaari yeroo sanatti ''Yaahiyaa Siinwaar ajajaadha... akkasumas nama du'edha,'' jechuun labsee ture.

Israa'el Gaazaa keessatti Siinwaar bakka inni itti argamu baruu fi ajjeesuf waggaa tokkoof yaalii garaagaraa gochaa turte.

Yaahiyaa Siinwaar maqaansaa guutun Yaahiyaa Ibraahim al-Siinwaar jedhama. Qondaalli olaanan Hamaas Ismaa'el Haniyyaa Iraan keessatti ajjeefamuu hordofee hogganaa garichaa ta'uun filame.

Hanga hogganaa waliigalaa ta'ee filamutti, Gaazatti Itti Gaafatama Hamaas ta'uun tajaajilaa ture.

Yaahiyaa Siinwaar yeroo garaa garaatti hidhaaf kan saaxilame yoo ta'u, dhumarratti Israa'el hidhaa umurii guutuu itti murteessitee turte.

Haata'uu garuu, loltuu Israa'el garee Hamaasin butamee ture Gil'aad Shaalit jedhamu gadi lakkisiisuf jecha Israa'el Yaahyaa gadi lakkifte.

Bara 2015tti Ameerikaan Yaahiyaa galmee shororkeessitoota addunya barbaadaman keessatti dabalte.

Waggaa lama booda bara 2017tti ammoo Ismaa'el Haniyyaa bakka bu'uun Yaahyaa Siinwaar gaggeessaa olaanaa Hamaas ta'uun filatame.

Yaahiyaa Sinwaar Gaazaa keessatti nama Israa'el akkaan irratti xiyyeeffataa turte yoo tahu haleellaa Onkoloeessa 7 waggaa darbee qindeessuun hidhattoonni kumaan lakkaa'aman Israa'el seenuun namooti 1200 ajjeefamuun 250 gara Gaazaa akka fudhataman taasiseedha.

Miidiyaa hawaasaa irratti suuraaleen gadhiifaman kan caccabaa gamoo haleellaa waraanaa cimaan barbadaa'e jalatti mula'tan fuula Sinwaar fakkaatu miidhaan irra gahes lubbuun akka hin hafne agarsiisa.

Israa'el qorannoo ashaaraa fi qaamaa taasisuun isa tahuu akka mirkaneessitu himteetti.

Namni kun ajjeefameera taanaan Israa'eliif milkaa'ina waraanaa guddaadha. Sinwaar nama ganna 61 yoo tahu bara 2011tti ture wal-jijjiirraa hidhamaan mana hidhaa Israa'el irraa kan hiikame.

Hamaas keeessatti nama mata-jabaa yoo tahu Israa'eliin marii caalaa lolaan morkachuu filata.

Sinwaar boolla lafa jalaatti namoota Gaazaatti butaman dahoo godhatee akka ture yaadamaa ture, keesumaa hogganaan waliigalaa Hamaas Isamaa'el Haaniyaa ajjeefamuun booda.

Tahus humni waraanaa Israa'el namni butame tokkoyyuu naannoo inni ture jedhamettii akka hin argamne himan.

Duuti isaa haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti geggeesitu hatattamaan akka goolabdu gochuu dhiisuu mala. Israa'el oppireeshinii Hamaas irratti adeemsiftu daangaa Filisxeem keessatti itti fufti, tahus ajjeefamuun isaa waraanicha gara dhumaatti siiqsa jedhamee eegama.

Akkaataa guddinaa isaafi hidhaa

Siinwaara nama ganna 61 yoo ta'u, Gaazaa kaampii baqattootaa Kaan Yuunis keessatti dhalate.

Maatinsaa bara 1948 yeroo Israa'el hundeeffamte waraana gaggeeffameen kanneen buqqa'aniidha. Maatinsaa magaala Israa'el, Ashqeloon jedhamtu keessaa gara Gaazatti baqatanii ture.

Achuma Gaazatti kan argamu Islamic University of Gazatti digriisaa afaan Arabiffaa barate.

Yeroo sana Kaan Yuunis bakka deeggartoonni Muslim Brotherhood heddumminaan itti argaman akka ta'e hima namni Yaahiyaa siinwaar mana hidhaatti si'a afur af-gaaffii taasiseef Ihuud Yaarii.

Siinwaar yeroo dargaggeessa umurii 19 yeroo jalqabaaf bara 1982tti hidhame. Irra deebin bara 1985tti hidhame.

Yaahihaa Siinwaar ija hundessaa Hamaas kan ta'e Sheek Ahmad Yaasin keessa kan seene yeroo si'a lammaffaa mana hidhaa Israa'eel seenedha.

Sana booda Siinwaarifi Sheek Ahamed walitti dhufeenya isaanii akka cimsatan kaasa Tel Aviivitti qorataa Nageenya Biyyaaleessaa kan ta'e Koobii Mikaa'el.

Siinwaar yeeroo ganna 25 guutu, dhabbata nageenyaa Hamaas al-Majd jedhamu hundeesse. Dhaabbanni kun namoota seera namuusaa cabsan adabuun beekama.

Gaazaa keessatti namoota Israa'elii wajjin hidhata qabu jedhamanii ajjeefaman heddu akka ajjeefaman kan godhe Siinwaar akka ta'e kaasa Ihuud Yaarii.

