Hubannoo nam-tolchee (Al)n carraa hojii %40 ta'u fudhachuu danda'a- IMF

AI carraa hojiitti yaaddoo ta'aa jira

Madda suuraa, Getty Images

Akka xinxala haaraa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF)tti hubannoo nam-tolchee (AI) hojiiwwan hunda keessaa carraa hojii gara %40 fudhachuu akka danda'u beeksiise.

Daareektarri Bulchiinsa dhaabbaticha IMF Kiristaalinaa Joorjivaa akka jedhaniitti, ''haalawwan baayyee keessatti hubannoo nam-tolcheen carraa hojii fudhachuun alattis wal qixxummaa harbeessuu danda'a.''

Aaddee Joorjiivaan itti dabaluudhaan, qaamooleen imaammata baasan ''adeemsa yaaddeessaa'' kanaaf furbaata barbaachuun ''teknolojiin kun muddama hawaasaa akka hin cimsine dhorkuu qabaatu'' jedhan.

Bu'aawwaniifi yaaddoowwan hubannoo nam-tolchee kanaa babal'ataa jiraachuu ifa ta'aa dhufeera.

IMF akka jedheetti, hubannoo nam-tolcheen diinagdeewwan ciman keessatti carraa hojii gara %60 irratti dhiibbaa olaanaa uumuu danda'a. Kanneen keessaa isaan wallakkaa ta'an hojjattoonni teknolojii hubannoo nam-tolchee irraa fayyadamoo akka ta'an eeguu ni danda'u, innis oomishitummaasaanii ni dabala jedhe.

Taatee biraatiin ammoo, hubannoo nam-tolcheen hojiiwwan gurguddaa ammaan tana namaan hojjatan hojjachuuf dandeettii qaba. Kun ammoo fedhii hojjataa gadi buusuu, kanfalii miidhuufi sirumaa hojii balleessuu danda'a.

Kun osoo kanaan jiruu, biyyoota guddina irratti argaman keessatti tekinolojiin kun hojiwwan %26 qofa irratti miidhaa qabaachuu ibse pirojaktiin IMF kun.

Aaddee Joorjiivaan ''biyyoonni kunneen baayyeen isaanii faayidaa hubannoo nam-tolchee kanatti fayyadamuuf kan bu'uuraalee misoomaa ykn humna leenjii'ee hin qabnedha. Kanaafuu tekinolojiin kunis wal jalaan kan garaagarummaa saboota jidduu jiru harbeessu ta'u danda'a,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigalattis kanneen galii olaanaa qabaniifi hojjattoonni dargaggoonni erga hubannoo nam-tolchee simatanii booda, mindaa isaaniirratti daballii walhin simne argu danda'u.

Hojjattoonni umuriin lafa bulaniifi kanneen galii gaadaanaa qaban ammoo, gara booddeetti hafu akka danda'a amana IMF.

''Kanaafuu, biyyoonni hundi hidhata seeftiineetii hawaasa hammatu hundeessuun hojjattoota balaaf saaxilamoo ta'aniif sagantaa leenjii irra deebii kennuun murteessaadha'' kan jedhan Aaddee Joorjiivaan, ''kana gochuudhaanis ce'umsa teeknoloojii hubannoo nam-tolchee caalaa hirmaachisaa, jireenyaaf of eeggannoo kan taasisuufi wal qixxummaa dhabiinsa hambisuu ni dandeenya,'' jedhan.

Xinxalli IMF kunis kan dhufe wayita dureewwan diinagdeefi siyaasa addunyaa Fooramii Diinagdee Addunyaa irratti Siwiizarlaandi- Daavoos keessatti waliitti qabamaniitti ture.

Appiiwwan akka ChatGPT jiran jaalatummaansaanii dabalaa dhufuu hordofuunis AI ijoo marii ta'eera.

Teeknolojichi addunyaarratti to'annoon dabalataa mudataa jira. Baatii darbe, Qondaaltoonni Gamtaa Awurooppaa fayyadama AI to'achuudhaaf addunyaarratti seera waliigalaa jalqabaa fayyadama AI to'atu irratti waliigalaniiru.

Paarlaamaan Awuurooppaas jalqaba bara kanaarratti seera AI dhiyaatee irratti sagalee kan kennu yoo ta'u, ta'us yoo xinnaate hanga bara 2025tti seerri hojiirra ooluu hin jiraatu.

Ameerikaa, UK fi Chaayinaanis qajeelfamawwan hubannoo nam-tolchee mataasaanii ganaa hin baafne.