Masriitti awaalchi durii warqeedhaan saamsame argame

Bakka awwalcha warqiin saamsamee

Madda suuraa, Getty Images

Masriitti qorattoonni hambaa bakka awwaalchaa waggoota 4,300’f hin saaqamin turaniifi baala warqeetiin saamsaman argachu beeksisan.

Qorattoonni kunneenis hambaa reeffa namaa kan awwaalcha dhagaa gogaa warqeen saamasamee keessatti argachuu himan.

Reeffi gogaan argame kunis kan nama Hekaasheepsi jedhamuu yoo ta’u, kan maatii moototaa irraa hin taanefi reeffiisaa bara dheeraa osoo hin jijigin kan argameedha jedhameera.

Bakki awwaalchaa Saaqiraa jedhamuufi lixa Kaayirootti argame kunis cinaasaatti awwalchi biraa sadi jiraachutu himame.

Reeffa lafa keessatti gad fageenya meetira 15 biratti kan argame awwaalchi biraa kan ‘‘tika iccitii isaatiif’’ qophaa’eedha jedhameera.

Haga ammaattis awwaalchi baayyeen qotamee argame kan nama beekamaa Khanumjedef jedhamu waliin hidhata qabaniiti jedhameera.

Reeffiiwwan kunneenis kan luboota, eegdootaafi to’attoota abbootii qabeenyaa akka ta’e amanama.

Kan biraa ammo awwaalcha nama Meerii jedhamuufi aangoon ‘‘eegaa icciitii’’ itti gaafatamaa masaraa olaanaa akka ta’e kennameef yoo ta’u, kunis sirna amanataa addaa akka raawwatuuf kan taasisuudha jedhame.

Awaala biraa keessatti ammo barreessaafi abbaa seeraa kan ture Feyeek akka awwaalame amanama.

Hambaalee Masriitti qotamanii argaman keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakkeewwan awaalchaa kanneen keessaayis meeshaaleen bobbocaa garaa garaatu argame jedhame. Awaalichaan alattis meeshaaleen subee hedduun argamaniiru.

Ministirri Qabeenyaa Hambaalee durii Masrii Zaahii Hawaas, reeffiiwwan gogaan argaman hundi fi qabeenyaawwan kan biroos, umuriinsaanii kan dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa 25ffaa fi 22ffaa ta’u tilmaama jedhan.

‘‘Argannoowwan kunneenis mootota ummaticha waliin walitti fiduuf baayyee barbaachisaadha’’ kan jedhan ammo oggeessi qorannoo hambaalee kan biraa Alii Abu Deeshiish turan.

Saaqiraan galmee hambaalee addunyaa UNESCO irratti kan galmaa’eefi waggoota 3,000’f bakka awwaalchaa ta’un kan tajaajileedha.

Eddoon kunis bakka argama magaalaa mummee Masrii durii, Meemofiis akkasumas bakka hambaalee reeffa gogaa hedudun itti argaman dabalatee piraamidoota gara biraa kan hammateedha.

Argannoon guyyaa Kamisa kaleessaa ifa taasifamee kanaan, magaalaa Luksoor kan lixa Mastiirri argamtuutti erga magaalaa dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa 2ffaafi 3ffaa keessa bakka jireenyaa turte argachu ifa taasisaniin boodadha.

Qorattoonni hambaas gamoowwan, eddoowwan hojiin sibilaa itti hojjataman hedduun argamu ibsaniiru.

Waggoota dhiyoon asitti Masriin hambaalee durii hedduu argataa kan jirtu yoo ta’u, kunis indastiriin turizimii biyyattii akka si’omu taaisa jedhamee eegama.