Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaan Al-Shabaab Itoophiyaa biyya rakkoo siyaasaa keessa jirtuuf yaaddoo biraa tahaa laata?
''Caasaan humna nageenyaa cimaan Itoophiyaan duraan ittiin beekamtu dadhabuu isaa irraa kan ka’e haleellaa Al-Shabaabiif haala mijataa uumeera,’’ jedha xiinxalaan siyaasaa Gaanfa Afrikaa Rashid Abdii.
Waraana Kaaba Itoophiyaa, kan naannoo Oromiyaa akkasumas rakkooleen siyaasaa biyya keessaa, ''caasaan nageenyaa fi tika biyyattiin duraan ittiin beekamtu akka laafuuf shoora taphateera'' jedhan.
Akkasumas eegumsa daangaa naannoo Somaalee irraa tureef xiyyeffannoon akka hin kennamne taasisuu akka hin ollee akka yaadan BBC'tti himan Obbo Rashid.
Torbanoota darbe keessa hidhattoonni Al-Shabaab daangaa Itoophiyaa seenuun haleellaa bananii ture.
Humni nageenyaa naannoo Somaalee fi federaalaa waliin ta'uun hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii fudhataniin, 100 ol ajjeesanii konkolaattota isaanii 13 ol barbadeessuu mootummaan himeera.
Al-Shabaab amala riphee loltummaan kan beekamu yoo tahu, haleellaa tibbana gama daangaa Somaaleetti gaggeese irratti garuu hidhattoota 1,500 ol bobbaasuu garichi ibsuu dubbatu Obbo Rashiid.
Al-Shabaab Itoophiyaa akka biyya murteesituutti waan ilaaluuf fedha gudda qabaachuu kan himan Obbo Rashid, yaaliin haleellaa karoorsaa turan humna nageenyaa Itoophiyaan fashalaa’aa turuu himan.
Pirezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Umar waggoota arafan darban hidhattoonni Al-Shaaab naannoo Somaalee galuuf yaalaa akka turanii fi humni addaa naannichaa ittisaa akka ture himan.
Ji’oota saddet dura miidiyaan UK Channel Four jedhamu, gabaasa ajajaa ol aanaa Poolisii naannoo Somaalee koloneel Deeq Abdullaahi waabeefachuu hojjateen, Al-Shabaab daangaa Itoophiyaa irraa kiiloo meetira sadii qofa fagaatee akka jiru dubbatanii ture.
''Loltoota lakkoofsa olaanaatu jira. Keessumaa rakkoo siyaasaa amma Itoophiyaa keessa jiru hordofuun humna hedduu filuun leenjisaa jiru,’’ jedhan ajajaa ol aanaan kun gabaasicha irratti yoo dubbatan.
Haaluma walfakkaatunis sakkata'insa akka tasaa naannoo Somaalee Aanaa Elkaree keessa, ollaa Hiiloo Maadootti gaggeesseen meeshaalee waraanaa bolla keessa awwaalamee ture argamu ibse ture.
Waa’ee haleellichaa hanga ammaatti kan beeknu
Akeekkachisiwwan kunneen erga dhagahamanii baatiiwwan booda, Al-Shabaab Adooleessa 20, 2022 gara daangaa Itoophiyaa seenuun haleellaa kan bane.
Haleellaan jalqabaas gama kutaa biyya Somaaliyaa Baakul jedhamutiin kan eegale. Baakul kutaalee bulchiinsootaa Somaaliyaan qabdu 18 keessaa tokko.
Haleellaan karaa Baakul eegale kun magaalota xixiqqoo daangaa irra jiran sadii; Yoodii, Washaakoo fi Atoo kan hamatedha.
Magaalonni kunneen daangaa Somaaliyaa keessatti kan argaman tahanis dhiheenya daangaa Itoophiyaatti argamu.
