Ogeessi naachaa miidhaa saalaa saroota irratti raawwate hidhame

Addaam Biritan

Madda suuraa, ABC News

Ibsa waa'ee suuraa, Addaam Biritan qorattoota naachaa addunyaa irratti adda duree ta'an keessaa tokko ture

Ogeessi naachaa beekamaan lammii Biriteen saroota hedduu irratti miidhaa saalaa raawwachuu isaan Awustiraaliyaa keessatti waggaa 10 fi ji'a shaniif hidhame.

Akeekkachiisa: Oduun kun gara jabummaa bineensota irratti raawwatame kan nama dhiphisuu danda'u of keessaa qaba.

Ogeessi bineensotaa kan filmiiwwan BBC fi Nashinaal Ji'ograafii irratti hojjete Addaam Biritan bineensota irratti gocha gara jabummaa raawwachuun himannaa 56 irratti dhiyaate amanee fudhateera.

Akkasumas miidhaa saalaa daa'imman irratti raawwatamu daawwachuun himannaa afur irratti dhiyaate fudhateera.

Maanguddoon ganna 53 kun hanga hunduu du'anitti bineensota kana dararaa akka turee fi osoo gocha kana raawwachaa jiruu viidiyoon of waraabee, maqaa fakkeessaatiin toora interneetii irratti qooduu himan.

Miidhaan isaa kun waggootaaf osoo hin hubatamin hafe. Garuu viidiyoo isaa tokko keessatti ragaan tokko mul’ate.

Ebla bara 2022 erga manisaa sakatta'ameen booda to'annoo jala oole.

Bal'inni yakkasaa garmalee badaa waan ta’eef maxxansuuf hin tolu. Gochisaa baayyee "fokkisaa" waan tureef abbaan murtii yeroo tokko tokko namoonni mana murtii keessaa akka bahan akeekkachiisa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan murtii olaanaa Maayikeel Giraaant “jal’inni keessan yaada namaa idilee kamiinuu ala ta’a,” jechuun Biritanitti himuu Asoosheetid Prees Awustiraaliyaa gabaaseera.

Yeroo duraan hidhame dabalatee, Biritan Ebla 2028tti dhiifama argachuuf ulaagaa guutuu danda'a.

Akkasumas umurii isaa guutuu hoosistoota kamiyyuu akka hin qabaanne dhorkameera.

Abukaatoon isaa yakka kana kan uume, dhibee hin baramne kan fedhii saalqunnamtii cimaa akka qabaatu isa taasisu jechuun falmeera.

Miidhaa waggoota hedduu ta’e

Weest Yoorkishaayir keessatti kan dhalatte Biritan, UK keessatti guddatte waggoota 20 dura naacha wajjiin hojjechuuf gara Awustiraaliyaa osoo hin deemin.

Zooloojiin PhD kan qabu, ogummaa isaatiin addunyaa irratti maqaa gaarii horatee ture.

Garuu bineensota irratti "fedhii saalqunnamtii badaa" qaba ture.

Biritan umurii isaa waggaa 13’tti fardeen gudeeduu jalqabe.

"Ijoollummaa kootti bineensotaatti baay’een jal’adha ture, garuu ukkaamsee ture." Waggoota muraasa darban keessa ammas gadi dhiiseen ture, amma immoo dhaabuu hin danda'u. Hin barbaadu," jechuun ergaa tokko mana murtiif akka ragaatti dhiheessaniin barreesse.

Yoo xiqqaate waggoota kurnan darbaniif Biritan bineensota mana isaatti fayyadamee, namoonni biroo saroota isaanii akka isaaf kennan godheera.

Yoo xiqqaate saroota 42 gudeede, isaan keessaa 39 ajjeesuu ragaan mana murtii BBCn arge ni mul'isa.

Reeffa saroota kanaa akkamitti akka gatan gaafatamnaan, Biritan - kan mana keessatti naacha saddeet qabu "gariin bineensota biroo nyaachisa" jedhan.