Naannoon Somaalee miseensota Al Shabaab 100 ol ajjeesuu ibse

Dhiyeenya miseensotni hidhattoota gartuu al-Shabaab 100 ol gara Itoophiyaa seenan ajjeefamuu isaanii Manni Maree nageenyaa Naannoo Somaalee beeksise.

Duula guyyaa sadiif gaggeefameen miseensotni al-Shabaab 100 ol ajjeefamuu isaanii fi guutummaa guututti barbadeeffamuu isaanii manni maree kun ibsa Kamisa Aoleessa 14, 2014 irratti baaseen ibeera.

Guyyoota saddeet dura nannoo Atoo jedhamuun gara nannoo Somaalee Godina Afdeer jedhamu seenuu isaa ibsuun, gartuun al Shabaab hidhattootaa Waraana Adda Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan Shanee jedhee waamu waliin wal arguuf karoorfatee ture jechuun ibsi kun ni eera.

Miseensotni al Shabaab Godina Elkaree keessa darbanii gara naannoo Oromiyaa seenuun hidhattoota WBO waliin wal arguuf karoorfatanis, bakka yaadan akka hin geenye ibsameera.

Konkolaattonni hidhattootaa kanaa 13 gubachuu isaanii fi meeshaleen waraanaa qabatanii seenan booji’amuun ibsameera.

Itoophiyaa irratti haleellaa gaggeessuun seenaa kan hin qabne al Shabaab, kana dura haala hin baramneen daangaa ce’ee erga biyyattii seenee booda poolisii addaa naannoo Somaalee waliin lolli guddaa gaggeeffamee akka ture jiraattonni BBC’tti himaniiru.

al Shabaab dhiyeenya naannoolee daangaa irratti haleellaa gaggeeseen wal qabatee, gartuu kanarra miidhaan guddaa akka ga’e maddeen isaa eeruu kan gabaase Reuters, poolisiin naannoo Somaalee meeshaa waraanaa matarayyasii fi konkolaattota gartuchi irraa booji’uu isaa gabaaseera.

Haaluma wal fakkaataan dubbii himaan gartuu al Shabaab, gartuchi gandoota lama to’achuu, miseensota poolisii addaa hedduu ajjeesuu fi meeshalee waraanaa hedduu booji’uu isaani Reuters’f kan ibse yoo ta’u, waa’ee miidhaa hidhattoota gartuchaa irra ga’e dubbachuu irraa garuu of qusateera.

Duula waraanaa guyyaa sadiif gaggeeeffameen, humni addaa naannoo Somaalee ga’ee guddaa akka qabaate kan ibse Manni Maree Nageenyaa Naannoo Somaalee, uummatni naannoo Somaalee nyaataa, uffataa fi dhiiga gummaachuun human addaa bira dhaabbataniiru jedha.

Dabalataanis milkaa’ina duulicha ilaalchisee odeeffannoon jiran uummataaf ifa akka taasifaman manne maree kun ibseera.

Haaluma wal fakkaatuun gara magaalaa Finfinnee seenuun haleellaa shorkeessummaa raawwachuuf turan kan jedhaman miseensotni gartuulee adda addaa 450 ol ta’an qaamoolee ageenyaan to’annoo jala oolfamuu isaani Manni Maree tasgabbiifi nageenyaa federaalaa ibsa kaleessa Adoolessa 16/2014 baaseen beeksiseera.

Kanneen keessaas miseensotni gartuu al Shabaab fi gartuu shorkeessaa idil addunyaa IS 31 Finfinnee keessatti haleellaa shororkeessummaa gaggeessuu fi goolii uumuuf utuu socho’anii namoota 454 qabaman keessaatti ni argamu jedheera.

Somaaliyaa keessatti haleellaa gurguddoo gaggeessuun kan beekamuu gartuun Islaamummaa ibsa ofiin jedhu Al Shabaab, darbee darbee biyyaa olla Keeniyaa keessattis haleellaa gaggeessuun ni beekama.

Ta’us garuu waggootii muraasa duraa eegalee, loltoota sihee Somaliiyyatti bobbaasuun gartuu kana loolaa kan jirtu Itoophiyaa irratti gartuun kun haleellaa kana jedhamu gaggeessee hin beeku.