Kaayyoon hidhattoota al Shabaab daangaa qaxxamuruun haleellaa raawwatanii maal ture?

Waggoota soddoomaan dura erga mootummaan jidduugalaa Somaaliyaa kufeen booda, gareen waraanaa deeggarsa gosaa qaban olaantummaa qabachuuf wal waraansa cimaa taasisaa turan.

Booda keessa ammo humnootiidhumti kunneen gosaan ala humna danaa amantaa umuun cimina argachu eegalanii ture. Kanaanis dhiibbaan Gamtaan Mana Murtii Islaamummaa jedhamu bal’achaa biyyoota naannichaa keessatti illeen akka yaaddootti ilaalamuu eegale.

Garee kuni keessattuu ilaalchii Itoophiyaa irratti qabuu fi doorsisni taasisaa ture sababa loltootni Itoophiyaa yeroo sanaa tarkaanfii akka irratti fudhatan sababa ta’e.

Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaas Somaaliyaa keessa seenuun garee Mana Murtii Islaamaa kanneen jiddugalawwan aangoofi diinagdee ijoo hedduu keessaa baasuu danda’ee ture.

Kanaanis garichi dadhabuun, gareen dargaggootaa al-Shabaabi jedhamuufi kan amma Somaaliyaa bira taruun biyyoota ollaa biraatiifillee yaaddoo ta'e hundeeffamuun biyyattii keessaa fi biyyoota ollaa biraa keessatti haleellaawwan shororkaa raawwataa jira.

Gareen hidhattootaa ammaan tana magaaloota gurguddoon alatti eddoowwan hedduu Somaaliyaa to’atee jiruu kun, Somaaliyaa keessatti haleellaa boombii cimaa adda hin cinneefi riphee loolaa raawwachuun badiinsa lubbuu namoota hedduu ta’eera.

Uummataafi mootummaa biyyatiifis qormaata nageenyaa cimaa akka ta’eetti jira.

al-Shabaab Somaaliyaan alatti magaalaa guddoo biyya ollaa Keenyaa Naayiroobii dabalatee eddoowwan garaa garaatti haleellaawwan hin eegamneefi lubbuu hedduu gaaga'u raawwachuun itti gaafatamummaa fudhateera.

Kana malee Yugaandaa kan Somaaliyaa waliin wal hindaangeessineettis haleellaa raawwateera.

Raayyaa ittisa ishee biyya kamuu dursuun kan Somaaliyaatti bobbaafte Itoophiyaan, biyyoota dursanii xiyyeeffannoo haleellaa garee kanaa ta'an keessaa taatullee hanga yoonaatti yaalii malee haleellaa cimaan irratti hin raawwatamne.

Aanga’oonni Tikaa Itoophiyaa gabaasawwan yeroo garaa garaatti baasaniin, karoorawwan haleellaa Alshabaabi fashaleessuu fi miseensoota isaanii to’achu dubbataa turan.

Torban darbee keessa ammo looltoonni hidhattoota kanaa daangaa Somaaliyaa qaxxaamuruun Itoophiyaa keessa galuun haleellaa raawwatan.

Kunis haleellaa waraanaa daangaa keessa galuu ifatti al-Shabaabiin Itoophiyaa irratti yaalamee kan jalqabaati jechuun ni danda’ama.

Haleellaa al-Shabaab daangaa Itoophiyaa keessatti

Hidhattoonni garee al-Shaabaab Adooleessa 20, 2022 daangaa Somaaliyaan Itoophiyaan wali qooddattu qaxxaamuruun magaalota daangaarratti argaman irratti haleellaa banuun lolli cimaan gaggeeffameera.

Itoophiyaan sababii garee riphee lolaa duraanii Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen (ONLF)n, booda ammo sababii sochii al-Shabaabiin daangaa Somaaliyaa waliin itti wal daangeessitu dheeraa gubbaatti raayyaa ittisaa fi human addaa naannoo bobbaasuun to’annoo cimaa taasisaa turte.

Kunis gareen kun akka haleellaa raawwatu ykn gara biyya keessaa dhokatee seenuuf carraa hin kenniineef ture.

Erga waraanni naannoo Tigraayitti eegaleen booda raayyaan ittisa biyyaa naannichaa baanaanis, humni addaa Somaalee kumaatamaan akka lakkaa’aman himamu bakkichatti bobba’uun eegumsa taasisaa ture.

Dhiheenya kanas garee al-Shabaabi haleellaa kan eegalee kallattiidhaan bulchiinsa Itoophiyaa keessatti hinturre.

Gareen al-Qaa’idaa waliin hidhata qabaachu himamu kunis guyyicha karaa Somaaliyaan Itoophiyaa wal daangeessituun eddoowwan Yoodii fi Atoo jedhaman irratti ture.

Kanas hordofuun miseensoota poolisii addaa naannoo Somaalee waliin waraanni cimaan gaggeeffamuun gama lamaaniinuu miidhaan qaqqabuu jiraattonni naannichaa fi qondaaltonni dubbachuun gabaafame.

Haleellaan garee kanaas achuma daangaa irratti hin dhaabbanne. Jiraattoonni BBC'n dubbisee akka jedhaniitti, hidhattoonni garichaa hedduun konkolaataadhaan gara Itoophiyaa seenuun Naannoo Somaalee, godina Afdeer keessatti waraana humna adda naannoo Somaalee waliin gaggeeffameen miidhaan qaqqabeera.

Miidhaalee haleellichaan qaqqaban

Eddoowwan Yuudii fi Atoo jedhaman karaa Somaaliyaan Itoophiyaa daangessituun kiloomeetira baayyee waliirra fagaatanii argamu.

al-Shabaab jalqaba Atoo irratti haleellaa erga raawwateen booda haleellaa lammataa Yuudoo keessatti raawwate.