Kanaafu gareen Al-Shabaab haleellaa dhiheenya daangaa Itoophiyaa keessatti bane kanaan dursa Somaaliyaa keessatti eegaluun darbuu ragaaleen ni mul'isu.
Haleellaa Adooleessa 20 gareen kun raawwate irrattis humnootasaa garee lamaa akka bobbaasuuf, garee Somaaliyaa irraa qaxxamuree galu tokkoo fi garee gara daangaa Itoophiyaa keessa galuun gara biraa bobbaasuun beekameera.
Itti aansuun Wiixata Adoolessa 25, 2022 waaree booda Somaaliyaa naannawa Feer Shabalee bakka jedhamutti haleellaa lammaffaa gaggeesse. Naannawa kanatti aantee magaalaan daangaa Itoophiyaa Ferfer jedhamtu argamti.
Naannoo Ferferitti magaalaa argamtu Laasquru keessattis waraanni gaggeeffameera.
Waraanni cimaa gaggeeffamuun, loltoonni Al-Shabaab 80 ol ajjeeffamu mootummaan Itoophiyaa kan ibses as Ferfer bakka jedhamtu kanattiidha.
Jiraattoonni naannichaa waraanaa humnoota addaa fi miseensoota garee hidhattoota Al-Shabaab jidduu ture ijaan argan BBC'f mirkanneessaniiru.
Bakki shanaffaan haleellaan salphaa ta'e kan keessummesite ammoo Beresmaan bakka jedhamtu tahuu himan.
Walumaagalatti, wraana hidhattoota Al-Shabaab daangaa Itoophiyaa qaxxamurun galan waliin guyyoota sadiif godhame irratti hidhattoonni 209 ajjeefamuu, konkolaattonni 13 barbadaa’uu fi meeshaaleen waraanaa hedduun booji’amuu mootummaa Itoophiyaa ibsameera.
Humni waraanaa federaalaa poolisii human adda Somaalee waliin ta'uun hidhattoota Al-Shabaab bittinaa’aniiru jedhaman adamsaa kan jiran tahuu himameera. Ergasii waanti haaraan gabaafame hin jiru.
Egaan waraanni guyyoota shaniif humnoota nageenyaa Itoophiyaa fi hidhattoota Al-Shabaab gidduutti gaggeeffame kun hangam nageenya biyyaafi kan naannichaatiif yaaddessaadha?
Al-Shabaab jabaachaa ammoo dadhabaa dhufe?
Xiinxaltoonni siyaasaa fi dhimma nageenyaa gaanfa Afrikaa itti dhiyeenyaan hordofan kan akka Rashid Abdii fa'i, humni waraanaa Al-Shabaab erga yeroo dhiyootiin as jabaachaa akka dhufe amanu.
Erga waggoota muraasaan as humni Al-Shabaab haala siyaasaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa keessaa irratti hundaa’uun jabaachaa akka dhufe himu.
Obbo Rashid Abdii mootummaan Mooqadishoo dhiyeenya kana fedha siyaasaa Al-Shabaab waraanuuf hin qaban jedhan.
Hidhattoonni kunneenis Somaaliyaatti magaalotaa fi naannolee bal’aa keessatti dhiibbaa cimaa uumaa jiru jedhan Obbo Rashid.
Gama Itoophiyaatiin ammoo waraanni kaaba Itoophiyaa, kan naannoo Oromiyaa keessaa fi rakkoo siyaasaa biyyattii waliiglaa eegumsi daangaa naannoo Somaalee akka laaffatu taasiseera kan jedhan Obbo Rashid, kunis garichi daangaa akka seenuuf haala mijeessaaf yaaddoo jedhu qabu.
Haalawwan tokko tokkoo irraa ka'unis Al-Shabaab humnsaa cimfachaa jiraachu hubachun akka danda'amu himu Obbo Rashid.
Gareen hidhattootaa kunis mootummaan Mooqadishoo dadhabaa tahuu fi haala rakkoo siyaasa Itoophiyaa keessaa hubachuun human isaa jabeeffachuun Itoophiyaa seenuu barbaade jedhan.
