Liibiyaatti albuudi nikulara oomishuuf oolu Yuraaniyeemin kuusaa keessa fudhatamee ture argame

Madda suuraa, Reuters
Liibiyaatti albuudi Yuraaniyeemii toonii lamaafi walakkaa ta'uu bakka itti kuufamee fudhatameera jedhee jedhee UN erga beeksisee booda Baha biyyattiitti argamuun himame.
Ejansiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) ogeeyyin isaa bakka albuudi itti kuufamee ture daawwatanii erga dhabanii booda beeksisee ture.
Errga dhaabbanni UN kun albuudichi bakka itti kuufamee fudhatamuu beeksiseen booda hidhattoonni Baha Liibiyaa keessa sochoa'an argineerra hin yaadda'inaa jechuun kan beekisisan.
Ejansiin Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) akka ibsee turetti albuuda Yuraaniyeemii barmeelli 10'tu bakka itti kuufamee fudhatame.
Miidiyaan garee hidhattootan hogganamu akka gabaasetti Yuraaniyeemin bade jedhamu daangaa Libiyaan Chaad waliin wal daangessitu irratti argamuu isaa beeksise.
Ejansiin UN kun garuu ibsa hidhattoonni karaa miidiyaa kennan "mirkaneessuf hojjataa jiraachuu" hime.
Ogeeyyiin dhaabbata UN kun albuudi Yuraaniyeemii hatame kun rakkoo raadiyoolojiitifi yaaddoo nikularaaf illee akka nama saaxilu ibsanii turan.
Gama biraan ammoo ogeeyyin BBCtti dubbatan akka jedhanitti sadarkaa amma irra jirutti albuudi kun boombii nikulaa omishuuf kan dandeessisu miti.
Bakki Yuraaniyeemin itti kuufamee ture to'annaa mootummaa Liibiyaa jala osoo hin taane daangaa hidhattoonni to'ataniidha.
Albuudichi yoom akka fudhatameefi eessa akka dhaqe hanga ammaa wanti beekame IAEA beeksisee ture. Amma garuu hidhattoonni Liibiyaa argineerra jechaa jiru.
Yeroo dhiyoo as bakka albuudi Yuraaniyeemii itti kuufamee ture dhaquudhaf rakkisaa akka ta'e IAEA beeksiseera.
Bara darbe ogeeyyiin dhaabbata UN kun bakkichatti daawwannaa taasisuun haala albuudi kun irra jiru ilaaluf yaalii godhanis hin milkaa'in hafan.
Sababni isaa ammoo Liibiyaa keessatti hidhattoota gidduutti lolatu gaggeeffamaa ture waan ta'eef.
Bara 2003 Liibiyaan ifatti meeshaalee waraanaa kanneen akka nikularaa, baayoloojikaalaafi keemikaalaa badii guddaa geessisan akka hin gabbisne beeksiftee turte.
Akkasumas misaa'ela fageenya 300km caalu akka hin qabaanne beeksifteetti.
Bara 2011 erga Koloneel Gadaafin humnaan angoorraa buufaman booda biyyattiin gareewwan siyaasaafi waraanaa wal morkatan harkatti kufte.
Yeroo amma biyyattii kan wal-harkatti qabaa jiru mootumma cehuumsaa Tirippoolii giddu galeessa godhateefi lixa biyyattii to'ate kan jiru garee Jeneral Kaliifaa Hafxaaridha.












