Faransaay ajjeechaa ol-adeemaa booda hokkora dhalate to'achuuf Poolisii 40,000 bobbaasuuf

Ajjeechaa ol adeemaa ganna 17 irratti poolisiin raawwate hordofee hokkara galgala lammaffaaf Faransaay keessatti gaggeefamaa jiruun namootni 180 ta'an to'atamaniiru, Poolisiin 40,000 ta'us bobbaafamuufi.
Kibxata darbe dhiyeenya magaalaa Paarisitti poolisiin konkolaattota sakatta'uurra jiru dhukaasa ol-adeemaa tokkorratti baneen dargaggeessi ganna 17 ajjeefamuun Faransaay keesssatti dheekkamsa kaaseera.
Dargaggeessi ganna 17 konkolaachisaa ta'e Nahel M, bakka sakattaa tiraafikaatti dhaabachuu didee, konkolaataa ofee sokkuu isaaf rasaasaan rukutamee ajjeefame. Nahel maatii Aljeeriyaa lammummaa Faransaay qaban irraa dhalate.
Dheekkamsa uummataa dhalateen galmi magaalaa, manneen barnootaa, buufataaleen Poolisiifi konkolaattonni hedduun gubataniiru.
Poolisii ajjeechaa kana raawwate irratti qoranoon gaggeefamuu eegaleera.
Pireezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ajjeechaa raawwatame kanaan fudhatama kan hin qabnee jechuun balaaleffataniiru.
Itti dabaluunis sa'aatiiwwan dhufan keessatti haqniifi tasgabbiin akka deebi'u hojjechuun barbaachisa jedhan.
Abbootiin alangaa biyyattiis haala tureen meeshaa waraanaa fayyadamuun seera duratti fudhatama kan qabu mitii jedhaniiru.
Ministirri dhimma biyya keessaa Faransaay Jeeraald Daarmaniin ibsa gabaabaa gaazexessitootaaf kennaniin poolisonni 40,000 ta'an guutuu Faransaay keessatti galgala kana ni bobbaafamu jedhan.
Faransaay roobii darbe hokkara dhalate kana to'achuuf poolisoota 9,000 qofa bobbaafte.
Jeequmsi amma Faransaay keessatti gaggeefamaa jjiru jabaa ta'us ammatti labsii yeroo ariifachiisaa labsuuf akka hin jirres qondaalli kun dubbataniiru.
Jeequmsa Roobii galgalaan miseensonni poolisii170 ta'an miidhamuu fi namootni 180 ta'an to'annoo jala oolfamuu Jeraald dubbataniiru.
Manneen barnootaa ykn gidduugaloota hawaasaa yoo haleeltu, mallattoolee biyyaa haleelaa jirta'' jechuun ''haqa, tasgabbiifi bilisummaa'' deebisuuf akka hojjetan dubbatan.
Roobii halkan hokkara jabaa magaalaa guddoo Paariis keessatti dhalateen walqabatee daandiiwwan isheerra konkolaattota gubatan hedduun mul'ataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannolee qarqara magaalaa Paarisitti halkan guutuu jequmsi kan itti fufe ta'us, bakki walitti bu'iinsi fi hokkarri itti cime keessaa tokko bakka dargaggoon kun itti ajjeefame, Nanterre jedhamuudha.
Aanga'onni naannichaa akka bahan dirqisiifamuu Le Monde gabaaseera.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodame konkolaattonni ibiddaan yoo qabatan, manneen daldalaa yoo saamaman agarsiisa.
Manni hidhaa naannoo Fresnes kan Kibba Paarisitti argamu mormitootarraa xaaxoftuu daddarbatameen miidhaan irra gahuu AFP'n gabaaseera.
Magaalaa Kaaba Paaristti argamtu Lille keessattis akkasuma hokkora tureen galma magaalaa Mons-en-Barœul namootni cabsanii seenuun ragaaletti ibidda yoo qabsiisan viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasummaarra qoodameera.
Kibxata darbe pireezidant Imaanu'eel Maakroon ajjeefamuun Naheel ''dhiifatama'' kan hin qabneedha jedhan.
Yaadni Maakroon kun waldaa tokkummaa Poolisootaarraa dheekkamsa kaaseera. Poolisii ajeechaa kana raawwate murteessuuf ariifatan jedha waldaan kun. Poolisiin kun qoratamee hanga balleessaan irratti argamutti shakkamaadha jedha.
Dubbiin Maakroon kun jibba Poolisiirra hawaasa keessa jiruuf carraa bal'aa uume jechuunis morme.












