Jeettiin Raashiyaa fi dirooniin Ameerikaa walitti bu'an

Diroonii ol fageenyaaf hojjatamte

Madda suuraa, Getty Images

Jeettiin waraanaa Raashiyaatiifi dirooniin Ameerikaa walitti bu'uudhaan xiyyaarri nama maleessa ture galaana Gurraache keessatti akka dhidhimu taasifamu, Waraanni Ameerikaa beeksiise.

Waraanni Ameerikaa akka jedheetti, diroonii qabeenyummaansaa kan US ta'e osoo ergama basaasaa idilee isaa naannoo qilleensa idil-addunyaa keessatti taasisaa jirtuu jeettiiwwan Raashiyaa lamaan danqamuuf yaalamte.

Awurooppaatti Ajajaan US, balaan guyyaa Kibxataa mudate kunis kan ''hanqina ogummaa Raashiyaanootaatiin'' mudateedha jedheera.

Itti dabalunis Ameerikaafi michoonni ishee naannicha keessa socha'u itti fufuu. Haata'u malee taatee kana ilaalchisee hanga yoonaatti Raashiyaadhaan kan jedhame hin jiru.

''Xiyyaarrii MQ-9 keenyaa wayita xiyyaaroota Raashiyaatiin danqamteetti naannoo qileensaa idil-addunyaa keessatti oppareeshiniiwwan idlee gaggeessa turte. Kunis MQ-9'n akka cacabduufi guutummaan akka baddu taasiseera'' jedhe ibsi Ameerikaa.

Osoo waliitti hin bu'iin dura yeroo baayyeedhaaf jeettiiwwan waraanaa Su-27 diroonittii irratti ''ofii eeggannoo malee, haala naannoof of eeggannoo hin qabneefi ogummaan ala ta'een'' biba'aa irratti gadheeseera.''

Dirooniin MQ-9 xiyyaara nama maleessaa guddaa kan balallaansaa dheerina meetira 20 qabuufi to'annoo ol fageenyaaf hojjatamaniidha.

Shaashaan Joshii, gulaalaan Barruu Ecomnomist raayyaa ittisaa, tarii Raashiyaanooti diroonicha waan komunikeshinii isaaniitiin ol balalii'aa tureefusodaatanii ta'u mala jedha.

Wayita danquudhaaf yaalaniitti gutummaa guutuutti baduun isaa garuu baayyee kan hin baramneedha, jedheera.