Al-Shabaabi haleellaa tokko irratti hidhattoota 1,500 bobbaasuun waan mudatee hin beekne kan jedhan Obbo Rashid, kunis garichi Itoophiyaa irraa fedha guddaa qabaachu agarsiisa jedhan.
Humni nageenyaa Gamtaa Afrikaa (AMISOM) Somaaliyaatti Al-Shababiin waraanuuf bobba’e ture ergama isaa xumuruun bahuu karoora dhumaa irra jiraachutu himama.
AMISOM Itoophiyaa dabalatee loltoota biyyoota Afriikaa shan kan of keessaa qabadha.
Humni kunis dhiyeenya keessa waraana Al-Shabaab irratti gaggeesu hir’isuu xiinxalaan siyaasaa Gaanfa Afrikaa ammatti biyya Ameerikaa jiraatan Obbo Faayisal Roobalee ni dubbatu.
Akkasumas, Obbo Faayisal waggoota darban keessa Al-Shabaab sababoota lamaaf jecha humna isaa jabeeffachuu tilmaamuun rakkisaa akka tahe himu.
Pirezidaantiin duraanii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahi Mohammad [Faarmaajoo] hoggantoota maqaan isaanii El Ithihaad waliin wal qabatu waliin hidhata qabu jechuun qeequ.
El Itihaad bara 1990 keessa osoo Al-Shabaab hin hundeeffamiin dura Itoophiyaa irratti garee hidhattootaa haleellaa gaggeessaa turanidha.
Faarmaajoon yeroo aangoo irra turanitti hoggantootni Al-Shabaab hedduun hoggansa isaaniitti makamanii akka turanis himu.
Waggoota rafan daraban keessa Al-Shabaab loltoota lakkoofsaan hedduu tahan filee leenjisuu isaa kan dubbatan Obbo Faayisal kana dura loltoota 10,000 hin caalle akka qabu kan himamaa ture amma gara 30,000 gahuu akka hin oolle dubbatu.
Gara Itoophiyaatti yoo deebinu jalqaba Adda Bilisa Baasaa Uummata Ogaadeen itti aansuun Al-Shabaabiin waraanuuf kan hundeeffame Poolsiin Humna Addaa naannoo Somaalee waggoota sadan darban keessa dubbii ijoo tahuun tureera.
Walitti bu’isa Itoophiyaa keessatti ka’u ilaalchisuun humni addaa naannolee loltoota idilee waliin hidhannoo fi hoggansa wal fakkaataa qaban haa diigaman kan jedhan jiru.
Itoophiyaa keessatti yaadni Poolisii Humna Addda jedhu kan itti jalqabe naannoon Somaalees qeeqa kana keesumeessera.
Obbo Faayisal dubbii pirezidaantiin naannichaa Obbo Musxafeen kennaa turan amantaa poolisii human addaa kana akka dhaban taasiseera jedhu.
Akkasumas daangaa naannoo Somaalee irra humni waraanaa ture hir’achuu isaa irraa kan ka’e, Al-Shanaan daangaa Itoophiyaa darbuun akka biyya keessa galu haala mijataa uumeeraaf jedhan.
Pirezidaanti Musxafeen dhimma barbaachisummaa humna addaa naannoo Somaalee irratti dubbachuuf yeroo isaa miti jedhan.
'‘Haala caaseffama human nageenyaa Itoophiyaa irratti eroo biraa osoo dubbanne wayya. Amma garuu daangaa kan eegaa jiruu fi human biyya balleessuuf dhufe kan addadurummaan kan ittisaa jiru human addaati,’’ jedhan.
Mootummaan haleellicha dursee tilmaamuu hin dandeenyee?
Gabaasaaleen miidiyaalee ada addaa akka jiranitti tahee namootni baay’een Al-Shabaab haleellaa banuu akka danda’u odeeffannoon agarsiisan jiru kan jedhan jiru.
