Harargee Lixaatti harreen bukurii lakkuu dhalte ‘ajaa’iba’ jedhamte

Harargee Lixaatti Harree lakkuu dhalte

Harreen lakkuu dhaluu ''akka biyya keenyaatti takkaa arguu mitii gurrattuu hindhageenye” jedhan jiraataan aanaa Burqaa Dhintuu Obbo Abdii Shee Mahaammad.

Aadde Zayituunaa Mahaammad Godina Harargee Lixaa aanaa Burqaa Dhintuutti jiraattuu araddaa Burqaa Odaati.

ALI Guraandhala 19, 2016 harreen qe’ee isaanii keessatti dhalattee guddisan bukurii (ilmoolee harree) lama yeroo tokkotti dhalte.

Taateen harreen lakkuu dhaluu akkuma addunyaattuu baay’inaan hin mul’anne. Kunis Aadde Zayituunaa qofa osoo hintaanee jiraattota araddaa Burqaa Odaa biratti dubbii ajaa’ibaa ta’e.

“Namni guutuun akkanumatti gammadee bahee ilaala. Akka daawwiitti dhufanii ilaalan. Akka biyya keenyaatti takkaa arguu mitii gurrattuu hindhageenye. Kunooti har’uma kana ijaan agarre malee” jedhan jiraataan aradichaa Obbo Abdiin.

Harreen Aadde Zayituunaa amma lakkuu dhalte kun kanaan dura yeroo lama kan dhalte yemmuu ta’u, yeroo lachuu bukuriiwwan tokko tokko qofa dhalte.

Harreen isaanii lama yeroo tokkotti dhaluun Aadde Zayituunaa akkaan kan gammachiisedha.

“Ni gammanne. Dabalata arganne jennee gammanne. Kana dura waan akkanaa hin agarre. Har’uma agarre” jechuun miira itti dhagahame himan.

Bukuriiwwan dhalatan lachuu dhaltuu yemmuu ta’an bifti isaaniis takka adii isheen biraammoo gurraattii ta’uus himaniiru.

Bukuriiwwan lachuu yeroo ammaatti haala fayyaa gaariirratti akka argaman kan himan Aadde Zayituunaan, “Karoorrikoo ilmoo kana guddisee horsiisuudha malee gurguruuf yaada hinqabu” jedhaniiru.

Harreen isaanii tun gara fulduraattis lakkuu dhaluu akka dandeessu abdii qaban himaniiru.

“Namni harreefii haroo hinqabne hinjiraatu…”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimmi harree Aadde Zayituunaa Mahaammad jiraattotaaf qofa osoo hintaanee oegeeyyii fayyaa beeyladaa aanaa Burqaa Dhintuufis waan haaraadha.

Taateen akkanaa aanaa isaanii keessatti kana dura uumamee akka hinbeekne BBC’tti kan himan Waajjira Qonnaa Aanaa Burqaa Dhintuutti Abbaan Adeemsaa Eegumsa Fayyaa Beeyladaa Dr. Birhaanuu Bahaaruu, “Harreen ilmuma takka dhalti. Akka saayinsiittis waan baramaa miti” jedhan.

Garuummoo “Wantu kun baramaa ta’uu baatullee inuma uumama” kan jedhan Dr. Biraanuun, taatteen kun erga uumamee booda fayyaa bukuriiwwan dhalatanii hordofaa jiraachuu himan.

“Haala fayyaan walqabatee dhukkubnillee kan qunnamu yoo ta’e, akkasumas harreen uumamaan takka dhalti waan ta’eef aannan gahaa haadharraa argachuu yoo dhabanillee deeggarsa nyaataa gochuuf ogeessi keenya abbummaan qabatee hordoffii akka taasisuuf qabsisnee jirra” jedhan.

Oggeessa fayyaa beeyladaa araddaa Burqaa Odaa kan ta’e Naasir Daawudis fayyaa harree lakkuu dhaltefii bukuriiwwan lamaanii hordofaa jiraachuu BBC’tti himeera.

“Ilmaan lachuu fayyaalessa, akka nuti yaadne miti. Duraan lallaaffatanii (du’uu) danda’u jennee shakkinee turre” jedhe.

Faayidaan harreen jiraattotaaf laattu olaanaa ta’uu kan himu ogeessi kun bishaan maddaa kan hinjirre ta’uusaatiin namoonni karaa fagoo deemuun ahrreetti fayyadamuun bishaan haroodhaa akka waraabbatan hima.

“Namni harreefii haroo hinqabne hinjiraatu jedhamee yaadama. Harreen asitti bu’aa guddoo qabdi” jechuunis hime.

Gama biraatiin bukuriiwwan lakkuu dhalataniin walqabatee qaamni qorannoo gaggeessuu barbaadu yoo deeggarsa gochuuf qophii ta’uu Dr. Birhaanuun himaniiru.