Adamsituun qeerransa 70 ajjeesuun shakkamu barbaacha waggaa 20 booda qabame

Madda suuraa, Getty Images
Habiib Taaluukdaar, Habiib Qeeransicha jedhamuunis ni beekama.
Qeerransa 70 adamsee ajjeesuun himatamee waggoota 20'n darbaniif barbaadamaa kan ture Habiib, ajaji hidhaa yeroo sadi erga irratti ba'ee booda yeroo ammaa poolisiidhaan to'atameera.
Habiib bosona Sandaarbaansi Maangiroov kan daangaa Indiyaa fi Baangilaadash gidduutti argamu keessa naanna'uun adamoo adamsaa ture.
Bosonni adamsituun kun keessa socho'aa ture bakka qeerransi gosa Beengaal jedhamu keessatti argamudha.
Akaakuun qeerransaa kun biyyoota addunyaa kamuu caalaa bakka kanatti argama.
Yeroo ammaa garuu lakkoofsi qeerransaa akkaan gadi bu'eera.
Foon, gogaa fi lafeen qeerransa Beengaal addunyaarratti akkaan barbaadamuurraa kan ka'e akaakuun qeerransaa kun sababa adamoon dhumaa jiru.
Yakka kanaaf adda durummaan kan himatamu Habiib, waggootaaf dheessaa ture jechuun Ajajaan Poolisii Saayidar Raahmaan miidiyaa biyya keessaatti dubbataniiru.
Namni umrii ganna 50 Habiib, adamsituu qeerransaa ta'usaan duratti damma oomishuun ture hojii bosona keessaa kan eegale.
Namni damma oomishee muruun beekamu Abdussalaam, Habiib nama uummata naannootiin kabajamuu fi sodaatamu ta'uu AFP'tti hime.
"Bosona keessatti kophaasaa nama qeerransaan wal'aansoo qabudha,'' jechuun dubbate.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Qondaalli poolisii Abdulmannaan, poolisii fi bulchiinsi bosonaa waggoota dheeraaf Habiibiin adamsaa akka turan himan.
"Waggoota dheeraa dura seera kaa'ame cabsuun bosona seenee bineenosta bosonaa ajjeesaa ture. Osoo himati irratti banamee jirullee gochasaarraa of hin qusanne turre. Yakka kana gareesaa waliin ta'uun raawwataa turan,'' jedha qondaalli poolisii kun.
Sakatta'iinsaa fi hordoffii waggootii digdamaa booda adamsituu Habiib Sambata darbe to'annoo seeraa jala ooleera.