"Namoota kaansaanii harkasaatin ajjeese, kana gochuusaatti akka itti boonu natti himeera," hedhan Ihuud.

Namoota heddu of-cinaa hiriirsun beekamtii nama horate akka ta'e kan himu Ihuud, namoonni kaan adabamuu sodaa akka harka dhahaniif hima.

Bara 1988, loltoota Israa'el lama butamuun ajjeefaman qindeessunis hamatama. Barumsa sana to'atamee lammiilee Filisxeem 12 ajjeesun himanni irratti banaee hidhaan itti murtaa'ee ture.

Waggoota mana hidhaatti dabarse

Siinwaar umuriisaa dargaggummaa gara caalu mana hidhaa Israa'elitti dabarse. Bara 1988 hanga bara 2011tti, walumaagalatti waggaa 22 hidhame.

Yeroo heddu mana hidhaa keessatti qophaa dabarsuun isaa caalmatti finxaalessa akka isa taasisetu himama.

Siinwaar mana hidhaa keessattis nama hidhamtoota Filisxeem kaan bakka of buusuun dubbatuufi achi keessatti adabbii garaa garaa irratti raawwatu akka ture hima Ihuud.

Mootummaan Israa'el gamasaan, Siinwaar yeroo mana hidhaa ture "gara jabeessa, abbaa irree, beekamaa" akka ta'e ibsee ture.

Akkasumas icciitii dhoksuurratti kutannoo cimaa akka qabus hin haalle Israa'el, Salphaatti namoota heddu biraa deeggarsa argachuun of-duuka hiriirsuu danda'a jedhama.

Yeroo heddu mana hidhaatti kan isa dubbise Ihuud akka jedhutti, Siinwaar nama amala jijjiiramaa qabuufi gamna, eenyummaa wal-xaxaa ta'e qabuudha.

Siinwaar afan Hibruu baay'ee danda'a. Mana hidhaa Israa'el keessatti gaazexaa afaan Hibruun barreeffaman dubbisaa ture. Ihuud mana hidhaatti dhaqee af-gaaffii yeroo taasisuuf, Siinwaar afaan Hibruun dubbachuu filata ture.

Bara 2011 loltuu Israa'el butame tokko gadi lakkisiisuf jecha Siinwaar dabalatee Israa'el Filisxeemota 1,027 mana hidhaatii baaste.

Yeroo kana Israa'el Gaazaa gadhiistee baatee Hamaas filannoo mo'achuun Gaazaa bulchuu eegalee ture.

'Nama gara jabeessa'

Siinwaar mana hidhaa Israa'elii bahee Gaazatti erga deebi'ee booda, gara gaggeessummaatti dhufe.

Gama biraan ammoo osoo hin hidhamin dura namoota heddu harka isaatin ajjeesuu isaarraa kan ka'e namoota heddu birattis ni sodaatama.

"Nama gara jabeessa, banbanuufi bifa biraan nama beekamaadha," jedha Koobii Maayikil.

"Nama baay'ee dubbachuu danda'uu miti. Yeroo uummata fuulduratti haasa'u, akka nama waca keessaa dubbatuu wayiiti," jedha.

Erga mana hidhaatii bahee hundeessaafi gaggeessaaa Izaddiin al-Qasiim Birgeed kan ture Maaruwaan Isaa wajjin tokkummaa akka uume hima Ihuud Yaarii.

Bara 2013tti miseensa Biiroo SiyaasaaHamaas ta'uun filame. Bara 2017tti ammoo gaggeessaa ta'uun filame.

Siinwaar kaampii baqattootaa Kaan Yuunis keessatti namoota heddu ajjeesuusaafi gara jabinaasaarraa kan ka'e maqaa masoo The Butcher of Khan Younis jedhamuunis beekama.

Siinwaarii fi michuummaa Iraan

Qaamoleen nageenyaa Israa'el hedduun Siinwaar mana hidhaatii bahuu hin qabu jedhanii gaabbu.

"Nama Filisxeem bilisa baasu jedhee of ilaala," jedha Ihuud Yaarii. Israa'el bara 2015 haleellaa Gaazaa keessatti gaggeessiteen mana jireenyaafi biiroo isaa haleeltee turtsu isa ajjeesuu hin dandeenye.

Bara 2022 ji'a Eblaa keessaa haasaa karaa TV taasiseen, uummanni karaa danda'ame hundaan Israa'el akka haleelu dubbatee ture.

Haleellaa Hamaas bara darbe Israa'el irratti raawwate qindeessufi gaggeessuu keessatti qondaalota Hamaas keessaa Yaahiyaa Siinwaar gahee guddaa akka qabutu himama.

Gama biraan ammoo Siinwaar michuu Iraan cimaadha. Hamaasii fi Iraan kaayyoon waloosaanii Yerusaalem bilisa baasudha.

Iraan leenjii, loojistikiifi fandiidhan Hamaas deeggarti. Sinwar bara 2021 haasaa taasise irratti Iraan baay'ee jajee ture.

"Iraan osoo nu gargaaruu baattee qabsoon Filisxeem sadarkaa kanarra hin gahu ture," jedhee ture.

Israa'el Siinwaar ajjeesunshee yeroof mo'icha kennuufii danda'a, garuu sochii Hamaas guutummaatti dhaabsisuu akka hin dandeenye ibsu xinxaaltonni.