Humnootiin addaa naannoo Somaalee miseensoota Al-Shaabaab marsuun himame

Gareen hidhattoota Islaama Somaaliyaa Al-Shaabaab haala kana dura hin baramneen karaa Somaaliyaan wal daangeessituun Itoophiyaa keessa galuun haleellaa raawwateen miidhaan namootaa fi qabeenya irra gahuun gabaafameera.

Gareen hidhattottaa kunis erga haleellicha raawwateen booda tarkaanfii deebii humni addaa naannoo Somaalee fudhateen, miseensoota hidhattootaa irra miidhaa olaanaan qaqqabuu fi miseensoonni hafa marfamanii akka jiran maddeen dubbatan.

Gareen hidhattoota Al-Shaabaab kunis guyyaa Roobii erga gara daangaa Itoophiyaa keessa galuun haleellaa raawwateen booda, hunma addaa Naannoo Somaalee waliin walitti bu’iinsi cimaan akka ture jiraattoonni BBC’tti himaniiru.

Amaan tanas humni addaa naannichaa eddo Hulhul jedhamuufi Aanaa Hargallee keessatti argamuutti garee hidhattoota islaamaa kanneen maree akka jiru maddeen BBC’tti himan.

Walitti bu’iinsa guyyoota lamaan darban keessa miseensoota garee hidhattoota Al-Shaabaabiifi human addaa naannoo Somaalee jidduu tureen miidhaa qaqqabe ilaalchisuun odeeffannoon mirkanaa’e bahu baatulleen, namoota nagaa dabaltee hidhatoonni hedduun ajjeefamuufi konkolaataawwan gubachun ibsameera.

Qondaalli nageenya naannichaa BBC News Somali dubbise tokko akka mirkaneessaniitti, miseensoonni hidhattootaa aanaa Hargalee keessatti Hulhul keessattu bakka Goldihiir jedhamuutti marfamaniiru.

Garee hidhattootaa kunneenis maaliif gara daangaa Itoophiyaa keessa akka galaniifi kaayyoonsaanii maal akka ta’e wanti barame hin jiru.

BBC New Somali akka gabaaseetti, humni addaa Somaali sakkata’iinsa aanaa Elkaree keessatti haleellaa kanaan dura taasiseen, ollaa Hiiloo Maadoowu jedhamu keessatti meeshaalee waraanaa adda addaa boollaa keessa awwalamee ture argateera.

Kanaanis wal qabatee poolisiin namoota miseensoota Al-Shabaaba jedhaman to’annaa jala kan oolche yoo ta’u, haleellaan amma garicha raawwate kunis kanumaan kan wal qabate ta’u mala amantaa jedhutu jira.

Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen maal jedhe?

Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen (ONLF) haleellaa hidhattoonni garee Al-Shaabaab Adooleessa 20, 2022 eeddoowwan daangaalee Naannoo Somaalee kan biyya Somaaliyaa daangeessan irratti raawwate balaaleeffate.

Gareen hidhattootaa Al-Shabaab daanga Naannoo Somaaleetti magaalaafi ollaawwan godina Afhdeer keessatti argaman irratti haleellaa raawwateen lubbuun namootaa badee, qabeenyaanis barbadaa’uu ONLF ibsa Kamisa Adoolessa 21, 2022 baaseen ibseera.

Maddi oduu Rooyitarsi gamasaatiin ajajaa waraanaa Itoophiyaa waabeefachuu akka gabaaseetti, haleellaa gareen hidhattoottaa kunneen raawwateeniin lammiilee nagaa lama dabalatee namoonni 17 gama Itoophiyaatiin ajjeeffamuu fi miseensoonni garee kanaa 63 ammoo tarkaanfii humnootiin nageenyaa naannoo Somaalee irratti fudhataniin ajjeeffamaniiru jedheera.

Haata’u malee haleellaa kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaatiin hanga yoonaatti kan jedhame hinjiru. Yaaliin BBC qondaaltoota mootummaa dubbisuuf taasisees hin milkoofne.

ONLF ibsa isaa kanaan, tarkaanfii hunmootiin naannichaa hidhattoota kanneen irratti fudhataniin miidhaa cimaan irra qaqabuu fi kanneen harca'uun hafan qulleessaa jirus jedheera.

Akkasumas tarkaanfii garee hidhattootaa kanneen irratti fudhamatu keessatti miseensoonni isaa fi ummanni naannoo Somaalee humnootii nageenyaa naannichaa waliin akka dhaabbataniif ONLF waamicha taasiseera.

Kana malee ‘‘aanga’oonni naannichaa haleellaa kanaafi kanneen kana fakkaatan kan biroo nageenyaafi tasgabbii ummana keenyaa balaarra buusan irratti tarkaanfii atattamaa barbaachisu hunda fudhachu qaba’’ jechuun gaafateera.

Maaltu mudate?

