Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa al-Shabaab Moqadiishootti hoteelarratti baneen namootni kudhan ajjeefaman
Haleellaa al-Shabaab magaalaa Mooqadishootti hoteela tokko irratti baneen namootni kudhan ajjeefamuu qondaalonni nageenyaa Somaaliyaa himan.
Poolisiin akka jedhetti, hidhattootni haleellaa raawwatan jalqaba hoteelichaan alatti meeshaa dhohu hidhanii dhoosuun hoteelicha galuun dhukaasa banan.
Dhukaasa bananii sa'a tokko booda hoteela Haayaat darbii gara olii keessa galuun dhokatan.
Humni poolisii addaa namoota hoteelicha keessa turanii fi hojjettoota hedduu baraaraniiru.
Sana booda humni nageenyaa hidhattoota kutaa hoteelichaa keessa dhokatan irratti dhukaasa bananiiru.
"Namootni baay'een baraaramaniiru. Garuu namootni nagaa saddet tahan ajjeefamuun isaanii mirkanaa'eera,'' jedhe qondaalli mootummaa biyyattii Mohaammad Abdiikadir.
Kana dura marsariitiin al-Shabaabitti hidhata qabu gareen hidhattootaa ''humnaan'' hoteela seenuun ''callisanii osoo adda hin baasiin namatti dhukaasaa jiru'' jedhee ture.
Hoteelli Haayaat bakka hojjettootni mootummaa federaalaa itti wal gahuu jaalatan jedhamee beekama.
Namootni sagal miidhamuun hoteelichaa baatamanii baafamaniiru, jechuun Rooyitarsitti hime hogganaan tajaajila ambulaansii Mooqadishoo Aamin, Abdikadir Abdirahaman.
Suuraan hin mirkanaa'iin miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa jiru aarri yeroo hoteelichaa bahu agarsiisa. Iyyaa fi sagaleen dhukaasaas ni dhagahama.
Haleellaan boombii konkolaataa irratti hidhame lama hoteela haayat irratti raawwateera,'' jechuun poolisiin Rooyitarsitti hime.
''Tokko bakka dkorkaa [danqaa] hoteelicha cinaa dhahe, tokko ammoo balbala hoteelichaa dhahe. Hidhattootni haleellicha banan hoteelicha keessa jiru jennee amanna.''
Al-Qaayidaa waliin hidhata jabaa kan qabu al-Shabaab yeroo dheeraaf mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin wal waraanaa tureera.
Gareen hidhattootaa kunneen irra caalaa Kibba fi gidduugaleessa Somaaliyaa to'atanii jiru.
Haa tahu malee, dhiibbaa mootummaa irraan gahaa jiru hanga magaalaa Mooqadishootti babal'isataa jira.
Dhiyeenyas hidhattootni garee kanaa daangaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti dhukaasa bananii ture.
Kun ammoo al-Shabaab tooftaa haraa diriirsaa jiraachuu hin hafu jechiisisera.
Haleellaan Jimaata kaleessaa dhaqqabe erga pirezidaantii haaraa biyyattii Hasan Sheek Mohaammad aangoo qabatanii isa jalqabaati.
Itoophiyaa fi Somaaliyaan dhiyeenya hidhattoota kanneen irratti waliin tarkaanfii fudhachuu fi nageenya irratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Itoophiyaan hoggantoota garee al-Shabaab dabalatee loltoota 800 ol tahan ajjeesera jette haleellaa dhiyeenya baname irratti.