Miseensotni Al-Shabaab, IS fi finxaaleyyiin Faannoo magaalaa Finfinnee irratti haleellaa raawwachuuf turan jedhaman to'ataman.

Miseensotni Al-Shabaab, IS fi finxaaleyyii Faannoo magaalaa Finfinnee irratti haleellaa raawwachuuf turan jedhaman 454 to'atamuu mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Miseensotni garee Al-Shabaab, IS, finxaaleyyii Faannoo, ABO Shanee fi kaan loyanii gara magaalaa Finfinnee galuun haleellaa gaggeessuuf turan jedhamuun shakkaman 454 humnoota nageenyaan to'annoo jala oolfamuu isaanii ibsa Humni Qindoomina Waloo Nageenyaa fi Tika biyyattii baaseen eerame.

Miseensonni Faannoo osoo dhaabbilee raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii irraa beekamtii hin argatiin dargaggoota filuun, dhoksaadhaan leenjisuu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa hidhachisuun uummanni akka shororku taasisuufi yakkawwan biraatiin shakkaman jedhaman 5,804 to’atamuu motummaan Itoophiyaa ibse.

Humni Qindoomina Waloo Nageenyaafi Tika Federaalaa, ibsa Sanbata Adoolessa 23, 2022 baaseen akka jedhetti, gareen finxaaleyyii Faannoo kunneen bakka bakkatti socho’uun karaa miidiyaan ergaawwan walitti bu’insa kakaasan tamsaasuu, '‘lubbuu namoota nagaa balleessaa, qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisaa fi saamaa kan turan,’’ fi yakka adda addaan kanneen shakkaman to’annoo seeraa jala oolfamuun qoratamaa jiraachuu ibse.

Miseensota Faannoo to’annoo jala oolfaman keessaa kanneen qaamolee nageenyaa federalaa fi naannoo keessaa ganaan, kanneen mana murtiitiin itti murtaa’ee fi kan osoo to’annoo jala hin oolfamiin turan akkasumas yakka ajjeechaan kanneen barbaadamaa turan akka keessatti argaman ibsi kun eerera.

Kana malees, naannoo Amaaraa bakka adda addaatti walaitti qabamuu fi wal ijaaruun akkasumas miseensota finxaaleyyii diyaaspooraa muraasa biyya alaatti argaman waliin qindaa'un kaayyoo badii raawwachiisuuf maallaqa biyya keessaa fi alaa walitti qabachuu isaanii ibsi kun eerera.

'‘Maallaqa kanaanis meeshaa waraanaa guuttachuu, shaakala dirree waraanaa fi kaartaa riphee loltummaa fudhachuun akkasumas dhoksaadhaan meeshaa waraanaa seeraan alaa gara magaalaa Finfinneetti galchuudhaaf yaalii taasisaa kan turan to’annoo jala oolfamaa jiru.’’

Ibsi kun itti dabaluunis, finxaaleyyiin shakkiin to’annoo jala oolfaman kunnen miidiyaalee finxaaleyyii biyya alaatti argaman fayyadamuun odeeffannoo sobaa tamsaasaa jiru jedhe.

Humni to’annoo jala oole kun hoggantoota naannoo Amaaraa fi federaalaa ol aanoorratti haleellaa rawwachuu fi mootummaa humnaan garagalchuuf akkasuma mootummaa ce’umsaa hundeessuuf dhoksaan socho’aa kan turan '‘finxaaleyyiin Faannoo 14’’ sanadoota icciitii adda addaa qaban hedduu waliin to’annoo jala oolfamuu isaanii dabaluun kaaseera.

Gama biraatiin ammoo miseensoonni gareewwan adda addaa Magaalaa Finfinnee keessa loo’anii seenuun haleellaa shororkaa raawwachuuf turan jedhaman 454 humnootii nageenyaatiin to’annoo jala oolfamuun ibsame.

Haaluma kamaanis miseensoonni ‘‘Faannoo, TPLF, Shanee, Alshaabaa, IS akkasumas okkoraa fi jeequmsa kakkaasuuf yaalii taasisaa turan’’ jedhamun shakkaman 454 ta’atamutu ibsame.

Shakkamtoota Humni Qindoomina Waloo Nageenyaafi Tika Federaalaa to’atamaniiru jedhaman keessaa miseensoota TPLF 174, Shanee 98, kanneen Magaalaa Finfinneetti jeequmsaafi okkoora kaasuuf yaalii taasisuun shakkaman 100 to’atamuutu himame.

Akkasumas miseensoonni gareen Islaamaa Somaaliyaa kan ta’e Alshabaabiifi kan garee shoroorkeessaa idil-addunyaa IS ta’an 31 Magaalatii keessatti haleellaa raawwachuufi jeequmsa uumuuf socho’aa turan jedhamuun, walumaagalatti shakkamtoonni 454 ta’atamu ibsi kun himeera.

Akka ibsa kanaatti, haleellawwan baatii tokkoon dura Magaalaa Gambeellaa fi naannoosheetti akkasumas Gimbiifi Dambi Doollootti raawwataman duuba gareewwan TPLF, Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa, Warraaqsa Dimokraasii Ummattoota Gumuuz fi ABO-Shanee jiraachu ibsi kun himeera.

Humni Qindoomina Waloo Nageenyaafi Tika Federaalaa kun tarkaanfii fudhateen miseensoota garee shorrokeessaa baayyee boojii’uun, 137 ajjeesuus ibseera. Kanaanis haalli nageenyaa furamee naanniichi gara sochii nagaatti akka deebii’u taasifamu kaaseera.