Saree reeffa maanguddoo ishee soortee guddiste biraa ka'uu didde

Sareen kuni bishaan dhabdee laafteefi dadhabdee argamte

Madda suuraa, Christie Powell

Ibsa waa'ee suuraa, Sareen kuni bishaan dhabdee laafteefi dadhabdee argamte

Sareen kuni baay'ee amanamtuudha. Maanguddoon ganna 76 saree kana sooranii guddisan tasa du’an.

Bakka isaan hin jirreetti waan ishiin goote seenaa ishii akka isiniif qoodnu nu taasise.

Aadde Yolaandaa Kalaahaan baatii Bitootessa keessa Siwaansii keessatti du’an. Ollaanuu hin barre. Du’anii osoo namni hin bariin torban tokko ta’e.

Sareen kuni garuu eessayyuu hin dhaqne. Harmeen kuni ni ka’u jettee qofaa eegdi.

Torban tokko booda garuu ollaan isaanii Aadde Kiriistiin Poowel maanguddoon kuni eessa dhaqani, ''ergan arge bubbule'' jedhanii barbaacha dhaqan.

Suuta jedhanii yoo namni mana jiraate jedhanii colloqsanii ilaalan, maanguddoon lafa ciisanii sareen itti maramtee teessi.

Yeroos du’u isaanii baran, rifatanis.

''Wanti jalqaba hubadhe xalayaa isaaniif ergamee hin banamiin hafedha,'' jedhan. Kunis, waa akkan shakkan isaan taasise.

''Achii Yolaandaa [maanguddoo du’an] lafarrattin arge,'' jechuun dubbatan.

''Pooppiin isaanirra teesse nuun nu ilaalti.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maanguddoon du’an saree isaanii Pooppii jedhanii waamu. Sareen kuni erga dhalattee waggaa saddeeti.

Yeroo dhaqanii ishee argan ''bishaan dhabuurraa kan ka'e'' laafteetti, dadhabdeettis.

Obboleettiin Aadde Kiriistin Aadde Keet maanguddoo lafarra ciisan kana ilaaluuf waliin deemanii turan.

''Ogeeyyiin fayyaa dafanii dhaqqabanii balbala cabsan,'' jedhan Aadde Kiriistin Poowel.

''Pooppiin kana dura obboleettii kiyya agartee hin beektu garuu ishee hammatte,'' jechuunis dubbatan.

Ergasiis waan nyaattuufi dhugdu saree kanaaf kennani. Ishees dhidhiqani.

Bishaan dhabuun dheebochuufi laafuun ala ogeeyyiin beelladaa sareen kuni iji ishees dhukkubsachuu bira gahan.

Eddasii Aadde Kiriistin Poowel yaala saree kanaaf birmannaa gaafatanii £4,000 [birrii Itoophiyaa 250,000 ol] walitti qabaniiru.

Wal’aansa baqaqsanii yaaluu saree kanaaf taasifameen iji ishee mirgaa akka bahu taasifame.

Yeroo ammaa ija tokko qofa qabdi. ''Amma Poppeeyee jennaan,'' jechuun dubbatan.