Jinkaatti dhukkubni hakiima dabalatee namoota galaafate vaayirasii Maarburg ta'uun barame, talaallii ykn qoricha qabaa?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa Kibbaa, Jinkaatti dhibeen hakiima dabalatee du'a namoota ja'aaf sababa ta'e Vaayirasii Maarbarg (Marburg virus (MARV)) ta'uusaa ministeerri fayyaa beeksiseera.
Dhibeen biyyoota gama kibba Itoophiyaan jiran keessatti mudatee ture kun torban dura naannoo Kibba Itoophiyaa keessatti mul'atee ogeessota fayyaa lama dabalatee namoota lama kan galaafate.
Ministeerri Fayyaa ibsa baaseen Jimaata Sadaasa 14, 2025 namni mallattoon dhibee kanaa irratti mul'ate ykn namni vaayirasii kanaan shakkame akka hin argamiin ibsuun, dhukkuba kana ittisuufi to'achuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu eereera.
Vaayirasiin kun waggaa tokko dura biyyoota Baha Afrikaa keessatti mudatee namoota baayyee kan du'aaf saaxilee ture.
Vaayirasiin Maarbarg jedhamu kun dhukkuba haala saffisa cimaa ta'een daddarbu yoo ta'u, Iboolaa waliin akka wal fakkaatu ogeessonni ni dubbatu.
Mallattoon dhukkuba kanaa ho'a qaamaa, dhukkubbii manyee, garaa kaasaa, ol deebisuufi yeroo tokko tokkos dhiigni jabaa dhangala'uu yoo ta'u, dafee ajjeesuu kan danda'udha.
Waggoota dhiyoo asitti namoonni dhibbaan lakkaa'aman vaayirasii Maarbargiin qabamanii lubbuu dhabaniiru. Namoonni dhibee kanaan du'an harki caalan Afrikaa keessattidha.
Vaayirasiin Maarbarg maalidha, hangamis hamaadha?
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka ibsetti, Maarbarg namoota qabate keessaa giddu-galeessaan walakkaa ajjeesa. Weeraa dhukkuba kanaan dura mudate keessaa dhibbentaa 24 hanga 88 kanneen ta'an ajjeeseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Vaayirasiin kun yeroo jalqabaatiif kan barame bara 1967 Jarman, Maarbargiifi Firaankifart, akkasumas Sarbiyaa, Beelgireed keessatti weerara mudateen yoo ta'u, namoonni 31 vaayirasii Kanaan qabamanii booda torba kan ta'an sababa dhukkuba kanaan du'aniiru.
Weerarri kun kan mudate qamalee magariisaa Afrikaa Yugaandaarraa gara Awurooppaa geeffamanirraa ture.
Isaan booda garuu vaayirasiin kun bineeldota biroo waliin walqabatees ka'eera.
Vaayirasiin kun namoota gidduutti ballinaan kan dadddarbu bakkeewwan waashaawwan/holqawwan simbiroonni halkanii jiraniifi bakkeewwan albuuda baasan keessa namoota yeroo dheeraa turaniinidha.
Waggoota muraasa darban keessa Vaayirasiin Maarbarg biyyoota itti aanan kanneen keessatti mudateera:
Iqquwaatooriyaal Giinii
Gaanaa
Keeniyaa
Afrikaa Kibbaa
Yugaandaa
Zimbaabuwee
Ruwaandaa
Bara 2005 weerarri kun Angoolaa keessatti mudatee namoota 300 ol ajjeeseera.
Kutaa addunyaa hafan keessatti ammoo waggoota 40 darban keessatti namoonni Vaayirasii Maarbargiin du'an lama qofaadha. Tokko Awurooppaatti yoo ta'u, kan biraan ammoo Ameerikaattidha.
Namoonni lamaanuu Yugaandaa keessatti warshaawwan daawwatanii ture kan deebiyan.

Madda suuraa, Getty Images
Vaayirasiin kun kanaan dura eessatti mudate?
Akka ogeessonni fayyaa jedhanitti vaayirasiin kun yeroo dhiyootti kan mudate Ruwaandaa keessatti dhuma Fulbaana 2024 ture.
Vaayirasiin kun Ruwaandaa keessatti yeroo jalqabaaf kan mudate yoo ta'u, maddi isaa hanga ammaa hin baramne.
