Mariin nagaa mootummaafi WBO gidduutti eegalame itti fufee gaggeeffamaa jira

Madda suuraa, SM
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Tanzaaniyaatti Kibxata eegalee gaggeeffamaa jira.
Maddeen bakka marichi itti gaggeeffamaa jirurraa BBC'tti akka himanitti, Kibxatarraa kaasee mariin nagaa Taanzaaniyaatti jalqabame kun guyyaa sadaffaaf itti fufee gaggeeffamuutti jira.
Mootummaa Itoopiyaafi WBO gidduutti mariin Ebla 25, 2023 irraa kaasee Tanzaaniyaatti akka eegalu Dilbata darbe sagantaa galataa fi beekamtii kennuu qaamota akka kaaba Itoophiyaatti dhfuuf gummaachaniif qophaa'erratti ture MM Abiy Ahimad uummataaf kan ibsan.
Dubbii MM Abiy hordofee WBOnis ibsa baasen, mootummaa Itoophiyaa waliin Tanzaaniyaatti mariin gaggeeffamuuf akka jiru BBC'f mirkaneesseera.
Maddeen BBC'tti akka himanitti, qamolee lamaan bakka bu'uun namoonni jaha jaha gamaafi gamanarraa maricharratti hirmaataa jiru.
Gama mootummaatiin jila marii kanaaf gara Tanzaaniyaatti warra imalan keessaatti namoonni marii kanaan dura mootummaa Federaalaafi TPLF waliin Piritooriyaatti tureerratti qooda fudhatan keessaa, Ambaasaaddar Rediwaan Huseen fi Dr. Geeniyoon Ximootiwoos akka argaman maddeen BBC'tti himniiru.
Gama WBOtiin ammoo hayyuu Seenaa buleessi Piroofeesar Mahaammad Hasan, gorsaa ajajaa waliigalaa WBO Obbo Jireenyaa Guddataa, Obbo Xahaa Abdii, Luba Bantii Ujuluu keessatti akka argaman maddeen BBCtti himan.
Mariin guyyoota muraasaaf akka itti fufu eegamu kunis, Tanzaaniyaa bakka addaa oddola Zaanzibaar jedhamutti gaggeeffamaa jiraachu maddeen BBCtti hima.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
MM Abiy mariin nagaa uummannii fi mootummaan Itoophiyaa haalaan barbaadu Tanzaaniyaatti gaggeeffamuuf akka jiru ibsuusanii hordofuun, qaamni waggoota darban afurii oliif mootummaa waliin wal lolaa ture WBOn ibsa baaseen, "tarkaanfii murteessadha" jedhe ture.
Kanaan dura mariin nagaa qaamolee lamaan gidduutti akka gaggeeffamuuf Keeniyaatti beellamamee mootummaan irraa akka hafee ture kan dubbatan Kumsaa Dirribaa, marii amma Tanzaniyaatti ta'amurraa ''karaa gaaffii siyaasa Oromoo deebisuu danda’uun’’ waliigaltee nagaa irra gahuuf qophii ta'uu BBC'tti himan.
"Gaaffii uummata Oromoo namni lamaa fi sadii taa'ee kan murteessee biraa deemu miti. Wal bira teenyee mari’annee furmaata arganna yoo tahe akka sabaatti Oromoonis keessaa qooda qaba,’’ jedhan Marroon.
MM Abiy Dilbata darbe Ebla 23, 2023 haasaa sagantaa ‘Waraanni Yaa Dhaabbatu, Nageenya Yaa Waaressinu’ jedhurratti taasisaniin, "Nageenyii akkasumaan kan dhufu osoo hin taane, kan dhamaatiifi gootummaadhaan dhufadha,'' jedhanii ture.
Wal dhabdee waggoottan darban afurii oliif mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaa ABO-Shane jedhuun jidduutti umammeen keessattuu naannawan hidhattoonni keessa socha'aniitti badiin lubbuufi qabeenyaa hedduun qaqabaa tureera.
Badiiwwan kanneeniifis mootummaan hidhattoota kanneen itti gaafatamtoota taasisaa kan ture yoo ta'u, isaan garuu himannaawwan kanneen qaamni walbaa akka qoratuuf waamicha taasisaa turunsaanii ni yaadatama.












