Haachiikoo, saree warra Jaappaan siidaan dhaabateef, seenaan isaas waggaa 100'f himamaa jiru

Haachiikoo

Madda suuraa, Getty Images

Barreefamni poostara fiilmii Chaayinaa ‘’Yeroonsaa hammam dheeratullee nan si eega’’ jedhu amanamummaa saree kanaa akkaan ibsee ture.

Sareen amanamaa Haachiikoo jedhamu Jaappaan keessatti namni isa guddise du’uun booda waggootaaf buufata baaburaa dhaabbatee isa eega ture.

Sareen waggaa 100 dura dhalate kuni seenaansaa kitaabota, fiilmiiwwan Chaayinaa fi Jaappaan waliin gaheera.

Kabajaanis leellifamee, fiilmii seenaasaa irratti hundaa'uun hojjetames daawwataa baayyee kanneen argatan keessaas ture. Kanaanis seenaan saree kanaa addunyaa irra beekame.

Bara 1948tti Tookiyoo buufata Shibuyaa sareen kuni iddootti dhaabbatee guddisaa isaa eegutti siidaan halluu boorrajii qabu dhaabbateefi.

Barattoonni Jaappaan seenaa Chuuken Haachikoo ykn saree amanamaa Haachikoo mana barumsaatti barataniiru. Waa’ee kennamaafi amanamummaas ittiin baraniiru.

Haachikoon, ‘’lammii Jaappaan isa sirrii’’ bakka bu’a jedhu Piroofeesar Kiriistiin Yaanoo Yunivarsiitii Hawaa’ii irraa. ‘’Amanamaa, kan si hin ganneef akkasumas kan guddisaa isaa dhagahuufi hubataa dha,’’ jedhan.

Seenaa Haachikoo

Hachiikoon bara 1923 Bitootessaa keessa magaalaa Odaatee bulchiinsa Akitaa keessatti dhalate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sareen Jaappaan qaamnisaa guddaa tahe kuni, bulchiinsa Akitaa keessatti sanyii saree warra durii keessaati. Mootummaan Jaappaan bara 1931tti mallattoo biyyaati jechuun isa labseera, sanyiin saree kanaa bineensota akka adamsaniif leenji’u ture.

‘’Sareen bulchinsa Akitaa keessatti dhalatan tasgabbaa’oo, collee, lasoo fi goota akkasumas guddisaa isaaniif kan bitamani dha,’’ jedha kitaabni daa’immanii Etsuu Saakuuraabaadhaan barreefame.

Gama biraan immoo guddisaa isaaniin alatti nama kaaniif, ''mata-jaboo fi ija shakkiin kan ilaalani dha,’’ jedha kitaabichi.

Bara Hachiikoon dhalate kana piroofeesariin damee qonnaa fi saree akkaan jaalatu barataasaa xuuxillaa Akitaa irraa naa barbaadi jedheen.

Imala baaburaa dheeraan booda Hachiikoon naannoo jireenyaa Shibuyaa, gaafa Amajji 15, 1924 mana jireenyaa Dr Uweenoo gahe. Yeroo qaqqabe ka du’e fakkaata ture.

Akka barreessaan kitaabaa seenaa Haachiikoo Piroofeesar Maayuumii jedhaniitti, Dr Uweenoo fi haati warraasaa ji’a jahaaf isa wal’aanuun booda gara fayyummaatti isa deebisan.

Dr Uweenoon saree kana Haachii jechuun moggaase, afaan Jaappaaniin saddeet jechuu dha. Ko maqaa kabajaa barattoota Dr Uweenoon saree kanaaaf kennameefidha.

Dr Uweenoon torbee keessaa guyyaa baayyee gara hojiitti marmaara. Hachiikoo dabalatee saroota isaa sadeentu gara hojiitti isa geggeessa ture.

Yeroo hojii dhaa deebi’uus sareen sadeen kuni buufata baaburaa dhaabataniitu isa eegu ture.

Caamsaa 21, 1925 Dr Uweenoo namni ganna 53 dhukkuba dugugguruu dugdaan dhibamee lubbuunsaa darbe. Hachiikoon baatii 16f qofa dha kan wajjin ture.

‘’Yeroo namoonni gadda du'a Dr Uweenoo irratti argamu, Haachiin saanduuqa reeffasaa jala maramee ciisuun, socho’uu dide,’’ jedhan barreessaan seenaa saree kanaa.

Hachiikoon du’a guddisaa isaan booda Shibuyaa keessatti ji’oota muraasaaf namoota garagaraa wajjin dabarse.

Bara 1925 nama Dr Uweenoof biqiltuu kunuunsu Kikuusaaburoo jedhamutu isa fudhate.

'Yeroon dheeratullee obsaan si eega'

Gara naannoo guddisaansaa duraanii Dr Uweenoon jiraachaa ture, yeroo deebi'u roobaa fi aduu otoo hin jedhiin gara buufata baaburaa sanaatti marmaaruu jalqabe.

Galgala sana jedha barreessaan seenaa saree kanaa Piroofeesar Itooh, ‘’Haachiin miila afuriin dhaabbatee imaltoota tikeeta kutan ilaala ture, akka waan nama barbaadu qabu tokkootti,’’

Hojjettoonni buufata baaburaa sanaa jalqabaa akka isaan jeequ wayiitti isa ilaalaa turan.

Daldaltoonni daandii Yaakitoorii bishaan itti facaasuu, isa dhaanu, isa qoccolu faa.

Haa tahu malee sareen kuni erga miidiyaan Tookiyoo Asahii Shimbuun waa’eesaa bara 1932 barreesseen booda beekamaa tahe.

Buufatni baaburaa sunis nyaata Haachikoodhaaf tahu arjoomaan argachuu jalqabe.

Daawwattoonni iddoo fagoo irraa isa arguuf dhufu ture.

Walaloo fi haayikuun(walaloo warra Jaappaan) barreefameeraafi. Bara 1934tti sagantaan qarshii walitti qabuu siidaa isaa ijaarsisuuf taasifame irratti namoonni 3000 ol walitti qabamanii turan.

Haachikoon Bitootessa 8,1935 gaafa du’u oduun du'asaa fuulduree gaazexoota baayyee irratti bahee.

Awwaalcha isaa irratti dursitoonni amantii Buudizimii kadhannaa taasisaniiruufi ture.

Achiin booda namoonni kumaan lakkaa’aman siidaasaaa daawwataniiru.

Waraana Jaappaan booda siidaa Haachikoo jijjige haaromsuuf qarshiin Jaappaan Yen 800,000 yeroo ammaatti doolaara miiliyoona 28 baasutu irratti bahe.

‘’Dimshaashatti Dr Uweenoon debi’ee hin dhufu garuu, inni eeguusaa itti fufe. Haachiikoo gatii nama tokkorratti amantii qabaachuu,nu barsiise,'' jedhe Taakeeshii Okaamootoon bara 1982tti keewwata gaazexaa irratti barreesseen, barataaa tahee buufata baaburaa sanatti guyyuu isa arga ture.

Gaafa Ebla 8 waggaa waggaan buufata baaburaa Shibuyaatti ni yaadatama. Namoonni siidaasaarra guftaa, koofiyyaa fi maaskii fa'i irra buusuun miidhagsu.