Milishoonni garee Islaamistoota Somaalii-al Shabaab gandoota Itoophiyaa waliin wal daangessan lama keessatti haleellaa raawwachuun namoota nagaa sadiifi qondaaltota poolisii Itoophiyaa dabalatee 17 ajjeesuu ajajaan nageenyaa Ittophiyaa bakka sana ture eeruun Rooyitarsi gabaase.

Rootaris qondaala nageenyaa Itoophiyaa waabeefachuun akka gabaaseetti, garee hidhattoota al Shabaab irraa ammoo 63 ajjeefamaniiru.

Haleellaan daangaa irratti kanaan dura yeroo baayyee mul’atee hin beekne kun kan raawwatame Roobii gareen al Shabaab waliin hidhata qabu gandoota Yeed fi Aatoo jedhaman Somaaliyaa naannoo Bakool keessatti wayita weeraranitti ture. Gareen kun gandoota kanneen irratti haleellaa kan gaggeessan ajajoota isaanii keessaa tokko daangaa gama Itoophiyaatiin jiru keessatti ajjeefamuu hordofee akka ta’e ajajaan humna nageenyaa Itoophiyaa madda oduu kanatti himeera.

Sababa humni nageenyaa Itoophiyaa kan qama humna nagaa Afrikaa ta’e eegumsa cimaa naannichaafi Somaaliyaa keesatti taasisuuf bakkawwan daangaa Itoophiyaatti dhiyoo ta’an irratti haleellaan al Shabaab gaggeessu baayyee hin mul’atu.

Jiraattonni bakka sanaa maal jedhu?

Jiraataan naannichaa BBC News Somali dubbise tokko akka jedhetti, hidhattoonni al-Shaabaab konkolaattota waraanaa 16n gara daangichaa seenuusaanii akka arge dubbata.

Jiraataan biraa naannoo Somaalee irraa BBCn dubbise ammoo, hidhattoonni al-Shabaab eddoowwan naannoo Somaalee fi Somaaliyaa jidduu daangaatti argaman Yuudiifi Atoo keessa akka galanii turaniifi eddoowwan lamaaniittu humnootii addaa naannoo Somaalee waliin waraanni cimaa akka gaggeeffamee ture himan.

‘‘Naannawa lamaanittuu waraana cimaatu gaggeeffamaa ture. Booda garuu hidhattoonni al-Shabaab humna addaa naannichaa cabsuun gara naannichaa seenan,’’ jechuun himera maddi BBCn dubbise kun.

Hidhattoonni kunneenis kaleessa waaree boodaa sa’aatii saddeet irraa kaasee eddoowwan Yuudiifi Atoo jedhaman akka to’atan himuun, Amma Godina Afdeeritti qarqara aanaa Argeelleetti akka argaman dabaluun himeera.

Jiraattoonni naannichaa hidhattoonni dhufaa jiraachu waan hubataniif gara bosonaatti baqachulleen dabaluun himeera.

Ajajaan humna nageenyaa Itoophiyaa sababa miidiyaatti dubbachuuf aangoon hin kennamneef maqaan isaa hin eeramne kun akka jedhanitti, ajajaan al Shabaab maandhee tokko Itoophiyaa keessatti ijaaruudhaaf daangaa ce’e.

Ajajaan humna nageenyaa Itoophiyaa jalqaba kan ajjeefaman qondaaltota poolisii Itoophiyaa 17 jedhanii turanis; boodarra garuu namoonni nagaanis akka keessatti argaman mirkaneeffataniiru.

Akka inni jedhetti poolisiin naannoo Somaalee meeshaalee gurguddaa fi konkolaattota heddu hidhattoota al Shabaab irraa hiikkachuu fi hidhattoota garichaa heddus du'aniiru.

Oduu himaan Oppireeshinii waraana al Shabaab Abdi'asiis Abu Musaab akka jedhetti gareen isaanii mandara lama qabachuun poolisoota Itoophiyaa heddu ajjeesera. Akkasumas meeshaalee waraanaa poolisoota humna addaa Itoophiyaa irraa akka fudhate dubbata Odu himaan kun.

Lakkoofsa hidhattoota al Shabaab du'anii ilaalchisee garuu Musaab yaada kennuu hin barbaanne.

Lakkoofsi namoota du'anii al Shabaabfi aangawoonni Somaaliyaa yookin qaamni biroo kennu yeroo heddu wal hin simu.

Biiron Ministeera Muummee Somaaliyaa Hamza Abdii Baarree akka jedhetti, ministeerri muummee pirezidaantii naannoo kibba Somaliyaa wajjin haasa'eera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Somaalee gama isaatin waa'ee haleellaa kanaa yaada hin kennine.

Muummeen Ministeera Somaaliyaa humni nageenyaa gara naannoo Bakool bakka haleellan itti qaqqabeetti akka bobba'aniif ajaja kenneera jechuun biiron ministeera muummee ibse.

al Shabaab mootummaa Somaaliyaa aangoo irraa buusee seera Shariyaa cimaa ta'een biyyattii bulchuuf irra deddebin biyyattii keessatti haleellaa boombii dhoosuu gaggeessaa ture.