Sareen akkamitti michuu dhiyoo nuuf taate?

Buchilloota

Madda suuraa, Getty Images

Hariiroon saree waliin qabnu waggoota dheeraa lakkoofsisera.

Arkiyoolojistoonni akka himanitti, ganna 14,000 kasee namoonni sareesaanii ofiisaanii cinatti awwaalaa turan.

Taatullee akkatti hariiroon saree fi dhala namaa giddutti jalqabe falmisiisadha. Ragaaleen qo’annoo garaa garaa garuu sareen bineensota keessaa jalqabarratti dhala namatti madaquu eeru.

Saree

Madda suuraa, Getty Images

Sareen akkamitti namatti madaqxe?

Sareen dhala namaatti Awurooppaa ykn Eeshiyaa keessatti bara 15,000-40,000 giddutti akkatti michoomte ilaalchisee yaad-rimeewwan wal dorgoman lamatu jira.

Yaad-rimeen inni jalqabaa, dhalli namaa buchillaa yeeyyiiwwan bifa daammii qaban, kanneen baroota seenaan duraa keessa turan akka tasaa madaqseti jedha.

Yeeyyiiwwan bifa daammii qaban kunneen hortee saroonni hundi irraa dhufaniidha jedhamee yaadama.

Yaada-rimeen inni lammaffaan akka jedhuttimmoo, saroonni soorata barbaaduuf jedhanii naannoo dhalli namaa qubatee jiraatu buufatan.

Namoota yaada kana dhiyeessan keessaa tokko Yuunvarsiitii Istoonii Biruuk, Niwuyorkitti argamutti qorataa Kirishina Veeramaha jedhamu.

‘’Yeeyyiin namatti madaqan suni baayyee hamoo hin turre ta’uu mala,’’ jedhu.

‘’Saroonni jalqaba namatti wayita madaqan sana dhalli namaa bu’aa homaayyuu irra hin arganne ture, adeemsa keessa dhalli namaa hariiroo bineensota waliin jiraachuu gabbifate, sarooota amma arginutti geeddaraman,’’ jedhu.

Buchillaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirofesarri Antirooppolojii seenaa hariiroo dhalli namaa binensota waliin qabaachaa ture qorata turan Paat Shiipmaan akka jedhanittimmoo, hariiroon cimaan lubbu qabeeyyii kana giddutti cimuun duratti dhimma walitti isaan fidu xiqqaa ture jedhanii kaasu.

‘’Yeeyyii ofitti madaqsuun waan salphaatti raawwatamu hin turre. Yeeyyiin hamoo qofa hin turre, leecalloo dhala namaa waliin wal saama,’’ jette Shiipmaan.

Paat Shiipmaan adeemsa keessa garuu bu’aa waloosaaniirratti waltumsuutti ce’anii jedhu.

Dhala namaaf sareen waardiyyaa diina ittistu taate, adamoorrattis sareen bineensota gurduddoo duukaa bu’uun dhala namaa gargaarte.

Qorannoowwan arkiyoolojii akka agarsiisanitti, sareen michuu dhala namaa taatee iddoowwan awwaalaa fi holqawwan baroota seenaan duraa keessatti kaafaman gubbatti eeramtetti.

Paat Shiipmaan, kitaaba dhiyootti maxxansan keessatti sareen dhala namaatti miichoomuun Hoomoo Saappiyaansi hortee dhala namaa dhiyoo kan ta’e Niyaandertaalsi akka injifatuuf sababa akka ta’e ibsan.

Yuunvarsiitii Peensilvaaniyaatti ogeessa hariiroo dhala namaa fi bineensota kan ta’an Jeemsi Seerpel, saree madaqasuun bu’aa waloo dhala namaa fi sareefillee buuse qabaachuu ibsan.

Barreeffama qorannoo Ebala darbe barruu ‘Frontiers in Veterinary Science’ jedhurratti maxxasanirratti Seerpel akkatti yeeyyiin adeemsa keessa saree taate ibsanii turan.

Ogeeyyiin akka himanitti, waggoota kuma kudhanitti lakkaa’aman dura qubsumni dhala namaa muraasa ture, isayyuu gurmuu murasaan adda bittimee jiraata jedhu.

Jeemsi Seerpel akka himanitti horteewwan dhala namaa durii bineensonni gurguddoon foon nyaatan naannoo isaaniitti akka marmaaran hin fedhan ture jedhanii amanu.

Warreen Bushmenii adamoofi firii mukaa funaanii ammayyuu Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan leenca sodaachisuuf akka yaalan akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Taatulee Seerpel horteewwan dhala namaa durii ilmaan bineensotaa jaalatanii guddisuu hin oolle jedhu.

Seerpel namni durii ilmoo yeeyyii qabee guddisuu hin hafne jedhani amanu.

Saree madaqsuun waggoota dheeraa dura raawwatame. Akkataan dhalli namaa saree itti madaqse garuu ammaaf ifa miti.