Sodaa kana kan madaalu qophiin addaa garuu gama mootummaan hin gaggeeffamne jedhanii falmu.
Obbo Faayisal akka jedhanitti Al-Shabaab haleellaa gaggeesuuf yeroo karoorsu dursee bu’uuraalee misoomaa waraanaaf barbaachisan qorachuu fi qopheessuun tooftaa isaa keessaa tokko jedhu.
Dhaabbileen gargaarsaa ji’oota afur dura Al-Shabaab haleellaa gaggeessuu akka danda’u odeeffannoo kennanis mootummaan qophii osoo hin taasisiin hafeera jedhan.
Dabalataan Obbo Rashid Abdii xiyyeeffannoo pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafeen nageenya irratti kennan gadi bu’aadha jedhu.
Humni addaa naannichaas akka waggoota muraasa duraa jabaa fi qophaa’aa miti jedhanii amanu.
Pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafeen garuu qeeqa kana hin fudhatan.
''Al-Shabaab waggoota arfan darban naanno Somaalee galuuf yaalii gochaa ture. Kan fashalaa’es ittisaa waan turrefidha’’ jedhan.
'‘Haa tahu malee, adunyaa kam irrattiyyuu guutummaa guutuu of dagachuun hin jiru jechuu miti. Amma haleellaan kan raawwate magaalota daangaa irra jiran keessatti yoo tahu kilo meetira tokkoo ol daangaa keenya hin galle,’’ jedchuun BBCtti himan.
Dabalataan bakkeewan afur Al-Shabaab haleellicha itti bane keessaa sadii irratti haleelamuun tokko qofa darbuu akka danda’e himan.
Isa tahu hordofuun tokkoyyuu osoo hin hafiin tarkaanfii akka fudhatan dubbatan.
'‘Ani amma kaniin sitti dubbacha ajiru magaalaa Ferfer keessa taa’eeni.Kuni lafa Itoophiyaa isa dhumaa daangaa irratti argamudha,’’ jedhan.
Haleellaan Al-Shabaab Itoophiyaaf yaaddoo ittaanu ta'aa?
Hidhattootni Al-Shabaabii fi Itoophiyaan diina waliiti. Bara 2006 Itoophiyaan yeroo hanga Somaaliyaatti qaxxamuruun seentee waraana irratti bante nageenyakoof na yaaddessa jechuun ture.
Gamtaan Afrikaa ergama nagaa kabachiisuun loltoota biyyoota shanii bobbaasuun hidhattoota kanneen waraanaa ture.
Dabalataan Ameerikaan loltoota ishee Somaaliyaatti bobaasuun lolaa turtus bara xumura bulchiinsa Doonaaldi Tiraampitti loltootn US biyyichaa akka bahan murtaa’e.
Baayiden garuu deebisuun Somaaliyaatti akka bobbaasan himanii ture. Kun akka hidhattootni kun irra deebiin of jabeessan carra kennuufii hin hafu jedhani kannen amanan jiru.
Al Shabaab hordoftoota amantaa Islaamaa fi Kiristaanaa Amaaraa fi Oromoo gidduutti garaagarummaa uumuuf jecha miiidyaa isaanii fayyadamuun afaan lamaniin tamsaasaa akka turan himu Obbo Rashid.
Yaaliin haleellaa magaalaa Finfinneetti qindeessaa turanis humna nageenyaa Itoophiyaan fashalaa’aa akka ture kan yaadachiisan Obbo Rashid Al-Shabaab Itoophiyaa irraa fedha guddaa qabaachuu agarsiisa jedhan.
Odeeffannoon tikaa Itoophiyaa dhiyeenya dadhabaa turuu akka carraa tokkootti fayyadamaa jirus jedhan.
Al-Shabaab daangaa Itoophiya keessa hanga kiilomeetira 80 seenee naannoo Somaalee fi Oromiyaa galuun gaarreen qabachuuf yaaluun isaa haleellaa salphaa jedhamu miti’’ jedha Faayisal Roobalee.
