Roobootiwwan mi'a suuqiirraa manatti namaaf geessan

Roobotiwwan Inglaand handaara magaalaa Liidisitti waan suuqii bitamu manatti namaaf geessaa jiru.
Tajaajilli mi’a suuqiirraa bitamu manatti namaaf geessuu ji’a sadiif turu kun Sadaasa baranaa eegalame ture.
Tajaajila waan suuqii bitamu roobotiin manatti namaaf geessu jiraattota 20,000 magaalaa Adel fi Tinshil jiraatan tajaajila.
Manni Maree magaalaa Liidis tajaajilli kun amma ji’a Adoolessaatti akka itti fufu kan eeyyame yoo ta’u, namoonni %75 roobotiin mi’a suuqii ykn dukkaanarraa namaaf fiidutti gammaduu himan.
Manni Maree magaalaa Liidis ammatti tajaajila mi’a roobotiin manatti namaa geessu kana, iddoo birootti bal’isuuf karoora hin qabu jedhe.
Roobotiwwaan kun fageenya gabaabaaf konkolaattoonni akka hin marmaarre hambisuuf yaadameti jedhan qondaalli biyyattii tokko.
Karoorri robootiin mi’a suuqirraa manatti namaa geessu kun yeroon turtiisaa dheereffamuun, dhiibbaa hawaasarratti uume hubachuu fi pirojektichi kaarbooni qilleensa faalu hir’isuufi dhiisuu isaa adda baasuuf yaadameeti jedhan qondaaltonni kun.
Qorannoon dhimma kanarratti wayita gaggeeffamu namoota 432 keessaa %40 roobotiitti gargaraamanerra jedhan.
Namoota gaafataman keessaa %75 ammoo tajaajilichi kutaalee magaalichaa kan biroo keessatti eegalamuu qaba jedhan.
Namoota dhimma kanarratti gaafataman keessaa harki walakkaan roobotiin konkolaataan mi’a suuqiirraa fudhachuuf nu gargaare jedhan.
Manni Maree magaalaa Liidis dhaabbata teekinolojii Starship jedhamu waliin ta'uun tajaajila kana kennuu eegale.
Roobotiiwwan kun ulfaatina salphaa kan qabanii fi saffisa namni ittin deemu gitu qabu - sa’aatiitti km6 kan hin caalle adeema.

Madda suuraa, STARSHIP TECHNOLOGIES
Roobootiwwan kun:
- Karaa imaltootaaf daandii cinatti tolfamerra imalu, akkuma imaltoota lafoottis daandii qaxxaamuru.
- Roobootiwwan kun kaameraawwan 10, seensaroota altiraasaawundii, raadarii fi GPS ofirraa qabu.
- Naannoo isaanii karaa hundaa ykn digrii 360 arguu kan danda’an yoo ta’u, dandeettiii waanta naannoosaanii adda baasuuf gargaaru fi gufannaa isaan dhorku qabu.
- Roobootiwwan kunneen agartuu kompiyuutaraa (computer vision) fi mosaajiwwaan; konkolaataa, imaltoota lafoo, ibsaa tiraafikaa fi karaa lafoo irra deemamu adda baasuuf gargaaru ofirraa qabu.