Ollaa Ruwaandaa biyyoonni ta'an Yugaandaa fi Tanzaaniyaan bara 2017 fi 2023 weerarri Maarbarg akka mudate gabaasanii ture.
Warra dhukkubni kun irratti argamuun mirkanaa'e keessaa tokko tokko ogeessota fayyaa turan.
Kibba Itoophiyaatti vaayirasiin kun mudatee booda ogeessonni fayyaa fi namoonni biraa qabamanii lubbuun isaanii darbuu mootummaan beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaa dhukkuba kana ittisuudhaaf ogeessotaafi meeshaalee wallaansa fayyaa kan rabse yoo ta'u, carraaqqii kana gargaaruuf ammoo Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ogeessota, meeshaalee ittiin qorataniifi meeshaalee ittisaa akka dhiyeessu beeksiseera.
Mallattoowwan Vaayirasii Maarbarg maal fa'i?
Vaayirasiin kun yeroo tasa jalqabu:
Ho'a qaamaa
Bowwuu mataa cimaa
Dhukkubbii manyee
Guyyaa sadii booda ammoo mallattoowwan biroo itti fufanii mul'aru:
Garaa kaasaa qal'aa
Dhukkubbii garaa
Ol ol jechuu/garaa hammeessuu
Ol deebisuu/ diddiksuu
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, "dhukkubsattoonni sadarkaa kanarra jiran 'du'aa kan jiran fakkaatu', ija keessa gale, fuula miira hin qabne fi dadhabbii cimaatu irratti mul'ata," jechuun namoonni dhukkuba kanaan qabaman baayyee akka miidhaman eereera.
Namoonni baayyees kutaa qaamaasaanii keessaa dhiigatu dhangala'a. Tokko tokko ammoo dhiigni jabaa dhangala'uurraa kan ka'een sababa naasuutiin mallattoon isaa isaan jalqabee guyyoota saddetii hanga sagalii keessatti lubbuun isaanii darba.

Madda suuraa, Getty Image
Vaayirasiin Maarbarg akkamiin daddarba?
Qamaleen magariisaa fi booyyeen Afrikaa vaayirasii kana baachuu danda'u.
Simbirroon halkanii Masirii yeroo baayyee vaayirasii kana baatti.
Namoota gidduu ammoo dhangala'aa qaama namaa keessaa ba'uufi uffata faalame tuttuquudhaan daddarba.
Namoonni yoo dhibee kanarraa fayyanillee dhiigasaanii ykn dhangala'aa sanyii isaanii keessa vaayirasichi ji'oota hedduuf turee daddarbuu danda'a.
Akkamiin wallaanamuun danda'ama?
Yaaliiwwan taasifaman jiraatanillee vaayirasii kanaaf wallaansi fayyaa adda ta'e ykn talaalliin hin jiru.
Bu'aan dhiigaa gara garaa wallaansa fayyaatiif gargaaran, qorichoota, akkasumas karaan ittiin dhukkuba kana ittisan qophaa'oodha jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.
Doktoroonni dhukkubsattoota hospitaala jiraniif dhangala'aa baayyee kennuun, akkasumas dhiiga dhangala'e bakka buusuudhaan dhukkubsattoonni akka tasgabba'uun ni danda'ama.
Akkamiin to'atamuu danda'a?
Dhaabbanni idil-addunyaa Gaavii jedhamu akka jedhetti taanaan, namoonni Afrikaa keessa jiran foon bosonaa adamoon argamu nyaachuurraa of qusachuu qabu.
Akkasumas namoonni naannawaa weerarri dhukkuba kanaa itti mudate jiran tuttuqqaa booyyee waliin qaban dhiisuu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ni gorsa.
Dhiironni vaayirasiin kun isaan qabate mallattoowwan dhukkuba kanaa irratti erga mul'atanii booda yeroo waggaa tokko ta'uu ykn vaayirasiin kun akka isaan keessa hin jirre sanyii kormaa isaanii si'a lama qoratamuun hanga mirkaneessanitti yeroo saal-qunnamtii taasisan kondomii fayyadamuun isaanirra jiraata.
Namoonni warra vaayirasii kanaan du'an awwaalanis reeffa tuttuquurraa of eeggannoo gochuu qabu.