“Hoggansi naannichaa Al-Shabaabiin dhiibnee baasneerra haa jedhan malee balleesineerra jechuun hin danda’amu. Itoophiyaan kana dura Al-Shabaabiin biyya haleeltu ture, amma gara ofirraa ittisuutti ceeteetti,’’ jedhan.
Al-Shabaab miila isaa bakka tokko erga galfatee booda, jaarsolii biyyaa fi dargaggoota humnaan qabachuu akasumas tajaajila mootummaa irraa dhabanii turan guutuun tooftaa ittiin qabatudha jedhan.
Bara 2021 ji’a Amajjii keessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa gareen 'Kawarijaa' jedhamu, Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti to'annoo jala oolchuu hime.
Akka ibsa qaamoolee nageenyaa naannichaatti, garee kun al-shabaab waliin hidhata qaba.
Gareen to'annoo jala oolfameera jedhame kunis maqaa 'Islamic State Centre' jedhuun akka of waamu Itti-Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa yeroo Sanaa Obbo Jibriil Ahimed BBC'tti himanii ture.
Akka Aanga'aa kun jedhaniitti, gareen kun namoota filee, kaan mooraa leenjii galchuun, kaan ammoo leenjiif qopheessee osoo jiruu hordoffii qaama nageenyaan to'annoo jala oolfaman.
Kaayyoon isaanii ''humnaan mootummaa ammaa kana garagalchuun mootummaa Islaamaa hundeessuudha'' jechuun himu.
Kun tarii tooftaa Al-Shabaab Itoophiyaa seenuun caasaa isaa itti diriirsuu barbaadu tahuu danda’a kan jedhan jiru.
Obbo Rashid Abdii humni addaa naannoo Somaalee fi tika Itoophiyaa akka durii sana jabaa miti jedhanii amanu.
Pirezidaanti Musxafeen humni leenji’ee gara Itoophiyaa gale ‘’Mujaahidii Itoophiyaati’’ maqaa jedhuun akka of waamu himan.
'Haalichi yaaddeessaadha'
Pirezidaantii haaraan Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad bara bulchiinsa isaanii duraaniitti yaalii ajjeechaa Al-Shabaab irraa yeroo sadii oolaniiru.
Gaaffiif deebii The Econimst waliin godhan irratti dursa kennuun kan irratti hojjetan keessaa tokko garee hidhattoota akanneen irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaa tahuu himan.
Erga aangoo qabatanii booda MM Itoophiyaa Abiy Ahimed waliin wal arganii dubbachuu baatanis Al-Shabaab garuu diina waloo isaanii akka tahe Obbo Faayisal dubbatu.
“Itoophiyaan humna waraanaa qabdi. Somaaliyaan ammoo naannicha haalaan beekti. Kanaafuu biyyootni lameen wal deeggaruun yoo hojjetan abdii qabu. Yoo kana hin taane garuu Al-Shabaab biyyoota lameen irra darbuun iyyuu Gaanfa Afrikaatti yaaddoo tahuun itti fufa,’’ jedhan.
Hayyuu dureen Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen magaalaa Jigjigaa jiran Obbo Abdurahaman Mahaadii, ‘’haalichi yaadessaadha,’’ jedhanis kaayyoon Al-Shabaab garuu naannoo Somaaleetti ni milkaa’a amantaa jedhu hin qaban.
'‘Deeggarsa uummata Somaalee fi fudhatama hin qabu. Sababani isaas uummatni Somaalee amantaa fi aadaa isaa irratti uummata jabaadha. Falaasama siyaasaa fi barsiisa amantaa Islaamaa akkasiin hin bitamu,’’ jedhan.
Itti dabaluun obbo Abdurahaman poolisii human addaa Naannoo Somaalee maallaqaan,hidhannoo fi human namaan cimsuu gaafata jedhan.