Waraana erga garichi daangaa qaxxamuruun Itophiyaa keessa seeneen booda gaggeeffameen Naannoo Somaalee, Godina Afdeer keessatti miseensoonni garichaa hedduun ajjeeffamun ibsameera.

Kanneen hafan ammo humni addaa naannichaa aanaa Hargallee keessatti bakka argamtu Hulhul keessatti marfamu BBCn gabaasun ni yaadatama.

Waraana garee hidhattootaa kanneeniifi humna addaa naannoo Somaalee jidduutti guyyoota sadiif gaggeeffameen, namoota nagaa dabalatee hedduun ajjeeffamuufi konkolaattonni hedduun gubachuu jiraattoonni ni dubbatu.

Haleellchi ilaalchisuun motummaan federaalaafi naannoo Somaalee omaa bakka hin jedhinitti, dubbi himaan oppareeshinii waraana al-Shaabaab, Abduyaasiis Abbu Musaab, Somaaliiyaa keessatti gandoonni lama to’annoo garichaa jala oolfamuu, waraana gaggeeffameenis miseensoonni humna addaa poolisii naannichaa hedduun ajjeeffamuu Rooyitarsiitti himee ture.

Dubbi Himaan garee hidhattoota kanaa garuu haleellaa bulchiinsa Itoophiyaa keessatti raawwatame fi miidhaa garee isaa irra qaqqaberratti homaa hin jenne.

Haleellichi raawwatamuun dursa kan dhagahame ONLF irraa ture.

ONLF ibsa Kamisa Adooleessa 21, 2022 baaseen, shororkeessaa jechuun kan waame al-Shabaab haleellaa raawwachuun namootaafi qabeenyaa irraa miidhaan akka qaqqabee fi mootummaan naannichaa nageenya uummataa kabachiisuuf tarkaanfii atattamaa akka fudhatuuf gaafate ture.

Naannoon Somaalee ammoo halellaa garee alShabaab kana hordofuun waraana human addaa naannichaa waliin guyyoota sadiif taasiseen miseensoonni garichaa 100 ol ajjeeffamuu, konkolaattoonni 13 barbadaa’u fi hidhannoofi qalabni boji’amu kan ibse Sambata Adooleessa 23, 2022 ture.

Sababii fi kaayyoo haleellichaa

Hanga ammaatti kaayyoofi sababiin haleellaa al-Shabaab kun maal akka ta’e ibsamu baatulleen, garuu ammo naannoo Somaalee keessatti taateewwaniifi haalliiwwan hidhata qaban haleellichaan dura akka turan himama.

Ajajaan human addaa Naannoo Somaalee tokkoo Rooyitarsitti sababii haleellichaa ta’u danda’a jedhan yoo himan, ajajaan hidhattoota al- Shabaab tokkoo dame garichaa Itoophiyaa keessatti hundeessuuf gara Itoophiyaa erga seeneen booda ajjeeffamu yaadatu.

Kana malees, haleelichaan dura humni addaa naannoo Somaalee, naannichatti aanaa Elkaree keessatti kan argamtu Hiiloo Maadoow ollaa jedhamtu keessatti sakkatta’insa taasiseen meeshaalee waraanaa gosa adda addaa boolla keessatti awwaalamee ture argate ture.

Kanaan wal qabatees, poolisiin namoota miseensoota al- Shabaab jedheen to’annaa jala kan oolche yoo ta’u, haleellaan amma al-Shabaab raawwate kunis kana waliin kan wal qabatu ta’u danda’a amantaa jedhu qaba.

Callisa guyyootaan booda Sambata ibsa kan baasee Manni Maree Nageenyaafi Tika Naannoo Somaalee, ‘‘Gareen hidhattootaa al-Shabaab godina Afdeer keessa galee ture ganda Hulhul jedhamtutti erga marfameen booda tokkoonsaanii osoo hin hafne guutummaatti barbadaa’aniiru,’’ jedhe.

Itti dabaluunis, hidhattoonni al-Shabaab kunneenis karaa Aanaa Elkaree keessa bahuun ‘‘naannoo Oromiyaa seenee garee Shanee jedhamu waliin wal arguuf kaayyeeffate ture’’ jedhe. Haata’u malee kanaan dura gareen hidhattootaa al-Shabaabiifi Waraanni Bilisummaa Oromoo kan motummaa ABO- Shanee jedhuun shororkeessaa jedheen kun hidhata qabaachusaanii ilaalchisuun kan jedhan hin turre.

Gareen al-Shabaab mataansaa hanga yoonaatti maaliif yeroo kanatti gara Itoophiyaa seenuufi haleellaa raawwachu akka barbaadee irratti kan jedhe hin jiru.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa gamasaatiin haleellaa kana ilaalchisee hanga ammaatti kan jedhe hin jiru.

Haata’u malee ragaaleen tikaa yeroo garaa garaatti ifa taasifaman, gareewwan biyya keessaa seeraan ala jedhamaniin alatti, al-Shabaabiifi IS yaaliiwwan keessaattuu magaalaa guddoo keessatti haleellaa raawwachuuf turan fashalaa’uufi miseensoonni isaanis to’atamuu ibsaa turan.

Ibsa Adooleessa 23, 2022 Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa biyyattii baaseen, miseensoota garee hidhattootaa Somaaliyaa al-Shabaab fi garee shororkeessaa addunyaa IS kanneen magaalaa Finfinnee keessatti haleellaa shororkeessummaa raaawwachuf turan to’achu himeera.