Raashiyaan haftee diroonii Ameerikaa Galaana Gurraacha irratti kufe barbaadaa jirti

Diroonii Galaana Gurraacha keessatti kufe kan basaasaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Ameerikaa MQ-9 Riipar jedhamu

Raashiyaan qaama yookiin haftee diroonii Ameerikaa Galaana Gurraacha keessatti kufee caccabe barbaaduu akka eegalte Roobii (Bitootessa 15, 2023) ibsiteetti.

Dirooniin Ameerikaa beekamaa MQ-9 Riipar jedhamu gaafa Kibxataa ture kan galaana keessatti kufe.

Ameerikaan akka jettutti dirooniin kun jeettii waraanaa Raashiyaa waliin erga walitti bu'ee ''gulantaa balali'uu hin dandeenyerra ga'e,'' booda rukuttee lafa buuste.

Raashiyaan himannaa diroonii waliin walitti bu'u jedhu hin fudhattu.

Barreessaan mana maree nageenyaa Raashiyaa Nikoolaay Paatruusheev caccabaa diroonii kufte kanaa argachuuf yaalaa akka jiran karaa TV biyyattii ibsaniiru.

''Tarii argachuu dandeenyaa kan jedhu sirriitti beekuu baannus garuu yaaluu qabna,'' jechuun dubbatan Nikoolaay.

Dirooniin kun Galaana Gurraacha keessatti argamuunsaa kan mirkanaa'u yoo ta'e Ameerikaan kallattiidhaan waraanicha keessatti hirmaachuu ishee agarsiisa jedhan qondaalli Raashiyaa kun.

Qondaalli olaanaan Waashingitan Joon Kirbii gamasaaniin Ameerikaan diroonittii barbaadaa jiraachuu ibsaniiru.

Diroonii kana Raashiyaan yoo isaan dursitee argatte, odeeffannoo nageenyaa fi tikaa akkaan barbaachisaa ta'e waan argattuuf kun balaa guddaadhas jedhan.

Qondaalli waraanaa olaanaa Ameerikaa Jenaraal Maark Miileey ergaa qondaala kanaan walfakkaatu dabarsan.

Garuu US odeeffannoon akkaan murteessaa ta'e xiyyaara kana keessa akka hin jiraannee fi salphaatti akka hin argamneef dursitee tarkaanfii fudhatte qabdi jedhan.

Gadi fageenyi galaanichaa hanga meetira 1,500 ta'uu kan kaasan qondaalli kun, kun ammoo hojiin diroonii kana baasuu salphaa akka hin taane agarsiisa jedhan.

Kibxata (Bitootessa 14, 2023) atakaaroo xiyyaarota gidduutti daqiiqaawwan 30-40 gidduutti mudateen dura, jeettiiwwan waraanaa Raashiyaa, irra deddeebiin diroonii Ameerikaa kanarratti boba'aa jiksaa turuu Ameerikaan himatte.

Kaattuun diroonii Ameerikaa MQ-9 Riipar jedhamu 20m dheerata
Ibsa waa'ee suuraa, Kaattuun diroonii Ameerikaa MQ-9 Riipar jedhamu 20m dheerata

Dubbi himaan Peentaagon Birgaader Jenaraal Paat Raayidar gaazexeessitootaaf akka ibsanitti, dirooniin kun taatee mudateen tajaajilaan ala taatee sadarkaa balali'uu hin dandeenyerra geesse.

Walitti bu'iinsa mudateen jeettiiwwan waraanaa Raashiyaas miidhamuu akka hin hafne ibsan.

Raashiyaan garuu jeettiiwwan waraanaa lameen Su-27 jedhaman diroonii kana waliin gonkumaa akka walitti hin buune ibsite.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa dirooniin Ameerikaa kan kufteef sochii ofiishee taasistee fi meeshaan quunnamtii jalaa baduun ta'uu eere.

Dirooniin kun kuftee caccabuu hordofee Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyid Ostiin, gitasaanii kan Raashiyaa Sargee Shooyiguu waliin bilbilaan dubbachuu ibsaniiru.