Jarmaniitti qeerransi modeelistii suura ka'aa turterra miidhaa geessise

Madda suuraa, DPA/PA Media
Modeeliin ganna 36 Baha Jarmanii mana agarsiisa bineensotaatti osoo suuraa kaatuu qeerransi (leopard) miidhaa irraan gahe.
Dubartiin bineensota jaallachuun beekamti jedhamtee fi modeelii taate mana qeerransi lama Tiraayii fi Paaris jedhaman jiraatan keessa seentee osoo suuraa kaatuu, qeerransi mataa isheerra miidhaa guddaa geessiseera.
Poolisiin akka jedhetti gaafa Kibxataa miidhaa jabaan irra geenyaan yaalaaf hospitaala galteetti.
Ergaan akeekkachiisa moobayila irratti qeerransi lameen ergasii manichaa bahanii alatti fiigan jedhu soba tahe.
Qondaaltonni Bargenlaandi uummata bal'aa irra miidhaan gahu hin jiru, mana jireenyaa bineensotaa Nebraa kan kutaa bulchiinsa Saksoonii Aanhalti keessatti maaltu tahe kan jedhu qoratamaa jira jedhan.
Gaazexaan Jarmanii miidhamtuun Jeesikaa Leedoolf jedhamti jedhe. Suuraa akkamii akka ka'aa turtee fi eenyu akka qindeesse ifa miti. Akka odeeffannoo marsariitii isheerrati ibsametti farda, adurree, simbira paarotii fi gugee manaa qabdi.

Abbaan qabeenyaa bakka isheen deemte sanaa yaada kennuu hin barbaanne. Garuu akka marsariitii isheerratti himtetti bineensotni manicha keessa jiraatan agarsiisa TV, fiilmii fi beeksisaa keessatti 'Game of Thrones' hanga agarsiisa BMWtti viidiyoon waraabamuun ni agarsiifamu.
Haalli jireenya bineensota, amalaa fi nageenyi bakkichaa ogeessota bineensotaa naannichaan ji'a kana keessa ilaalamaniiru jedhan qondaalonni naannichaa.
Garee mirga bineensotaaf falmu Peta'n haleellaa dhaqqabeen booda qeerransi kunneen bakka naga-qabeessa galiif jecha hin miidhamne jiraachuu qabu jedhe.














