'Murteen dabarfame kan mana kiristaanaa bakka lamatti hireefi murtee gara jabiinaati'

Abbootii amantaa Ortodoksii tibbana mudaman

Madda suuraa, Hailemichael Tadesse

Qulqulluun Murtee Sinodosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin kaleessa dabarse kan mana kiristaanaa bakka lamatti hireefi murtee gara jabiinaatii jedhu Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel Caalaa.

Sinodoosiin Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dureewwan amantii tibban dhihoo muudama kennanii fi kanneen mudama fudhatan dhorkuun akka adda bahaniif kaleessa Amajjii 26, 2023 dhorkaa dabarsuun ni yaadatama.

Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel Caalaa miseensa koree muudama phaaphasota naannoo Oromiyaafi sabaafi sab-lammootaa, "Murtee kaleessa Sindoosii Mana Kiristaanaa Ortodokksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin dabarfame kan hin eegne fi kan mana kiristaanaa iddoo lamatti hireedha,'' jechuun BBCtti himan.

Barsiisaan kun itti dabalauudhaan, murteen taasifamen ''Nuti murtee akkasii hin eegne turre. Murtichis kan gara jabina ulfaataan raawwatme ta'uu agarsiisa," jedha.

Walgahii atattamaa qaamni olaanaa mana amantichaa guyyaa Kamisa Ammajjii 26, 2023 taa’een, dureewwan amantii tibbana mudama kennaniifi kanneen mudama fudhatan kan sirna amantii, qanoonaafi sirna bulchiinsa mana kiristaanichaa cabsuu ta'u hime.

Murtee kaleessa darbe kanaan abbootin amantii sadi muudama phaaphaasotaa 26 raawwatanii turan maqaan bataskaanni kenniteef irraa mulqamee maqaa isaanii duriitin akka waamaman kan jedhu tokkoodha.

"Abboota gurguddoo akkanaa waggaa 20, 30 fi 40 abbummaadhan waldaa tajaajilaa turan lafa itti awwaalaman illee akka hin arganne kan jedhuudha ibsi isaan baasan'' jedhu Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel.

"Kun baay'ee ulfaataa waan ta'eef sochii amma gara fuuldurattii gaggeessinutti deemudhaaf dirqamne," jechuun haala adeemsa gara fuulduraa jiru gadi fageenya isaa ilaalchisee har'a waaree booda ibsa akka kennan dubbatan.

Ibsi gareen dureewwan amantichaa Abuna Saawiroosin durfamu har'a waaree booda kennamus, kan muudamni kanaan dura abbootii amantii sabaafi sab-lammoota haa tajaajilaniif kenname akkamiin akka itti fufu kan ifa godhuudha jedhanniru.

Ibsa kana irraa maaltu eegama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen abbootii amantaa Abuna Saawiroosin durfaman Amajjii 22 gaafa Dilbataa wal-gahuun phaaphaasota 26 naannoo Oromiyaafi sabaaf sab-lammoota afaan sabni dubbatun tajaajilu jedhaman muudanii turan.

Sirna muudama phaaphaasota kanaa irratti Abuna Saawiroos ibsa kennaniin murteen isaanii kun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatin hin fudhatamu taanan karoora isaanii lammaffaatti akka cehan dubatanii turan.

Karoorri isaanii lammaffaan kun ammoo Sinodosii haaraahundeessudha.

"Ibsa har'a kennamu booda phaaphaasonni gaafa Amajjii 22 muudamniifi ramaddiin kennameef gara bakka ramadamaniitti deemu," jechuun qophiin simannaa godhamaafi akka jiru dubbata Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel.

Sidosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa kaleessa dabarseen abbootin amantii naannoo Oromiyaafi bakkeewwan birootti muudama laataniifi muudamicha fudhatan "dhiifama gaafatanii" yoo deebi'an manni kiristaanaa akka simattu ibsamee ture.

Haata’u malee, gareen abbootii amantii Abuna Saawiroosin durfamu guyyoota dura yoo sochii isaanii Qulqulluu Sinodoosiin Mana Kiristaanaa Ortodiksii fudhachuudhaa baate Paatiriyaarkii ofii akka muudan ibsanii turan.

Akkuma jedhan Sinodosiifi Paatiraarkii haaraa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Sabaafi sab-lamootaa hundeessu moo dhiisu kan jedhu ibsa har'a kennamuun adda baha.