Sareen doolaara 4,000 nyaattee maatii harka qullaatti hambiste

Saree doolaara 4,000 nyaate

Madda suuraa, CLAYTON AND CARRIE LAW

Sareen kun waan nyaatu hin dhabne, kunuunsa ga'aa qaba. Garuu maallaqa nyaachuutu araada itti ta'e.

Bakka maatiin maallaqa kaa'anii fuudhee kutaa sarootaa seenee fedhiisaa dhugoomfate- doolaara 4,000 nyaatee fixe.

Seesiil saree qaamaan bareedaa keessi isaa fokkisaati. Maatiin akkaan mararsiifatu. Isanni maallaqa kana hunda nyaateyyuu homaa itti hin dubbanne.

Ameerikaa bulchiinsa Peensalveeniyaa keessatti sareen maallaqa kana hunda nyaate jedhamee oduunsaa baayyee tamsa'e.

Maallaqa sana maatiin kontiraaktaraaf kaffaluuf yeroo dheeraaf walitti cimmisaa turan.

Kileeyitan (abbaa manaa) fi Keerii (haadha manaa) Loow maallaqa sareen nyaate kana deebisanii walitti suphuuf waa hedduu yaalan.

Eessaa fuudhanii walitti suphu seetan? Kan sarechi gororaan laaqee lafatti kukkutee gaggatee fi kaan ammoo kan inni liqimse ol deebisiisaniiti.

Foolii xiraa'aa sanaan osoo hin hifatin malalaqicha hanga tokko walitti suphuu danda'an.

Garuu doolaara 450 ammallee bakkatti hin deebifanne.

Hakiimni sarechaa (Seesiil) sareen, beela hamaa maallaqarraa qabu, kun fayyummaa gaariirra jiraachuu maatiitti hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kileeyitan Loow doolaara 4,000 poostaadhaan saamsee manasaa bulchiinsa Peensalveeniyaa magaalaa Piitisbarg keessatti argamu keessa kutaa nyaata itti bilcheessan keessa dhoksuu hime.

Kileeyitan fi Keeriin maallaqa kanas kontiraaktara dallaa isaaniif hojjeteef kennuuf qopheessan.

Kileeyitan maallaqa kana qopheessee erga kaa'ee daqiiqaa 30 booda osoo sareen kun soorataa jiruu arge.

Wayitanni bira ga'u sareen inni akkaan jaal'atu kun maallaqa sana hunda nyaatee, kaan kukkutee lafarra firfirseera.

Seesiliin maallaqa kuma 4000 ol keenye nyaachaa jiraachuu wayita Kileeyitan natti himu onneen kiyya na dhaabbachuu ga'e jette Keeriin.

Maatiin kunneen wayita dhimma kanarratti Wahingitan Postitti dubbatan ''sareen kun salphataa fi kan yaada hin qabne,'' jechuun ibsan.

''Waan fedhu xiyyeeffannaan filata. Nyaata wayii yoo minjaala irratti dhiistee bira deemte itti hin bu'u. Nyaatarraa dantaa hin qabu. Maallaqa arginaan garuu bira hin darbu. Araada irraa qaba,'' jette Keerii Loow.

Seesiil (sareen kun) erga soorata fedhiisaa olaanaa ta'e (maallaqa) kana nyaatee booda dugdaan galee soofaarra rafe.

Wayita kana maatiin waan dhibame itti fakkaatee hakiima isaa waaman.

Garuu akka carraa ta'e Seesiliin saree guddaa waan ta'eef manumatti akka wal'aanan itti hime hakiimichi.

Duuba abbaan manaa fi haati manaa kunneen maallaqa ciccite walitti suphuutti gadi taa'an. Kun hibboo guddaa itti ta'eera.

Maallaqa sareen nyaatee kukkute

Madda suuraa, CLAYTON AND CARRIE LAW

Maallaqa ciccite kana walitti suphuuf iyyuu hanga sarechi ol deebisutti eeguutu irra ture.

Isa booda suuta jedhanii maallaqicha walitti qabsiisuu eegalan.

''Bakka saroonni itti qulqullaa'an dhaabbannee eeguu qabna. Foolii badaa qaba,'' jette Keeriin.

Erga doolaara nootii 50 fi 100 kana walitti suphanii booda baankiitti geeffatan, garuu doolaara 450 ni dhaban.

Keerii

Madda suuraa, CLAYTON AND CARRIE LAW

Taateen akkanaa haaraa miti. Bara 2022 Filooriidaatti sareen doolaara 2,000 nyaatee ture.

Wayita sareen sun maallaqa sana hunda nyaatu viidiyoon agarsiisu sarecha interneetiirratti beeksise, maatiin ammoo imimmaan haqachaa gaddasaani ibsan.

Keerii fi Kileeyitan Loow waan isaan mudate kana salphisanii akka ilaalanii fi akka qoosaatti fudhachuun akka of dagachiisan himan.

Maallaqi inni walitti hin suphamin hafe akka faaya aartiitti nu fayyada jechuun bifa qoosaan viidiyoo qoodame waliin maxxansan.